Barattoonni Meeksikoo jaakkeettii elektiriikii haleellaa namarraa ittisu kalaqan

Anaa'idaan samuuda kobbortichaa qopheessite

Madda suuraa, Conacyt

Ibsa waa'ee suuraa, Kobboortichi irree irraa elektiriikii qaba

Baratttoonni Meeksikoo afur jaakkeetti kana kalaqan nama uffate halellaa irraa ni eega jedhaniiru.

Takkaa meeshaa kana irree jaakkeettii keessa keenyaan nama itti bu'e hunda ofitti harkisuun shuntureessa.

Barattoonni kunneen haleellaan saala bu'ureeffate baay'achuun yaada kana akka burqisiisan isaan kakaasuu himu.

Elektiriikiin qabatu kun hanga meeshaa waraanaa yoo tahu baateyyuu nama nama haleeluu dhufe naasisuuf gahaa dha jedhaniiru.

Goodiloop, Isteellaa, Anaa'idfi Giiwaan warreen yaadichi burqisise.

Madda suuraa, ITESM

Ibsa waa'ee suuraa, Goodiloop, Isteellaa, Anaa'idfi Giiwaan warreen yaadichi burqisise.

Samuudni kalaqa kanaa barattoota injinariingii sadiifi barataa seeraa tokkoon hojjetame. Dubartootaafillee mijataadha jedhameera.

Barattoonni institiyuutii Teekinooloojii Moonteerii, '' barattoonni dubartootaa haleellaafi miidhaan akka irra gahu qorannoo erga taasisanii booda yaada kana hojiitti hiikne'' jedhu.

Magaalaan yunivarsiitiin isaanii keessatti argamu Puubeelaa keessaatti miidhaan saalaa yeroo baayyee mudata.

Meeshaa of eeggannoo yookiin ofirraa ittisaa waan taheef seeraan hayyamamaadhas jedhameera.

Jaakkeettiin kun qarshii 1,380 baasa jedhameera.

Kootichi qulfii malaan keessttii kaa'ameen hojjeta

Madda suuraa, Conacyt

Ibsa waa'ee suuraa, Kootichi qulfii malaan keessttii kaa'ameen hojjeta