'Ejjennoon mootummaa Isaayyaas waan beekamuuf karaa nagaan ulaa galaanaa argachuun shakkisiisaa ta'a' -Jen. Tsaadiqaan

Jeneraal Tsaadiqaan G/Tinsaa'ee

Madda suuraa, NBC

Qondaalli waraanaa duraanii Itoophiyaafi pirizenatii itti-aanaa bulchiinsa yeroo ce'umsaa Tigraay kan ture Jeneraal Tsaadiqaan tibba kana miidiyaa dhuunfaa NBC jedhamurratti gaaffiifi deebii taasiseen dhimmoota walitti bu'insa biyya keessatti deemaa jiraniifi gahee mootummaan Ertiraa pirezidant Isaayyaas Afawarqiin durfamu keessaa qaba jedhu kaaseera.

Kana malees, dhimmoota fedhiin tarsiimawaa [strategic] akka ulaa galaanaa Itoophiyaaf fala argachuun nageenyaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaatiif daran barbaachisaa ta'uu kaasuun ibseera.

Itoophiyaa ulaan galaanaa argachuun ishee barbaachisa kan jedhe Jeneraal Tsaadiqaan, kanaan dura bara aangoorra turetti dhimma kana kaasuus aanga'oonni yeroo sanaa [TPLF] fudhachuu dhiisanii harkatti busheessuurra darbanii nama dhimma ulaa galaanaa kaase ija addaatiin ilaalalaa turuu yaadata.

Amma waa'een dhimma galaanaa ka'uun isaa baayyee barbaachisaa ta'uu isaa kaasuun, "ani dhimmi ulaa galaanaa argachuu barbaachisaa akka ta'ettin amana" jedha qondaalli waraanaa buleessi kun.

"Dabbaloota TPLF biratti dhimma ulaa galaanaa kaasuun waan 'safuu maqaan isaa hin dha'amne [taboo] akka ta'etti ilaalamaa ture. Akkamitti dhimma kana kaasta kan jedhu anarrattis gaaffiin ka'aa ture."

Ministirri Muummee Abiy kanaan dura "Itoophiyaan Galaana Diimaaf Ertiraa loluuf fedhii hin qabdu" jedhanii akka turan ni yaadatama.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad Itiyoophiyaaf buufata galaanaa argachuun dhimma lubbuun jiraachuu akka ta'e erga dubbatanii as biyyoota lamaan gidduutti waldhabdeen ol'aanaa ture.

Miseensota Mana-Maree Bakka Bu'oota Ummataatiif akka himanitti, Itoophiyaan "fedhii qabdurratti haa mariyannuudha" kan jedhan Ministirri Muummee Abiy, "bu'uura kennanii fudhachuun, bu'uura ummanni itti fayyadamuu fi bu'uura gabaa irratti hundaa'uun irratti haa mari'annu. . . Waraanni hin barbaachisu" jechuun dubbatanii ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jeneraal Tsaadiqaan Gaanfa Afrikaa keessatti siyaasni tasgabbaa'e akka jiraatu kan barbaadamu yoo ta'e, Itoophiyaa ulaan galaanaa amansiisaa ta'e ishee barbaachisa jedhe.

"Waraana Itiyoo-Ertiraa kanaan dura turerratti mootummaan Isaayyaas Afawarqii human qaba jedhee waan yaadeef "si'a lama sadii kaballaatiin rukkuteen' waanan yaade nan godha jedhee waan yaadeef waraana bane ture... Daangaa keenya banneefiif, dinagdee keenya banaa taasifneefiif, akka feedhan buna keenya fudhatanii osoo alatti erguun daldalaa jiranii, warqee imbaasii isaanii keessatti osoo shammmatanii, dolaara imbaasii isaanii keessatti osoo sharafatanii, elekooptaraan osoo fe'anii… wanti hin godhamiin hin turre."

Humna ittisaa keenya bannee isaan agarsiisaa osoo jirruu, sanaan olitti 'itti ejjetanii saamuu' barbaadanii tilmaama dogoggoraas waan qabaniif waraana bananidha kan jedhu qundaalli kun, namoota gocha Ertiraa ture sanaan aaraa turaniifi gaafachaa turan kessaa akka tokko akka ture hima.

Hojiin dippilomaasii amma hojjetamaa jiru gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaa addunyaarratti fudhatama akka argatu taasisaa jira kan jedhu Jeneraal Tsaadiqaan, "jecha hin dubbatamne ykn akka duraanii [taboo] ta'uun isaa hafee sadarkaa idil-addunyaatti amanamaa dhufeera, fudhatamas argateera," jedha.

"Sirriidha, dhimmi kun ni barbaachisa, osoo wanti kun hin raawwatamiin Gaanfa Afrikaa keessatti sirni tasgabbii qabu jiraachuu hin danda'u; kun ta'uu baannaan yeroo hunda rakkoo keessa nu tursiisa kan jedhu fudhatama qaba," jedha.

Itti aanee kan dhufu akkam goonee haa fidnu? gaaffii jedhu ofiin kaasuun, "filannoowwan baayyeetu jiru. Karaan dippilomaasii jira. Karaan bifa daldalaan [commercial] ta'een dhufuu danda'a, garuu kun fedhii Itoophiyaa guutuu danda'aa kan jedhu dhimma biraati. Dhiibee dhufnaan ammoo filannoon waraanaa, ykn humnaanis dhufuu danda'a. Filannoowwan kunneen banaadha," jechuun deebisa.

"Karaa isa kamiin wayya kan jedhuuf filannoon ifatti beekamaa natti fakkaata. Filannoon jalqabaa karaa dippilomaasiitiin, bifa seeraafi siyaasaatiin fiduuti filatama.

Ajandaan kun [dur] yeroo ani kaasaa ture caalaatti sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama akka argatu gochuun danda'ameera."

Jeneraal Tsaadiqaan, amma dubbiin jiru akkamiin haa fidnu kan jedhudha; kun ammoo haala jiru duukaa wal simsiisaa kan deemamu ta'a jechuun, "filannoowwan baayyeetu jiru; mootummaanis filannoowwan kanneen soqaa jira jedheen yaada," jechuun dubbate.

Anaaf gaarii kan ta'u, gaarummaa egeree ummata biyyoota lamaaniitiif waliigalteedhaan osoo ta'ee wayya. Karaa ummanni biyyoota lamaanii fayyadamoo ta'aniin ta'uu isaan filadha kan jedhu Jeneraal Tsaadiqaan.

Mootummaanis karaa naga qabeessaafi dippilomaasiin yoo ta'e filata, haata'u malee mootummaan Isaayyaas Afawarqiin durfamu osoo aangoorra jiruu kun hin ta'u kanneen jedhanis jiru.

Ejjennoon mootummaa Isaayyaasiin durfamuu maal akka ta'e beekamaadha kan jedhu Jeneraal Tsaadiqaan, "karaa dippilomaasiifi naga qabeessa ta'een ulaa galaanaa argachuu dandeenyaan shakkisiisaa ta'a," jechuun amalli mootummichi qabu rakkisaa kaasuun ibsa.

Ertiraa keessa jijjiiramoonni dhufaa jiran jiraachuu kan kaasu qondaalli waraanaa duraanii kun, namoonni nagaafi guddina barbaadan, kanneen kennanii fudhachuutti amanan, humnoonni fedhii waliin guddachuu qaban uumamaa jiru jedha.

"Haata'u malee, mootummaan Isaayyaas Afawarqiin durfamu qindoomina inni [garee TPLF] Tigraay keessa jiru waliin gochaa jiru biyya gooluufidha. Hariiroo inni Faannoo waliin qaba jedhamus biyya gooluufidha. Hariiroo inni [jara kanneen] waliin qabu kanumaafidha.

"Sariitii ykn sharariitii kana kan maddisiisu Isaayyaasidha. Akka sariitii/sharariitii ta'eeti fo'aa (xaxaa) kana kan maddisiisaa jiru."

Mootummaan Ertiraa Itoophiyaan yoo goolamte malee akka mootummaatti kan itti fufu fakkaatee itti hin dhaga'amu jedha Jeneraal Tsaadiqaan.

"Kun amala isaa dhabbataadha; kanarratti imaammata qabaa? Ani hin beeku garuu amala isaa isa dhaabbataadha. Yeroon aangoorra tures kanan argaa ture kandha, ammas kanan argaa jiru kanumadha."

Kanaaf, kun ammoo mootummaan Itoophiyaa gara filannoo humanaatti akka galuuf kan dirqisiisudha kan jedhu Jeneraal Tsaadiqaan, "osoo of qusatee taa'ee waan tokko; daagaa bulchiinsa Itoophiyaa qabatee, Zaalanbassaa, Ayigaa qabatee, Baadimmeefi kaan qabatee; namoota hidhachiisaa, namoota ergaa, ifatti deeggarsa hunda gochaa, Faannoo waliin qindoomina uummachaa yeroo jirutti wanti natti dhufu hin jiru jedhee yaaduun imaammata mootummaa sirriidha jedhee hin yaadu," jechuun ibsa.

Kun osoo ta'aa jiruummoo mootummaan Itoophiyaa wanti natti dhufu hin jiru jedhee callisee taa'uun filannoo fudhatamu miti jechuun, mirga ofirraa ittisuu, nageenya biyyattii eegsusuu qaba jedha.

Jeneraal Tsaadiqaan G/Tinsaa'ee

Madda suuraa, NBC

Qondaalli buleessi kun Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Ce'umsaa naannoo Tigraay ta'uun ji'a ja'a dura kan muudame Jeneraal Taaddase Warradee itti gaafatamummaa irraa eegamu hin ba'anne jechuun komateera.

Pirezidantii itti-aanaa duraanii Bulchiinsa Yeroo Ce'umsaa Tigraay kan tureefi jaarummsaa Waliigaltee Piritooriyaa irratti kan hirmaate Jeneraal Tsaadiqaan G/Tinsaa'ee kana kan jedhe gaaffifi deebii televizhinii dhuunfaa, NBC, waliin taasiserratti.

Jeneraal Tsaadiqaan aangoo itti kenname rakkoo belbeltuu naannicha keessa jiru ittiin furuu manna akka hin taanetti qisaasesseera jechuun Jeneraal Taaddasee himateera.

Buchiinsi Yeroo Ce'umsaa naannoo Tigraay Pirezidant Taaddaseen hooganamu hammataa ta'uu manna TPLFn dhuunfatamee hojiin mootummaa akka hin hojjetamne, akkasumas oppreeshiniin nageenyaa danqamee naanicha keessatti nageenyaafi tasgabbiin hin jiru jedhe Jeneraal Tsaadiqaan.

"qabxiiwwan ijoo saddet Generaal Taaddaseen hojiirra oolchuuf mallatteesse tokkollee hin raawwatamne."

TLPFn dhiyaatee Ministira Muummee Abiy Ahimadiin kan muudame Jeneraal Taaddasee Warradee, nageenya naannichaa mirkaneessuu, daangaa eegsisuufi beekamtii mootummaa federaalaan alatti hariiroo biyyaan alatti taasifamu dhaabsisuu dabalatee qabxiiwwan saddet raawwachiisuuf mallatteesseera.

Waan pirezidant Taaddaseen mallatteesse, qabxiiwwan Waliigaltee Piritooriyaa dabalatee, bulchiinsi yeroo ce'umsaa hundeeffamu hirmaachisaa akka ta'u mirkaneessuufidha.

"Danbii mootummaan yeroo ce'umsaa hammataa ta'e akka hundeeffamuuf danbii dhiyaate kana cabsuun, [pireidant Taaddaseen] kaabinee TPLF qofaan guute."

Haata'u malee, TPLF garuu bulchiinsi yeroo ce'umsaa Getaachoo Raddaan hogganamaa ture Waliigaltee Piritooriyaa duubatti dhiisuun paartii 'seena qabeessaa fi beekamaa ta'e' kana dhabamsiisuudhaaf mootummaa federaalaa waliin ta'uudhaan hojjeta jechuun himata.

Tsadiqaan garuu, "har'a haalli namoonni muraasni qofti jedhan fudhatamee sagaleen ummataa ukkaamfame jira" jedhe.

Magaalaan Maqalee dabaltee walgahiin ummataa tibbana aanaalee Tigraay adda addaa keessatti gaggeeffamaa ture. Ibsi bal'aan mata-duree 'Murtii Xumuraa' jedhuun, hariiroon hawaasaa ummatoota ollaa biroo waliin taasifamu cimee akka itti fufu waamicha dhiheessa.

Jeneraal Tsaadiqaan murteen kun dursee kan qophaa'ee fi faallaa sagalee ummataa aanaalee adda addaatti walitti qabamanii akka ta'e dubbate.

TPLF saffisa irraa eegamuun socho'aa akka hin jirre kan dubbate Jeneraal Tsaadiqaan, qophiin Ertiraa waliin gara waraanaatti seenuuf taasifamaa jiru mormiin ummataa mudateera jedhan.

"Qawwee hidhatanii waan turaniif qofa fonqolcha mootummaatti nu dhiibaa turan. Garuu wanti lama ifa ta'eera. Tokkoffaa, ummanni Tigraay waraana hin barbaadu."

TPLF ji'oota dura sadarkaa seeraa-qabeessummaa kan dhabe yoo ta'u, mootummaa Ertiraa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka jiru himama.

Mootummaan giddugaleessaa qaama seera-qabeessummaa isaa haquun itti yaadee Waliigaltee Piritooriyaa cabseera jechuun himata TPLF.

Mootummaan federaalaa ji'a darbe naannoo Waldiyaa [Walloo Kaabaa] keessatti Ertiraa fi, hidhattoota Fano waliin waliin ta'uun waraana banuu himatee ture ; TPLF garuu himannaa kana ni haale.

Xalayaa deebii kaleessa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif erge keessatti, TPLF ammas dhimma tokko tokkoon mootummaa federaalaa himateera.

TPLF akka jedhutti, hidhattoonni hanga ammaatti Tigraay Lixaa irraa akka hin baane yoo ta'u, Tigraay Lixaatti jijjiirama dimogiraafii fiduuf yaaliin taasifamaa jira. Akkasumas, Affaarii fi naannolee biroo keessatti Tigraay irratti milishoonni leenjifamaa jiraachuu ibseera TPLF.

Kun kan ta'aa jiru Asmaraa fi Finfinnee gidduutti waldhabdeen guddachaa wayita jiruttidha.

Jeneraal Tsaadiqaan waan biraa maal jedhe?

Kanaan dura 'Mana-maree Yeroo Tigraay', kan itti gaafatamummaa to'annoo hojii raawwachiiftuu kan qabuu fi paartilee mormitoota adda addaas kan hammatu hundeessuuf adeemsarra ture.

Jeneraal Tsaadiqaan kun dhiifamee qaamni tokko qofti ergamaa fi bakka bu'aa ta'eera jechuun himata.

Akka murtee ajajoota, raayyaa waraanaa fi komishinarootaatti jijjirama bulchiinsa Bitootessa darbe hordofuun bulchiinsi yeroo Jeneraal Taaddaseen durfamu hundeeffame.

Murni TPLF Dabretsiyoon G/Mikaa'eel'n durfamu bulchiinsi yeroo "mootummaa federaalaa jala galee dantaa Tigiraay gane" jechuun gantummaan himachaa tureera.

Tsaadiqaan garuu, "Kun dargaggootaaf daandii gaarii ture. Nuit haala ummanni Tigraay karaa jaarmiyaalee adda addaatiin walitti dhufee murtoo itti kennuu danda'u uumuuf yaallee ture. Kana gochuun ofiin nageenya saarratti mariyatee fala akka barbaadatuuf ture."

Amma garuu, "dhimmi akka nagaa murteessaa ta'e Tigraay keessatti nama lama ykn sadiin murteeffamutu jira jedha.

Kanarraa kan ka'e naannicha keessatti qaamni mootummaa akka hin jirre, kan hattoonni bulchan, murtiin mana-murtii garee hidhattootaan akka kufaa ta'uufi humni nageenyaa mootummaa osoo hin taane garee hidhattootaaf kan ijaaramu ta'uu himata.

Jeneraal Tsaadiqaan akka jedhutti, bulchiinsa yeroo, kan ofii isaatii gara waggaa lamaa keessa ture, haalli namoonni bilisaan socho'uu fi dubbachuu danda'an uumamee ture. Haata'u malee, tokkummaa naannoo hin mirkaneessine. Buqqaatonni gara qe'ee isaaniitti deebi'uu dhabuun himatama.

Ofii dabalatee naannoo adda addaa daawwannaa taasiseen fedhiin jijjiiramaa cimaan akka jiruu fi ummanni baroota hedduuf TPLF hadhaa'aa fi cunqurfamaa akka ture kan ilaale ta'uu ibseera.

Ammas Jeneraal Tsaadiqaan carraa argate karaa sirrii hin taaneetti fayyadame jechuun himachuun, pirezidant Taaddasee Warradee aangoo akka gadhiisu gaafachaa jira.

Haala Tigraay fooyyeessuu fi filannoo biyyoolessaa dhufuuf qophii taasisuuf hojjechaa akka jirres himeera.