Sirni awwaalcha namoota 36 balaa bataskaana Minjaaritti mudateen du'anii raawwatame

Dubartii boo'aa jirtu

Madda suuraa, STR / EPA / Shutterstock

Naannoo Amaaraa, godina Shawaa Kaabaa, aanaa Minjaar keessatti namoota 36 balaa bataskaana Ortodoskiitti mudateen du'an sirni awwaalcha isaanii raawwatame.

Mukni Bataskaana Arartii Maariyaam ijaarsaaf ittiin koruuf hirkifamee ture jigee yoo xiqqaate lubbuun namoota 36 darbuun isaa ni yaadatam.

Ayyaana Waggaa Maariyaam kabajuudhaaf hordoftoonni amantaa bakka sanatti argaman osoo bataskaana hojjetamaa jiru kana daawwataa jiranii mukni walirra tuulamee ture jigee namoonni akka du'aniifi madaa'an godheera.

Balaan kun har'a Onkooolessa 1, 2025 barii sa'atii 1:45 irratti akka ta'eefi balaA mudate kanaan ammoo hanga ammaa namoonni 30 lubbuun darbuu yoo mirkanaa'u, 200 ol kan ta'an ammoo miidhaan irra ga'uu itti-gaafatamaan waajira poolisii aanichaa Inispekter Ahimed Gabayyoo BBCtti himeera.

"Mukni itti hirkatee namoonni ittiin ol bahan kun waggoota 14 kan turedha. Namoonni yeroo daawwataa jiranitti humnaa ol waan itti ulfaateef caccabee balaan kun qaqqabeera," jechun balaan kun akkamitti akka qaqqabe ibseera.

Balaan mukni bataskaanatti hirkifamee jiru kun jiguun yeroo hordoftoonni amantichaa ijaarsa bataskaanichaa daawwachaa jiranittidha kan jedhan aanga'oonni bakka sanaa, namoota miidhaman gara dhaabbileen fayyaa dhiyoo jiranitti geeffamuu ibsaniiru.

Yeroo balaan kun mudatu namoota bakka sana turanii argan keessaa Gabrewald Tasfaayee, "mukti bataskaanatti hirkate garri caalaann isaa ni jige. Sagaleen yeroon mukti ijaarame kun yeroo jigu dhaga'ame guddaafi rifaasisaa ture," jechuun ibsa.

Namni kun akka jedhutti, humnoonni nageenyaafi miseensonni mana sagadichaa namoota madaa'an ambulaansiifi konkolaataa piikaappiitiin gara hospitaalota dhiyoo jiranitti geessuurratti saffisaan gargaaraa turan.

"Hanga ammaatti, namoonni 35 hanga 36 ta'an [hiriksaa] jige kanaan du'uun isaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u, lakkoofsi kun dabaliillee ni danda'a."

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itti-gaafatamaan waajira poolisii Inispekter Ahimed Gabayyoo BBCtti akka himanitti, namoonni lubbuun darbuun hanga ammaatti mirkanaa'e 30 ta'ullee, lakkoofsi un kanaa ol ta'uu danda'a.

Itti-gaafatamaan qajeelcha nagaafi tasgabbii magaalaa Arartii Obbo Axinaafuu Abaatee ibsa gara guyyaa TV biyyaalessaaf kenneen, namoonni tuullaa mukaa jige sana jalaa hin baafamiin jiran akka jiraniifi hojiin isaan baasuu hojjetamaa jira jedheera.

Itti-gaafatamaan waajira poolisii Inispekter Ahimed Gabayyoo har'a waaree booda BBCf akka ibsetti, turtii sa'aatii baayyee fudhateen booda namoota muka/hirkisa jige kana jalaa basuun danda'ameera.

"Namoota baasuuf yoo xiqqaate sa'aatii sadii hojjenneerra. Birmannaa Humna Ittisaa dabalatee namoota hunda baasuu dandeenyeera," jedhan.

Hojjettoonni guyyaa, barsiisonniifi monoksoonni namoota balaa kanaan du'an keessatti argamu.

Bakka bu'aan itti gaafatamaa Hospitaala Arartii Obbo Siyyum Altaayyee akka jedhetti, ganama sa'aatii 2:30 irraa eegalee miidhamtoota Hospitaala Arartii gahan yaalamaa akka turan himeera.

Itti dabaluun, namoota miidhaan cimaan irra gahe keessaa shan wallaansaaf gara Finfinneetti ergamuu himeera.

Hogganaan waajjira nagaa fi tasgabbii magaalaa Arartii Obbo Axinaafuu Abaatee buufata televijiinii biyyaalessaatti akka himetti, namoonni 55 miidhaan giddu-galeessaa hanga ulftaataatti isaan mudateera.

Balaa kana hordofuun mootummaan ibsa baaseen, "mootummaan namoonni lubbuun darbedhaga'amuun, kanneen miidhaan salphaa fi cimaan irra gahes waan jiraniif gadda itti dhaga'ame ibsa. Maatii namoota miidhamaniif jajjabina hawwina; kanneen yaalarra jiranis dafanii akka fayyan hawwina" jedheera.

Hogganaan poolisii aanichaa Inispeektar Ahmad BBC'tti akka himetti, namoonni du'an umriin isaanii 25 hanga 80 ta'a.