''Phaaphaasota jalqabaa 39'n fuudhan''; Phaaphasonni yoomiifi maaliif fuudha dhiisuun dirqama ta'e?

Siidaa

Madda suuraa, Getty Images

Kaardinaalonni addunyaa irraa Vaatikaanitti walgahan Phaaphaasii Liyoon 14ffaa, hogganaa haaraa Kaatolikii hordoftoota biiliyoona 1.4 qabuu filatan.

Roobart Pirevoost, maanguddoon ganna 69, hogganaa Bataskaana Kaatolikii 267ffaa ta'uun filatame. Ameerikaarraa geggeessaa Kaatolikii filatame isa jalqabaati.

Akka mana amantichaatti dhiirri cuuphame kamiyyuu hoggansa kanaaf filatamuu danda'a, garuu bara 1378 irraa eegalee phaaphaasonni hundi kaardinaalota keessaa filatamu. Kaardinaalonni Phaaphaasii filachuuf sagalee kennu.

Luboonni gaa'ila dhaabbachu dhabuun jaarraa hedduuf dhimma falmisiisa ijoo ta'e hafe.

Dhiironni warrooman ykn haadha warraa fuudhan luba akka ta'an waamichi dhiyaataa ture.

Haa ta'u malee, gaa'ela godhachuu fi dhiisuun yeroo hunda xiyyeeffannoo hin arganne.

Bataskaana Kaatolikii jalqabaa keessatti luboonni hedduun -fi phaaphaasiin tokkoo ol haadha warraa qabu turan.

Phaaphaasota dur haadha warraa fudhaan

Vaatikaan phaaphaasota 267 tarreessiteetti, Pheexiroos irraa yoo jalqabnu, inni haadha warraa qaba ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Barreeffamni marsariitii Vaatikaan irratti maxxanfame tokko akka ibsutti, hoggantoonni warra Kaatolikii gara jalqabaa gaa'I' dhaabbatan ykn warroomani.

"Phaaphaasonni, luboonni fi tajaajiltoonni Waldaa jalqabaa yeroo baayyee dhiirota warroomanii, maatii horan akka turan" ibse.

Barreeffamni kun akkas jedha: "Jaarraa boodaatti luboonni gaaʼela gochuun—hamma tokko baramaa ture."

Barreeffamichi itti dabaluudhaan Phaaphaasonni gaa'ela qaban "fakkeenyaaf, Phaaphaasii Hormisdas (bara 514-523), abbaa Phaaphaasii Silveriyus, kan Hormisdas bakka bu'e."

Garuu barreessitoonni seenaa amantii Kiristaanaa hedduun, Pheexiroosii fi Hormisdaas qofaan warra gaa'ila dhaabbatan qofa akka hin turre amanu.

"Phaaphaasonni 39 gara jalqabaa dhiirota gaa'ela qaban turan," jetti Liindaa Piintoo.

Liindaan dura teessuu jaarmiyaa 'American group Catholics for Choice' jedhamti. Liindaan jaarimiyaa

lubummaa keessatti gargaarummaa koorniyaa, gaa'elaa qabaachuu fi dhiisuun otoo hin daangeeffamiin hunda akka hammatu gaafatu hoogganti.

Monokseen duraanii - bataskaana Kaatolikii dhiistee heerumte dabalatee namoonni kaanis - barsiisa Yesus keessatti gaa'ela dhabuu dhiisuurratti ulaagaan ifatti taa'e akka hin jirre falmiti.

Ogeeyyiin biroo BBC'n dubbisees geggeessitoonni batasakaan Kaatolikii durii hedduun haadha warraa qabaachuu amanu.

''Seenaa baataskaana Kaatolikii gara jalqabaarratti luboonni gaa'ila akka qaban ragaa qabna,'' jechuun US Yunivarsiitii Korneel irraa ogeessi amantii Kiristaanummaa Piroofeesar Kiim Haayinz-Itizen BBC'tti himan.

Kiristaanummaan Yihudootaarraa gara Giriikii-Roomaatti yeroo babal'atu, yaadota akka kophummaa fi warroomuu ilaallaturratti jijjiirama akka adeemeetu amanama.

Sana booda Mootiii Qosxanxinoos amantii Kiristaanummaa amantii mootuummaa ta'uu labsuun Phaaphaasonni siyaasa keessatti gahee akka qabaatan taasise.

Yunivarsiitii Dabliin Siitiitti piroofeesara barsiisa amantii fi falaasama Niham Middiltoon, "Phaaphaasiin yeroo baayyee maatii warra mootii Roomaa ykn michoota mootiirraa filatamaa turan," jedha.

Jaarraa 5ffaa keessa erga Impaayerri Roomaa kufee, bakkii xiqqaan handaaara Roomaa "Bulchiinsa Phaaphaasiin bultu taate, Sana booda bara (756-1870) Phaaphaasiin bulte.

Bataskaaanni qabeenyaafi aangoo dhuunfannaan, shirri siyaasaa jalqabe.

Yunivarsiitii Kolleejjii Dabliinitti piroofesara barsiisa amantii fi falaasama kan turan Niham Middiltoon, "Phaaphaasonni fi luboonni haadha warraa qabaachuun waanuma barame ture.

Qabeenya bataskaana Kaatolikii fi waajjiraalee gurguramuu hordofee, Giriigooriiin akka haaromsu dhiibbaan itti jabaate" jetti.

Kolleejjii Seent Kiroos, Yunivarsiitii Oksifoorditti pirofeesara seenaa bataskana Kaatolikii kan ta'an Diharmehid Maak kallik, "abbootiin amantaa Waldaa Bahaa fi Dhihaa keessa turan harki caalaan isaanii gaa'ela kan qabu, jaarraa 12ffaatti ijoollee akka qaban beekna,'' jedhan.

Innis Roomaa fi Konistaantaantnoopil sirriitti ibse.

Akka barreessaan kitaaba " A History of Gender and Christianity" jedhutti, ilaalchi Waldaan Kaatolikii yeroo ammaa waa'ee gaa'ela godhachuu irratti qabdu baay'inaan" yaadota barsiisa amantii jaarraa 11ffaa fi 12ffaa irraa madde.

Warri gaa'ila godhachuu deeggaranii fi morman baafata Macaafa Qulqulluu caqasu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Warri gaa'ila godhachuu deeggaranii fi morman baafata Macaafa Qulqulluu caqasu
Poop Hormisdas, kan ilmi isaanii itti aanee phaaphaasii ta'e

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Poop Hormisdas, kan ilmi isaanii itti aanee phaaphaasii ta'e

Kitaabni Qulqulluun waaʼee gaa'ila dhaabbachuu maal jedha, seerri kun yoom jalqabe?

Dubartoota hordoftoota amantichaa

Madda suuraa, Getty Images

Warri luboonni gaa'ela godhachuu akka hin qabne leellisan Iyyasuus Kiristoos akka fakkeenyaatti akeeku: Kitaaba Qulqulluu Kakuu haaraa keessatti haadha warraa qabaachuun isaa hin eeramne.

Wangeela Maatewos boqonnaa 19 keessatti Iyyasuus warri fuudha dhiisu danda'an "Mootummaa waaqaaf jecha" gaa'ela dhiisu gorse.

Duuka bu'oota Kiristoos keessaa tokko kan ta'e Phaawuloos xalaayaan barreesse fuudha dhiisu fi saal qunnamtiirraa of qusachuun gaarii akka ta'e ibsa.

Xalayaa jalqabaa Ximotewosiif barreesse keessatti lubni yeroo tokko qofa akka fuudhuu qabu ibsee ture.

Dhugaan hin haalamne tokko , Kiristiyaanota durii biratti saalqunnamtiirraa fagaachuun baayʼee leelllifama ture.

Barsiistoonni amantii gameeyyiin lamaan Qulqulluun Awugustiin fi Qulqulluun Toomaas Akiinaas jedhaman , lubummaan gaa'ela godhachuu dhiisuun akka karaa hafuuraa caalaatti of kennuutti ibsan.

Garuu karaan gara gaa'ela godhachuun waldaa keessatti qajeelfama walqixaa fi dirqama ta'uu dheeraa fi qormaata ture.

Dhaloota Kiristoos booda bara 325tti Kaawunsiliin bataskaanaa jalqabaa—gaaffii Emperor Roomaa Qosxanxinoosiiniitiin dhimmi luboonni gaa'ela godhachuu dhiisuu ibsame .

Bara 692tti Jastiiniyaan 2ffaa jalatti yaa'ii Konistaantinooppil keessatti gaggeeffamerratti luboonni gaa'ela godhachuu dhiisuun dirqama ta'uu labsame.

Gaa'ela godhachuu dhabuun abbootii amantaa jaarraa 11ffaa keessa aaddaan qoodamiinsa bataskaana Kaatolikii fi Ortodoksii gidduutti uumameef gumaacha qaba.

Akkasuma waggoota 400 ol booda Haaromsa Pirootestaantii keessattis qooda qaba.

Haaromsi Giriigooriyaan—Jaarraa 11ffaa keessa Poop Giriigooriyoos 7ffaan jalqabe saalqunnamtii irraa of qusachuu irratti xiyyeeffannoo guddaa laate.

Adeemsa keessa gaa'ela godhachuu dhiisuun mallattoo luboota Kaatolikii ta'e.

Yunivarsiitii Durhaamirraa Dr. Jeems Keelii akka himanitti: "Kaatolikii ilaalichi lubummaa kana booda lubni tokko akka dhiirota biroo haadha warraa akka qabaatu hin hayyamu, sababiin isaas inni Kiristoosiin bakka bu'e," jedhan.

Warra seera cabsan

Poop Aleeksaandar 6ffaan abbaa Lusreziyaa Borgihaati

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Poop Aleeksaandar 6ffaan abbaa Lusreziyaa Borgihaati

Phaaphaasonni muraasni lubummaarraa otoo hin qaqqabiiin dura fuudhaa turan.

Hormisdas (bara 514–523) yeroo Phaaphaasii ta'ee filatame haati warraan jala a duute ture.

, Adriyaan II bara (867–872) umurii waggaa 75tti Phaaphaasii erga ta'ee booda, haati warraasaa fi intalliisaa masaraa' Lateran' jedhamuu keessa isa waliin jiraachaa turan.

Yohaannis XVII (1003) fi Kileeman 4ffaan (1265–1268) Phaaphaasii ta'uu isaanii duras gaa'ela kan godhatan yoo ta'u, kaan gaa'elaan alatti hiriyaa qabachuun fi ijoollee akka godhatan ni amanama.

Dubartoonni Xaaliyaanii lama ijoollee durbaa kaardinaalota boodarra phaaphaasii ta'anii akkaata seeraan alaatiin dhalatanii ta'uun kaafamu: dubarti Lusreziyaa Borgiha jedhamtu, intala Phaaphaasii Aleeksaandar 6ffaa (1492–1503) jiraataniiti.

Poop Aleeksaandar 6ffaan dhimma saalqunnamtiin walqabatuun kanneen biroo caalaa himatamu.