'Itoophiyaafi Ertiraan waraanatti galuuf carraa xiqqaatu jira' - Asaffaa Abrahaa

Naannoo Tigraay irraa namoota Waliigaltee Piritooriyaa mallatteessan keessaa tokko kan ta'an Obbo Asaffaa Abrahaa gaaffii fi deebii BBC Tigrinya waliin haala yeroo irratti taasisaniin Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti waraanni banamuuf ''carraan guddaan jira jedhee hin yaadu'' jedhan.
Itoophiyaa fi Eertiraan irra deddeebiin himannaa afaanii cimaa walirratti gaggeessaa jiru. Gara waraanaatti galuu danda'u kan jedhu yaaddoon guddachaa dhufeera.
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Fulbaana 2, 2025 Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif xalayaa barreesseen, mootummaan Eertiraa fi Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Itoophiyaa irratti "waraana labsuuf" "waliin hojjechaa jiru" jechuun himate.
Xalayaa kana keessatti ministeerichi qaamonni lamaan yaaliin hidhattoonni Fannoo tibbana magaalaa guddoo Wolloo Kaabaa Woldiyaa to'achuuf taasisaa turan keessatti hirmaachuu isaanii himateera.
Xalayaan Ministirri Dhimma Alaa Gediyoon Ximootiwoos barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereeziif barreessan kun, "ji'oota muraasa darban keessatti gamtaan mootummaa Eertiraa fi murna finxaaleyyii TPLF gidduu jiru daran ifa ta'aa dhufeera" jedha.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa hariiroo Ertiraafi Itoophiyaa hammeessaa jira. Obbo Asaffaa Abrahaa dhimma kana irratti yoo gaafataman ''carraan waraana kakaasuu xiqqaadha" jechuun amantaa isaanii ibsaniiru.
"Haala Shaabiyaa akkamiin ilaaltu? Warra akkas jedhaniif shallaggii keessaa tokko Abiy fi Isaayyaas ni lolu. Abiy fi Isaayyaas wal lolu? Carraa wal loluu qabuu? Akkas natti hin fakkaatu. Sababa itti wal lolan hin qaban" jechuun deebii kenne.
Preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afwerkii fi Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad waliigaltee Saawud Arabiyaa, Emiraatota Arabaa Gamtoomanii fi ''Addunyaan guutuun'' arge kan mallatteessan qabu jechuun, ''waliigalteen kun buufata doonii fi dhimmoota kanaan walqabatan Abiy kaasaa jiruuf deebii qaba'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
MM Abiy Ahimad, xumura Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa ilaalchisee gorsaa dhimma hawaasummaa isaanii waliin marii taasisaniin, waggoota soddoma dura Galaanni Diimaan harka Itiyoophiyaa akka ture eeruun, "dogongorri kun boru ni sirreeffama" jedhaniiru.
"Galaanni Diimaan waggaa 30 dura harka keenya ture. Galaanni Diimaan seenaa kaleessaa waggaa 30 dura ture. Dogoggorri kaleessa raawwatame kaleessa ture. Boru ni sirreeffama; baay'ee ulfaataa miti," jedhan.
Gaafa Eertiraan walabummaa argatte Galaana Diimaa irraa addaan citee kan turte Itoophiyaan erga Ministirri Muummee Abiy Itiyoophiyaan karaa Galaana Diimaatiin buufata galaanaa argachuu akka barbaaddu waggoota muraasa dura labsanii asitti waa'ee Eertiraa yaaddoo keessa galtee jirti.
Muddamni haa jiraatuyyuu malee biyyoota lamaan gidduu waraanni dhalachuuf hireen jiru xiqqaadha jedhu Obbo Asaffaan.
Hireen waraanni dhalachuu dhiphaadha jedheen amana...hirreegni tokko Abiyyiifi Isaayyaas wal waraanuu kan jedhudha? Haalli itti wal waraanuu danda'an jiraa? Ani harka caalu natti hin fakkaatu. Sababa wal waraananiif hin qaban'' jedhan.
Hoggantoota waraana Itoophiyaa buleeyyii keessaa tokko kan ta'an Let Jeneraal Yohaannis Gabremasqel gama isaaniin gaaffiin Itoophiyaan Galaana Diimaarratti kaasaa jirtu hanga waraanaa deemuu akka danda'u kaasu.
Carraan biraan waraana bira osoo hin gahiin Itoophiyaan deebii gaarii itti argattu garuu jira jedhu.
''Tasa Isaayyaas gara mariitti dhufuu danda'a. Amalli Isaayyaas tasa jijjjiiramuu danda'a'' jedhan.












