Wandaboo dubartii daabboo 500 irraa hojjetame, badhaasa filmii Afrikaa irratti addunyaa ajaa'ibsiise

Madda suuraa, BBC/GIFT UFUOMA
Caamsaa 10, 2026 Naayijeeriyaa, Leegoosiitti kan gaggeeffame sirni badhaasa fiilmii Afrikaa maqaa Africa Magic Viewers' Choice Awards (AMVCA) jedhamu, sagantaa halkanii guddicha fiilmii fi faashinii Afrikaa jedhamuun beekama.
Sagantaa marrsaa 12ffaa kanarratti aadaan gosa adda addaa, uffannaan garagaraa fi kalaqoonni hedduun mul'ataniiru.
Sirna kanarratti namoota bebbeekamoo Naayijeeriyaa dabalatee biyyoota kibba, lixaa fi baha Afrikaa irraa taatonni, ogeeyyiin miidiyaa fi aanga'oonni olaanoon argamuun bareechaniiru.
Sagantaan AMVCA kan qabiyyeewwan fiilmii akkasumas diraamaawwan fi dokumentariiwwan TV karaa qulqullina qabuun tamsa'anii fi namoonni hirmaatan hojii addaa hojjetaniiru jedhamuun ogeeyyii aartii fi daawwattootaan filataman irratti badhaafamaniidha.
Sagantaa Dilbata darbe magaalaa Naayijeeriyaa, Leegoositti gaggeeffamerratti namoonni bebbeekamoon, ogeeyyiin fiilmii akkasumas namoonni miidiyaa hawaasummaa irratti dhiibbaa uuman uffannaa gosa adda addaan faayamanii argamaniiru.
Sagantaa karaa dhaabbata guddicha Afrikaa keessatti qabiyyeewwan bashannanaa dhiheessuun beekamu, Multichoice Africa, gaggeeffame kanarratti namoonni bebbeekamoon hirmaatan, aadaa biyyasaanii dhiheessuun alatti uffannaasaaniin wal dorgomaniiru.
Sirna badhaasa filmii, ogummaawwan artii karaa TV fi dijiitaalaa darban kan Hoteela Ekkoo magaalaa Leegoositti argamutti gaggeeffame kanarratti bareedina addaa ta'uun kan mul'atan uffannaawwan adda addaa mata duree falmiis ta'aniiru.
Namoota sirna kanarratti hirmaatan hunda keessaa garuu addatti kan qalbii namootaa hawwate uffata taatoon sagantaa TV irratti beekamtu tokko uffattee argamtedha.
Sagantaa TV ''Reality TV'' irratti hirmaachuun kan beekamtee fi Kuwiin Mersii Ataang jechuun kan of waamtu wandaboo daabboo 500 irraa hojjetame uffattee dhihaatte.
Dubartii kanaaf uffata akkanaan sirna guddaa kanarratti dhihaachuun salphaa hin turre. Waliin akka hin rakkanneef namoonni lama bitaa fi mirga goranii wandaboo daabboo hedduurraa hojjetame kana irratti qabanii afata diimaa irra deemsisaa turan.
Uffata garri caalu daabboodhaan faayame kana uffattee deemuuf kan rakkataa turte dubartiin kun, halkan sanarraa eegaltee mata duree oduu taateetti.
Ataang wandabboo daabboorraa hojjetame kana uffattee sirna guddaa kanarratti argamuu kan barbaaddeef daldala daabboo ishee beeksifachuuf akka ishee gargaaruuf ta'uu dubbatteetti.
Hojiin faashinii kan gabaa barbaadu malee rifaatuu uumuun galma isaa ta'uu akka hin qabne dubbatte.
''Oomisha kiyya beeksisuuf haalli mijataan sirna badhaasa kanaa caale hin jiru,'' jette.

Madda suuraa, BBC/GIFT UFUOMA
Dizaayinii uffata Ataang kana kan hojjette haati qabeenyaa dhaabbata faashinii Tiannah's Empire jedhamuu Toyin Lawan ''hundinuu waan gabaarraa qabu haa uffatu, daldalasaa haa beeksifatu,'' mata duree jedhuun duula eegaluuf akka jettu Instagram isheerratti barreessite.
Uffannaan akkuma argameen miidiyaa hawaasummaarratti namoota hedduu dubbachiisuu eegale kun, kan biratti yoo qeeqamu, kaan ammoo jajaniiru.
"Daldala ofii dura aansuu'' jechuun kanneen jajan akkuma jiran, soorata qisaasessuudha kan qeeqanis jiru.

Madda suuraa, BBC/MOBOLAJI OLATUNDE

Madda suuraa, Reuters











