Masriin lolaa Sudaan mudateef Itoophiyaa himachuu booda biyyoonni lamaan Poort Sudaanitti walargan

Badr Abdellaatiiy fi Janaraal Al Burhaan

Madda suuraa, Egyptian foreign ministry

Tibba kana lolaa cimaa Kibba Kaartuumitti miidhaa geessiseef Masriin Itoophiyaa himatte.

Ministirri Haajaa Alaa Masrii Badr Abdellaatiiy sababni balaa lolaa Sudaan rakkoo bulchiinsaa Hidha Haaromsa Itopohiyaati jechuun komachuusaanii miidiyaan biyyattii Ahram Online gabaaseera.

Qondaalli olaanaa Masrii yaada kana kan kennan walgahii Roobii darbe Jarmanitti gaggeefamerratti yoo ta'u, ''bulchiinsi Hidha Haromsa Itoophiyaa qindaa'aa ta'uu dhabuusaatiin lolaan hamaan qaqaabe'' jedhan.

Dabaluunis ''ta'e jettee seera idila-addunyaa sarbaa jirti'' jechuun himatan.

Barruun Ahram Online miidiyaa s Saawdii Al Arabiyaa Al Hadaaz jedhamu kan qondaalli kun yaada irratti kennan akka waabeffatetti Abdellaatiin ''Naayil laga idila addunyaa waliigaltee biyyootaan buludha- laga xiqqaa biyya walabaa tokkoon bulu miti'' jechuun dubbataniiru.

Ministirichi dabaluun wayita hongeen mudatu balaan Masriifi Sudaanirra gahuu daran hamaa ta'a jechuunis akeekkachiisaniiru.

Ibsi Ministiricha kan dhagaahame Ministeerri Jallisii sudaan hangi bishaanii Naayil(Abbayyaa) dabaluu isaatiin akkasumas Hidha Haaromsaa Itoopihyaarra bishaan gadi lakkifamuusaarraa kan ka'e gandootni Kibba Kaartumiitti argaman lolaan liifamuu gabaasuu guyyaa tokko boodadha.

Sababni biraan bishaan laga Abbayyaa akka dabalu godhe bokkaa Itoophiyaatti jabaatee roobaa tureen akka tae'ellee ibse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ibsi Ministeerichaa Kaayeroofi Kaartuum hanga bishaanii Hidha Haaromsaa Itoophiyaa waliin walqabatu irratti yaaddoon yeroo dheeraa jiraachuu beeksieera.

Al Arabiyaa akka gabaasetti lolaan Kibba Kaartuum miidhe kun guyyoota walitti aanan jahaaf mudate.

Ganda Shaqilab jedhamu keessatti wanti jiru hundi bololi'aa kaka jiru viiiyoo agarsiisus maxxanseera.

Sudaan hangi bishaanii akka ta'utti hin to'atamne gadhiifamuun hidha bishaaniishee, misoomaa jallisiifi sirna to'annoo lolaa biyyattii akka qoru irra deddeebiin dubbatteetti.

Masriin ammoo dhiyeenya kana Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti bulchiinsi Hidha Haaromsaa ilaalchisee waliigalteen dhabamuurratti himannaa dhiyeessiteetti.

Kun kanaan osoo jiruu Abdellaatiiy fi Hogganaan Mana Maree Ce'umsaa Sudaan Janaraal Al Burhaan Poort Sudaanitti walarganii mariyataniiru.

Marii isaanii Roobii Onkololessa 1/2025 kana irratti nageenya bishaanii ejjennoon isaanii walfakkaataafi cimaa ta'uu ibsaniiru jehcuun Ahtraam gabaaseera.

Anga'ooni lamaan seerri idila addunyaa akka kabajamu yoo gaafatan, murtee biyyi tokko kophaatti fudhattu cimsanii kan morman ta'uu ibsuun isaanis gabaafameera.

Abdellaatiiy waggaa toko keessatti yeroo sadaffaaf Poort Sudaanitti imalan dhimma Abbayyaafi Hidha Haaromsaarratti ejjennoosaanii cimsuun alatti Masriin waraanni Sudaan akka xmura argatu yaalii gootu irrattis mariyataniiru.

Itoophiyaan Hidhi Haaromsaa balaa lolaa xiqqeesse jetti

Dilbata darbe Sudaan akeekkachiisa balaa lolaa labsuufi Hidha Haaromsaa komachuu booda Itoophiyaan deebii kenniteetti.

Yaada Ministeerri Bishaanii Itoophiyaa kenne Hidhi Haaromsaa inumaayyuu balaan lolaa Sudaaniin miidhu akka xiqqaatu gahe ebaha jedheera.

Minsitirichi Habtamuu Ittafaa lolaan Sudaan miidhu kan dhufu Waayit Naayil irraayi. Osoo Hidhi Haaromsaa(GERD ) hin jiru ta'ee balaansaa baayyee hamaa ta'a ture. GERD balaa hamaa silaa mudachuu malu xiqqeessuuf gahee baheera'' jedhan.

Dabalataani ammoo odeeffannoo hedduu osoo hin kenniin hidha kanarraa bishaan guddaa hin gadhiifne jedhaniiru.

Itoophiyaan hoggayyuu ijaarsi hidha kanaa balaa lolaa biyoota yaa'a gadiirra gahu xiqqeessa, dhiyeessii bishaanii isaaniis hin miidhu jechuun falmiti.