Phaaphaasiin Kaatolikii maaliif kophee diimaa akka godhatuufi gaaffii kaaniif deebii

Madda suuraa, AFP
Bataskaanni Kaatolikii du'a Poop Firaansis hordofuun Roobart Pireevost dhiyeenya kana dursaa haaraa gochuun filatte.
Poop Firaansis phaaphaasota duraanii wajjin wal bira qabuun yoo madalaaman ilaalcha wal danda'uu qabu, jireenya qananii phaaphaasonni biroo argan dhiisanii, jiruu idilee filatan. Gaaffiin namoonni baayyeen dhiyeessaa jiran 'phaaphaasii haaraan tarii faana isaanii bu'uu?' kan jedhuudha.
Phaaphaasichi maal hojjeta?

Madda suuraa, Getty Images
Phaaphaasichi addunyaa guutuutti hordoftoota Kaatolikii biliyoona 1.4 ol ta'aniif abbaa amantiiti.
Kaatolikoonni akka nama duuka bu'aa Iyyasuus keessaa kan ture Qulqulluu Pheexiroos hordofuutti isa ilaalu.
Amantii Kiristaanaa keessatti Iyyasuus Kiristoos ilma Waaqayyoo yoo ta'u, Qulqulluun Pheexiroos duuka buutota Iyyasuus kudha lamaan keessaa isa tokkodha.
Kaatolikoonni kana bu'uureffachuun Phaaphaasicha akka nama gaggeessaa hafuuraa isa jalqabaatti ilaalu.
Phaaphaasichi yeroo baayyee ayyaanota amantii gurguddoo waggaa keessatti kabajaman kanneen Qulqulluu Pheexiroositti kabajaman ni dursu.
Phaaphasichi eebba addaatti eebbisu "Urbi Et Orbi" ykn dhaamsa magaalichaa fi addunyaaf'jedhu sirna amantichaa gurguuddorratti eebbifamu eebbisuuf barandaarratti bahu.
Phaaphaasichi hojjettoota monoksee muraasa hojii mana keessatti raawwatamu hordofaniif, nyaata bilcheessuufi mana qulqulleessan qaba.
Garee barreessitoota haasaa isaaf qopheessanis qaba.
Dirqama phaaphaasichaa keessaa tokko yoo xiqqaate waggaa shanitti al tokko luboota 5,000 ol ta'an kanneen biyyoota addunyaa gara sana dhaqan waliin wal arguu qabu - waggaatti gara 1,000, ykn torbanitti 20 waliin haasa'u.
Yeroo ammaa kana imalli biyya alaas qaama dirqama phaaphaasii keessaa tokko ta'eera.
Phaaphaasichi ni fuudhaa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo darbe phaaphaasonni gaa'ela godhatan turaniiru - Qulqulluun Pheexiroos, Phaaphaasii duuka bu'aan jalqabaa jedhamee fudhatamu, haadha warraa fuudheera.
Seenaan phaaphaasota jalqabaa madda falmii hayyootaa guddaa yoo ta'u, akkuma Qulqulluu Pheexiroos Phaaphaasii ta'uu isaanii dura meeqa akka fuudhan hin beekamu.
Phaaphaasiin Hormisdas (514-523) abbaa Phaaphaasii Silveriyus isa bakka bu'ee akka ta'e kan yaadamu yoo ta'u, Phaaphaasiin Adriyaan 2ffaan (867-872) haadha warraa fi intala isaanii gara bakka Laateraan jedhamu jiraatan.
Barreessitoonni seenaa hedduun Phaaphaasiin Yohaannis XVII (1003) fi Kileeman 4ffaan (1265–1268) yeroo Phaaphaasii ta'uun muudaman dhiirota gaa'ela qaban akka ta'es ni amanu.
Phaaphaasiin Vaatikaan 266 keessaa tokkollee erga Phaaphaasii ta'anii booda akka hin fuudhin ragaan agarsiisu xiqqaadha, haata'u malee Phaaphaasonni muraasni hariiroo jaalalaa ifatti hin ibsamnerratti hirmaataniru jedhamee amatama.
Namni gaa'ela qabu gara fuulduraatti phaaphaasii ta'uu danda'aa?
Ta'uun isaa hin oolu.
Mindaan phaaphaasiif ni kaffalamaa?
Poop Firaansis mindaa isaanii dhaabbilee tola-ooltummaaf arjoomaa akka turanitu himamaa ture.
Bara 2021tti dubbi-himaan Vaatikaan "Phaaphaasichi mindaa hin argatan, argatees hin beeku" jechuun hamii kana tasgabbeessuuf yaalan.
Poop Firaansis kaffaltii waajjira isaaniif kaffalamu muraasa fudhachuu diduun, apartaamaa qaananii keessa jiraachuu caala Vaatikaanitti mana keessummoota itti simatan keessa jiraaachuu filatan.
Phaaphaasiin isaan dura turan Benedikt 16ffaan dhukkubsachuu himuun bara 2013 soorama bahuun, tarkaanfii hin baratamne fudhatan.
Gaazexaa Xaaliyaanii La Stampa dabalatee miidiyaaleen soorama argachaa akka turan gabaasan.
Phaaphaasiin hanga yoomiitti tajaajila?
Phaaphaasiin harki guddaan hanga du'anitti tajaajilu.
Erga Giriigoorii XII bara 1415tti Phaaphaasiin biraa aangoo gadhiise kan hin jirre yoo ta'u, Benedikt 16ffaan erga Seeleestiin 5ffaa bara 1294tti fedhii isaatiiin aangoo gadhiisee asitti isa jalqabaati.
Barreessitoonni seenaa Phaaphaasonni meeqa aangoo gadhiisanii beeku dhimma jedhu wal falmu.
Phaaphaasonni aangoo gadhiisan jedhaman keessaa muraasni isaan kana:
Poontiyaan bara 235tti
Silveriyus bara 537tti
Yohaannis XVIII bara 1009tti
Benedikt IX bara 1045tti
Seeleestiin V bara 1294tti
Giriigooriyoos 12ffaa bara 1415tti
Phaaphaasiin maaliif kophee diimaa keewwata?

Madda suuraa, Getty Images
Amantii Kaatolikii keessatti halluun diimaan wareegama (warra amantiif du'an) fi gidiraa Kiristoos arge bakka bu'a – jechuunis cunqurfamuu, hidhamuu, qoramuu fi fannifamuu Yesuus Kitaaba Qulqulluu Kakuu Haaraa keessatti eerame akeeka.
Phaaphaasiin Benedikt 16ffaa fi Phaaphaasonni isaan dura turan hedduun duudhaa kophee diimaa uffachuu itti fufaniiru.
Haata'u malee, Poop Firaansis kophee gurraacha uffachuu filatan.
Kophee gurraacha reeffa Poop Firaansis irraa mul'ata.
Kanarrattis garaagarummaan uumamee jira.
Phaaphaasiin Yohaannis Phaawuloos 2ffaan yeroo isaaniitti kophee bulee fakkaatu akka keewwatanitu himama.
Barruun akkaataa jireenyaa Ameerikaa Esquire jedhamu akka jedhutti, ''kophee bifa daammii qabus'' akka keeewwatan ibsa.

Madda suuraa, Getty Images












