US qoqqobbiiwwan Ertiraa irraa kaasuuf akka jirtu sanadi keessoo mootummaa biyyattii mul'ise

Pirezidant Isaayaas fi Pirezidant Tiraamp
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ameerikaan biyya iddoo mijataa handaara Galaana Diimaa jirtu, Ertiraa, irra qoqqobbii keessee turte kaasuuf akka jirtu wantoonni akeekan jiraachuu, Rooyitarsi sanada keessoo mootummaa US irraa akka argate ibsuun gabaaseera.

Tarkaanfiin Ameerikaa kun hariiroo Ertiraa waliin qabdu fooyyessuu fi Ertiraan biyya ollaashee taate, Itoophiyaa, waliin waraanatti akka hin seenne ergaa dabarsuu kan kaayyeffate ta'uu xiinxaltoonni yaada kennaniiru jedha gabaasi Rooyitarsi.

Ameerikaa fi Iraan waraanatti seenuu hordofee daandiin geejjiba galaanarraa addunyaaf akkaan murteessaa ta'e- Ulaan Hormuuz cufamuun scohii dooniiwwanii baayyee danqeera.

Kanarraa ka'uun daldala galaanarraa Eeshiyaa irraa gara Galaana Meediteraaniyaaniitti taasifamuuf Galaanni Diimaan akkaan murteessaa ta'eera.

Ameerikaanis gama tokkoon dhimma Ulaa Hormuuz, haaluma walfakkaatuun ammoo waa'ee to'annoo Galaana Diimaa dantaashee keessaa haqxee hin beektu.

Itoophiyaa fi Ertiraan waggoota kurna lamaaf diina waliif ta'anii turanis erga Ministirri Muummee Abiy Ahmad aangootti dhufanii hariiroon biyyoota ollaa kunneenii debei'ee fooyya'ee ture.

Waraana Kaaba Itoophiyaa- Tigraay keessatti gaggeeffamee fi lubbuu namoota hedduu galaafate keessatti loltoonni Itoophiyaa fi Ertiraa waliin hiriiruun wal tumsanii lolaniiru.

Waraanni Tigraay waliigaltee Piriitooriyaa, kan Ameerikaan adda durummaan keessatti hirmaatteen erga obba'ee booda hariiroon Itoophiyaa fi Ertiraa deebi'ee laafe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga Ministirri Muummee Abiy Ahmad waa'ee buufata galaanaa argachuu ifatti dubbachuu eegalanii ammoo biyyoonni lameen sadarkaa diina waliif ta'uurra ga'an.

Amma Ameerikaan qoqqobbiiwwan Ertiraa irra keessee turte kan kaastu yoo ta'e, adeemsa Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuun walqabatee itti jirtu deeggaruu dhiisuu dandeessi.

Rooyitarsi dippiloomatonni Gaanfa Afrikaa ''tarkaanfiin US kun Ameerikaan handaara galaanaa argachuuf tarkaanfii humnaa isheen fudhattu kamuu akka hin deeggerre ergaa dabarsa,'' jechuun dubbachuusaanii gabaase.

Sanadi keessoo mootummaa Ameerikaa kan Rooyitarsi argachuu himes ''ulaa galaanaa argachuuf tattaaffii humnaan taasifamu kamuu akka morminu deddeebinee Itoophiyaaf ibsineerra,'' jedha.

Dabalataan biyyoonni lameen- Itoophiyaa fi Ertiraan, tokko dhimma isa kaanii keessa seenuun ''hookkara uumuurratti hirmaachu'' ilaalchisee akeekkachiisa akka kenname ibsa sanadichi.

Torban duras gaazexaan Wall Street Journal jedhamu, bulchiinsi Pirezidant Doonaald Tiraamp hariiroo US fi Ertiraan qaban daran fooyyessuuf karoora akka qabu aanga'oota US wabeeffachuun gabaasee ture.

Gaazexaan kun dabaluun bulchiinsi Tiraamp qoqqobbiiwwan Ameerikaan biyya Gaanfa Afrikaa taate- Ertiraa, irra keessee turte kaasuuf adeemsi akka eegalamu fedhii agarsiisuu gabaaseera.

Akkasumas hariiroo US fi Ertiraa fooyyessuuf tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban irratti marii gaggeessaa jiraachuu gaazexaan kun gabaasa isaa keessatti eereera.

Pireziantiin duraanii US Joo Baayidan loltoonni Ertiraa waraana kaaba Itoophiyaa keessatti hirmaachuun walqabatee, waggoota shan dura Ertiraa keessatti paartii biyya bulchaa jiru, waraana biyyattii fi aanga'oota siyaasaa irratti qoqqobbii labsee ture.

Sanadi keessoo mootummaa US kan Rooyitarsi argachuu ibse, ajajoonni pirezidantii biyyoota hedduu ilaallatan labsamuuf akka jedhan akkasumas qoqqobbiiwwan biyyoota garagaraa irraa kaafamuuf akka jedhan mul'isa.

Haata'u malee Ertiraa dabalatee biyyoota addunyaa garagaraa irraa qoqqobbiin Ameerikaan keesse yoom akka kaafamu hin eeramne.

Rooyitarsi dhimma kanarratti ministeera dhimma alaa fi ministeera maallaqaa Ameerikaa irraa yaada dabalataa argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.