'Asmaraafi Asab qabachuu kan nu dhorke Mallasiifi Ameerikaadha'

- Barreessaa, Hiikaa Fiixasaa
- Gahee, Gaazexeessaa
"Lafti keenya weeraramee callisnee taa'uun sirrii miti, haleellee baasuu qabna. Inumaayyuu hanga Asmaraatti fullaanee qabachuu qabna ejjannoo jedhu qabna turre; Mallas garuu walabummaa biyya namaa sarbuu ta'a jedhee nu falme. Ameerikaanis daftee gidduu seente."
Kana kan jedhe Pirezidaantii duraanii Itoophiyaa Nagaasoo Gidaadaa (PhD)dha.
Ertiraan waggoota 30 dura Itoophiyaarraa gaafa adda baatee biyya walabaa taatu, Itoophiyaatti ulaan galaanaa cufame.
Afrikaa keessaa biyyoota humna galaanaa cimaa qaban keessaa tokko kan turteefi biyya buufata doonii qabdu kan turte Itoophiyaan kufaatii mootummaa Dargii booda kana hunda dhabde.
MM Abiy Ahmad akkuma aangotti dhufaniin osoo hin turin dubbii ulaa galaanaa irra deddeebiin kaasuu eegalan.
Qondaalonni Itoophiyaas irra deddeebin Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu akka qabduufi keessumaa Itoophiyaan Buufata Doonii Asab akka hin malletti akka dhaban dubbachuu eegalan.
Inumaayyuu MM Abiy Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaatti bahuun dirqama akka ta'eefi danda'amnaan karaa dippilomaasii dhimma kana milkeessuuf akka carraaqan irra deddeebiin yeroo dubbatan dhagahamu.
Haa ta'u garuu, Waraana Itiyoo-Ertiraa waggoota 20 dura gaggeeffamerratti Itoophiyaan carraa Asab qabachuun Galaana Diimaatti bahuu argatte akkamiin itti fayyadamuu dadhabde?
Yaada Pirezidaantii duraanii Itoophiyaa Nagaasoo Gidaadaafi qondalota waraanaa Itoophiyaa lola Itiyoo-Ertiraa keessatti hirmaatanii akkanaan qindeessineerra.
Yeroo waraanni Itiyoo-Ertiraa gaggeeffamu pirezidaantii Itoophiyaa kan turan Nagaasoo Gidaadaa, waraanni Itoophiyaa magaalaa guddoo Ertiraa kan taate Asmaraa qabachuun, buufata doonii Asab to'achuuf carraa bal'aan akka tureefi Mallas Zeenaawwii garuu loltoonni Itoophiyaa akka duubatti deebi'an gochuu yeroo lubbuun jiran kitaaba isaanii "Daandii Nagasoo" jedhu keessatti ibsaniiru.
Hanga waraanni Itiyoo-Ertiraa ka'utti walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii baya'ee hoo'aa ture.
Keessumaa Ministiira Muummee duraanii Itoophiyaa Mallas Zeenaawwiifi Pirezidaant Isaayaas Afawarqii gidduu michummaa cimaatu ture jedhama.
Michummaan ture battalatti diinummaatti geeddaramuun biyyoonni lachuu waraana ijibbaachisaatti seenan.
''Mallas halkan wal-gahii hatattamaa nu waamee Ertiraan nu weeraruu nutti hime''

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Walitti dhufeenya Ertiraafi ADWUI, keessumaa TPLF fi Shaabiyaa, gidduu ture gadi fageessanii akka hin beekne kan himan Nagaasoon, Ertiraan weerara gaggeessuu hordofee Itoophiyaan tarkaanfii waraanaa cimaa fudhachuun inumaayyuu carraa kanatti fayyadamuun ulaa Galaana Diimaa dhabde turte deeffachuu akka qabdu kanneen ejjannoo qabatan keessaa adda dureedha.
Waraanni osoo hin eegalin dura koreen walitti dhufeenya Itoophiyaaf Ertiraa hordofu hundaa'uu himu.
Korichi dhimma Asab (Itoophiyaan buufata Asab bilisaan akka fayyadamtu), abbummaa Itoophiyaan kuusaa boba'aan itti qulqulleeffamu kan Asabitti argamu irratti qabdu, Ertiraan biyya walabaa taatus birrii Itoophiyaa akka fayyadamtu, daldalli bifa haqa qabeessa ta'een akka gaggeeffamufi dhimmoota kaanis kan hordofu ture.
Haa ta'u garuu Ertiraan waliigaltee ture cabsuun daldaaltonni boba'aa bituu deeman birrii osoo hin taane doolaraan akka kaffalan gochuu eegaluufi gibira kaffalchiisuu akka eegalte kaasu.
Ertiraan biyya buna hin omishne taatus buna Itoophiyaarraa fudhattu alatti erguun beekamtii ittiin argachuufi lammiilee Itoophiyaa achi jiran irrattis dhiibbaa garaa garaa gaggeessuun wal-dhabdeef balbala banaa akka deeme ibsu Nagaasoon.
Birrii Itoophiyaa fayyadamuu dhiistee maallaqa ofiishee 'Naqfaa' jedhamu ifa gochuunshee ammoo walitti dhufeenya duraanuu laffatte caalmatti hammeesse.
Kana hordofe akka ALItti bara1990 sadarkaa mootummaatti Ertiraa wajjin walitti dhufeenya uumuuf gareen ministiirota of keessaa qabu hundaa'uu kan ibsan Nagaasoon, miseensonni garichaa Ertiraa wajjin qunnamtii gochaa turan namoota koree hoji raawwachiftuu TPLF malee dhaaba ADWUI keessaa ta'uu dhiisuun akka isaan hin gammachiisne ibsan.
"Kanarraa kan ka'e waa'ee walitti dhufeenya isaanii bal'inaan hin beekun ture. Komiin qaban ture; waliin hojjataa turanii erga waraanni ka'ee akkamiin amma nutti himu kan jedhu mufiin natti dhagahamee ture," jechuun akkaataa waraanni itti eegale gabaasa Mallas dhiyeesserraa akka baran himu.
"Gaaf tokko halkan [Mallas] wal-gahii hatattamaa koree hoji raawwachiiftuu nu waamee gabaasa dhiyeesse," jechuun Ertiraan Baadimmee weeraruu Mallas irraa akka dhagahan himu.
Waanti Nagaasoofi waahillaansaanii kaan gabaasa Mallas irraa dhagahan naasuu itti uumus hatattamaan qophii waraanafi duula dhiibbaa dippilomaasii eegaluun akka barbaachisu wal-gahicharratti murtaa'uu himu.
Koreen hundaa'ee hojii waliif qoodan. Mallas Zeenaawwiifi Siyyum Masfin hojii dippilomaasii irratti akka xiyyeeffatan murtaa'e. Qophii waraanaa taasifamuuf loltoota haaraa leenjisuu, xayyaarota waraanaa dabalatee meeshaalee waraanaa biroo bituufi loojistikii qindeessuuf Siyyee Abrahaa, Jeneraal Tsaadiqaanifi Tawaldaan itti gaafatamummaa fudhatan.
Nagaasoo Gidaadaa, Barakat Simi'oonifi Tawaldaa fa'aan ammoo hojii piropaagaandaafi dammaqiinsa uummataa uumurratti bobba'uun sochii eegalan.
Loltoonni Dargii keessumaa kanneen dandeettiifi ogummaa waraanaa cimaa qaban akka deebi'an godhamee sochiin Ertiraa irratti haleellaa banuu eegale.
'Ertiraan baatu malee mariif hin teenyu jennee dinne, Mallas garuu nu dhagahuu dide'
Kufaatii Dargii booda US mootummoota Afrikaa deeggarsa cimaa gootuf keessaa tokko Ertiraa ture.
Yeroo sana Mallas Zeenaawwii, Isaayaas, Museveniifi Pool Kaagaamee gaggeessitoota Afrikaa dimookiraatota ta'an jechuun US jajaafi deeggaraa akka turte kan himan Nagaasoon, kaayyoonshee kun akka jalaa hin gufanneef daftee waraana Itiyoo-Ertiraa gidduu seenuu ibsu.
"Waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamuuf keessumaa Ameerikaan wawwaachuu eegalte. Pool Kaagaamee waliin ta'uun jila erguun Mallas fa'aa waliin dubbachuun mariif taa'an.
Nuti ammoo mariif osoo hin taa'amin dura Ertiraan bakkeewwan to'atte gadhiistee bahuu qabdi ejjannoo jedhu qabanne. Achirratti garaagarummaan jalqabaa kan mudate," jechuun atakaaroo isaanifi Mallas fa'aa gidduu ture kan ibsan Nagaasoon.
Ertiraa irratti haleellaan banamuu qabaafi hin qabuu irratti falmiin osoo gaggeeffamuu Ertiraan tasa Mana Baruumsaa Hayidar kan Tigraay keessatti argamu haleeluu ibsu Nagaasoon.
"Haala kanarra osoo jirruu Shaabiyaan tasa Mana Baruumsa Hayidaritti barattoota boombii kilaastaraan haleele," jechuun taateen kun Ertiraa irratti duula banuuf carraa gaarii akka ture ibsuun garuu mormiin itti fufuu ibsan.
"Gareen tokko lafti keenya weeraramee teenyee ilaaluun sirrii miti tarkaanfii waraanaa fudhachuu qabna yoo jedhu, gareen biraa ammoo amma qofa osoo hin taane boodallee Shaabiyaan akka nu hin qoccolletti hanga Asmaraatti fullaanee Shaabiyaa dhabamsiisuu qabna jedhe.
Kanneen yaada kana morman turan. Nuti ammoo kuni harka kennachuudha jennee balaaleffanne," jechuun koreen hoji raawwachiiftuu [ADWUI] harki caalaan "Shaabiyaa barbadeessuu qabna" kan jedhurratti walii galuu himan.
Nagaasoo Gidaadaa akka jedhanitti Mallas Zeenaawwii Ertiraa seennee yoo lolle "walabummaa biyyaa sarbuu" kan jedhuun "hawaasi idiladdunyaa dhiibbaa guddaa nurraan gaha" kan jedhu yaaddoofi sodaa qabu dhiyeessaa ture.
"Walabummaa biyya namaa sarbuu ta'a, daangaa keenya keessaa yoo baasne gahaadha yaanni jedhu waan caleef wal-gahii koree hoji raawwachiiftuu irratti daangaan keenya bakka waraana dura turetti hanga deebi'utti waliigaltee [dhukaasa dhaabuu] hin mallatteessinu kan jedhuun sagalee 17 fi 2 mo'annee murtee dabarsine. [Waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteessuu qabna] jechuun kan morme Mallasiifi Kaasuu [Ilaalati]."
'Mallas loltoonni Itoophiyaa akka boodatti deebi'an ajaje'
Gaggeessaan duraanii Itoophiyaa Mallas Zeenaawiifi miseensa koree hoji raawwachiiftuu ADWUI kan turan Kaasuu Ilaalaa Ertiraan daangaa Itoophiyaa keessaa osoo hin bahin marii dhukaasa dhaabuu biyoonni akka US fa'aa dhiyeessan akka mallattaa'uuf deeggaranis Nagaasoo Gidaadaa dabalatee harki caalan waan didaniif duulli waraanaa Ertiraa irratti eeggaluu kitaaba Daandii Nagaasoo keessatti ibsameera.
Murtee koree hoji raawwachiiftuu ADWUI booda waliigalteen dhukaasa dhaabuu ifatti akka hafu godhamuun waraanatti galame.
"Maqaa duula waraanaa Zamachaa Tsahaay Gibaat jedhuun haleellan akka banamu kan murtaa'e Shaabiyaan xayyaara waraanaan [magaalaa] Addigiraat haleeluu hordofeeti," jedhu yeroo sana pirezidaantii Itoophiyaa kan turan Nagaasoo Gidaada.
Raayyan Ittisaa Itoophiyaa kallattii garaa garaan haleellaa banuun loltoota Ertiraa Baadimmee baasuu qofa osoo hin taane daangaa Ertiraa seenuun bakkeewwan heddu to'ate.
"Kallattii garaa garaan: karaa Baadimmee, Zalaambasaafi Asab haleellaa banuun baay'ee gara fuulduraatti deemnee turre. Daangaa Itoohiyaa dabarree lafa Ertiraa hamma tokkoyyuu to'annee turre," jedhu.
Qondaalonni waraanaafi miseensonni koree hoji raawwachiiftuu tokko tokko carraa kanatti fayyadamuun Asmaraa to'achuun akka danda'amu yaada dhiyeessan. Inumaayyuu Asmaraa to'achuuf kallattii kamiin akka mijatu irratti yaada mariiyyuu kan dhiyeessan jiru.
Akka Nagaasoon jedhanitti, Raayyan Ittisaa Itoophiyaa loltoota Itoophiyaa Baadimmee baasee daangaa lafa Ertiraa yeroo to'achuu jalqabetti Mallas biraa ajaji isaanifi waahillansaanii kaanif hin liqimfamne dhufe- 'duubatti deebi'aa kan jedhu.
"Ni gaha, ergamni keenya Shaabiyaa daangaa keenya keessaa baasuu malee Shaabiyaa balleessuu miti jedhe.''
Mallas qofaa osoo hin taane biyyoonni akka Ameerikaas waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka godhamuuf keessumaa Itoophiyaarratti dhiibbaa cimsuu akka eegalan ibsu.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamuuf dhiibbaa taasifamu fudhachuufi dhiisuu irratti falmii cimaan akka ture kaasu.
Dhiibbaa biyyoonni Lixaa taasisaniifi Mallas Zeenaawwii gochaa ture mormuun akkaataa itti Asmaraafi Asab to'atamurratti qondaalonni yaada dhiyeessan akka turan himu.
Kanaaf ammoo kallattii saditu dhiyaate: karaa Karan, karaa Zalaambassaafi Asab to'achuun Mitsuwwaatti fulla'uun achirraan Asmaraa galuu kan jedhu ture.
"Yaadi dhiyaate inuma danda'ama ture," jechuun yaada Asmaraa to'achuu jedhu warra deeggaran keessaa tokko isaan akka ta'e ibsan Nagaasoon.
Haa ta'u garuu gaggeessitoonni Itoophiyaa yeroo sana turan dhiibbaa Ameerikaa dandamachuu hin dandeenye.
"Ameerikaan dhiibbaa gochuu qofa osoo hin taane akeekkachiisaas turte. Waliigaltee dhukaasa dhaabuu yoo hin fudhanne deeggarsa [Itoophiyaaf] taasisan akka adda kutan nu akeekkachiisan," jechuun Asmaraa akka hin to'anneef dhiibbaa Ameerikaan Itoophiyaarratti goote ibsu.
Akka isaan jedhanitti dhiibbaa Ameerikaa caalaa "biyya walabaa tokko weeraruun mootummaa jijjiiruun sirrii miti kan jedhuun [yaada Mallas deeggaraa ture] Asmaraa galuun hafe," jechuun waraanni Itoophiyaa gara boodaa akka deebi'e.
Waliigaltee Ajeers...ni mallatteessina jennee murteessuun keenya dogoggora guddaa ture'

Waraanni cimaan Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti waggaa lamaaf gaggeeffame ALItti bara 1992 xumurame.
Pirezidaantii duraanii Itoophiyaa Nagaasoo Gidaadaa dabalatee qondaalonni waraanafi siyaasaa tokko tokko carraa waraanichaatti fayyadamuun hanga Asmaraafi Asab to'achuu ejjannoon jedhu hin milkaa'in hafe.
Imalli gara Asmaraa hafee imalli gara Aljeers eegale- waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallatteessuuf.
Namoota akkuma Nagaasoo Gidaadaa Itoophiyaan carraa waraanichaatti fayyadamuun Asmaraa qabachuun Asab to'attee buufata Galaana Diimatti bahuu qabdi jedhanii amanan keessaa tokko Ajajaa Waliigalaa duraanii Raayyaa Ittisaa kan turan Jeneraal Tsaadiqaan Gabra Tinsaa'idha.
Itoophiyaan carraa waraana Itiyoo-Ertiraatti fayyadamtee buufata doonii Asab akka hin qabanne kan taasisa Mallas Zeenaawwidha jechuun turtii miidiyaa biyya keessaa NBC Ethiopia waliin taasisaniin ifatti dubbatanii ture.
"Akkaataan itti biyya ulaa galaanaa hin qabne taanee hafne baay'ee akkan itti yaadu na taasisa ture. Ulaa galaanaa dhabuun miidhaa hangamii akka nurraan gahes ilaaluu jalqabeen ture. Waraanni osoo hin eegalin duras [dhimma ulaa galaanarratti] waan dogoggora hojjanne natti fakkaata jedhee Obbo Mallasiif kaaseen ture," jechuun Ertiraan weerara banuu hordofee ammoo waraanichi bifa Itoophiyaan ulaa galaanaa dhabde deebistee argachuu dandeessuun xumuramuu akka qabu ejjannoosaanii akka ture ibsu Jeneraal Tsaadiqaan.
"Waraanichi erga eegalee ammoo waraanichi bifa Itoophiyaa fayyadamtuu taasisuun [ulaa galaanaatti bahuu] xumuramuu qaba ejjannoo jedhun qabadhe. Dhimmicha bifa al-idileetinis hiriyoota koo waliin, bifa idileetinis wal-gahii irratti kaasaan ture.
Yeroo lama ammoo walgahii idilee komaandii giddugaleessaa lama irratti kaaseen ture. Mormiitu baay'ate; mormiin cimaan Mallas irraa ture kan na mudate. Yeroo sana nan yaadadha kan na deeggare Ministiira Ittisaa kan ture Tafarraa Waaluwwaa ture," kan jedhan Jeneraal Tsaadiqaan yeroo sana waa'ee ulaa galaanaa argachuu kaasuun akka "waan qaanitti ilaalama ture" jedhu.
Ertiraan waraana Itoophiyaa irratti banuusheetiin Itoophiyaan ulaa galaanaa deebistee argachuuf carraa guddaan akka tureefi sana galmaan gahuufis humni waraanaa cimaan akka ture himu.
"Yeroo sana dhimma kana [ulaa galaanaa argachuun] akka waan qaanitti ilaalama ture waan ta'eef akkamitti waa'ee kanaa maaf kaafta kan jedhu mormiin cimaan narratti ka'aa ture," jedhu.
Itoophiyaan ulaa galaanaa yoo argatte malee Gaanfa Afrikaatti nageenyi waaran akka hin jiraanne kan himan Jeneraal Tsaadiqaan, yeroo Waraana Itiyoo-Ertiraa carraan ulaa galaanaa argachuu bal'aan akka ture yaada Nagaasoo Gidaadaan wal-fakkaatu kaasu.
"Yeroo sana carraa qabna turre. Ertiraan ofiishee waraana waan eegalteef waan sana [ulaa galaanaa qabachuu] galmaan gahuuf sababa gahaa qabna turre. Keessumaa gara dhumaa [yeroo waraanni gaggeeffamu] humna waraanaa jabaa waan barnaanne galmaan gahuu danda'u ijaarree turre.
Gaggeessitoonni siyaasaa dhimma kanarratti murtee ifa ta'e kennuu dadhabuurraa kan ka'e waan silaa dhiibbaa dippilomaasii xiqqaa dandamannee galmaan gahuu dandeenyu osoo hin raawwatin hafne," jechuun Itoophiyaan carraa Asab qabachuuf argatte osoo itti hin fayyadamin hafuu ibsu.
Kanarraa kan ka'e Asmaraa to'achuun ulaa galaanatti bahuun hafee gara waliigaltee dhukaasa dhaabutti galame.
Walgahii koree giddu galeessaa ADWUI ALItti bara 1992 waktii gannaa keessa taa'ame irratti akkaataa waraanni itti gaggeeffameefi xumurame irratti gamaaggamuufi wixinee waliigaltee dhukaasa dhaabuu Aljers irratti mariyachuun ajandaa ijoo akka ture Nagaasoo Gidaadaa kitaaba Daandii Nagaasoo jedhu keessatti ibsaniiru.
Haa ta'u garuu qondaalota olaanoo keessaa kanneen akka Siyyee Abrahaa, Gabruu [Asiraat], Tawaldaafi Addisuu Laggasaa Waliigaltee Aljeers mormanii akka turan ibsan Nagaasoon.
Inumaayyuu Addisuu Laggasaa Waliigalteen Aljeers akka mallattaa'uuf marii godhameeratti, "Kana booda TPLF fi Shaabiyaa gidduutti rakkoon dhalatee tarii gara waraanatti yoo galle, dhagaatii lolaa jedhee uummata keenya hin kakaasu!" jechuun Waliigalteen Aljeers akka mallattaa'uuf waliigalamuu mormee aaridhaan dubbachuu akka yaadatan ibsan Nagaasoon.
"Kan ta'e ta'ee Waliigalteen Aljeers paarlaamaaf dhiyaatee ragga'e. Anis sirnicharratti argamee mallatteessera. Waliigaltee Aljeers sana 'haal-duree tokko malee ni fudhanna jennee mallatteessuuf murteessuun keenya dogoggora guddaa ture," jechuun ibsanii ture Nagaasoo Gidaadaa.
Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaatti bahuu akki itti dhabde "dogoggora seenati" jechuun MM Abiy Ahmad irra deddeebin dubbatu. Dogoggora seenaa jedhan kana sirreessufi akka hojjataniifi Itoophiyaan ulaa galaanatti bahuunshee waan hin oolledha jechuun afaan guutanii dubbatu.
Bulchiinsi isaanii dhimma ulaa galaanaa ajandaa biyyaalessaa gochuu bira darbee hawaasi idiladdunyaas akka baruuf ifaajaa jira.












