Phaaphaasii haaraan Waldaa Kaatolikii akkamiin filama?

Kaardinaalonni yeroo walitti qabaman

Madda suuraa, Getty Images

Phaaphaasii haaran kan filamu phaaphaasiin ture du'aan yoo boqote ykn fedhiidhaan phaaphaasummaa yoo gadi dhiise qofa (akuma bara 2013 Poop Benedikt XVI yeroo du'an ta'e jechuudha).

Namni phaaphaasii duraa bakka bu'e, phaaphaasii Waldaa Kaatolikii Roomaa haaraa ta'ee itti fufa.

Akka seera Waldaa Kaatolikiitti, dhiirri cuuphame kamuu phaaphaasii ta'uun filamuu danda'a.

Haa ta'u garuu phaaphaasiin kan filamu tajaajiltoota olaanoo Kaatolikii Kaardinaalota jedhaman keessayi.

Akkasumas namoonni biroo phaaphaasii haaraa filan jiru.

Waldaan Kaatolokii addunyaa irraa kaardinaalota 252 qabdi (hanga Guraandhala 19, 2025tti). Gama biraan ammoo kaardinaalonni kunneen bishooppii ykn phaaphaasota.

Phaaphaasii filuu kan danda'u kaardinaalota addunyaarra jiran kanneen yoo ta'an, kaardinaalota umuriinsaanii waggaa 80 gadi ta'an qofaatu phaaphaasii (Pope) Waldaa Kaatolikii Roomaa filachuu danda'a.

[Sababa umuriin daangeffamuuf] lakkoofsi kaardinaalota phaaphaasii haaraa filatanii yeroo heddu 120 ta'a. Haa ta'u garuu. yeroo ammaa kaardinaalonni phaaphaasii haaraa filachuuf ulaagaa guutan [umuriinsaanii 80 gadi ta'e] 138 jiru.

Poop Firaansis Muddee 2024 kaardinaalota 21 muudanii ture.

Kaardinaalonni akkamitti phaaphaasii haaraa filatu?

Phaaphaasii (Pope) haaraan yeroo filamu, kaardinaalonni Waldaa Kaatolikii addunyaa mara irraa magaalaa Room keessatti kan argamtu Vatikanitti wal-gahu. Adeemsi itti phaaphaasii haaraa filan kun wagoota 800 darbanii osoo hin jijjiiramin itti fufeera.

Guyyaa jalqabaa kaardinaalonni hundi Bataskaana Qulqulluu Peexroositti (St Peter's Basilica) walitti qabamuun sirna kadhataa gaggeessu. Sana booda Chaappilii Sistiin ( Vatican's Sistine Chapel) keessatti wal-gahu.

Ittaansuun chaappilicha keessatti sirni extra omnes jedhamu gaggeeffama. Kana jechuun kaardinaalota phaaphaasii filataniin alatti namni hunduu alatti hafa.

Sirni extra omnes labsamuu irraa kaasee kaardinaalonni hundi bataskaana keessatti walitti qabamuun hanga phaaphaasii filatanitti achuma turu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kaardinaalonni Chaappilii Siistiin keessatti walitti qabaman, guyyaa jalqabaa sagalee jalqabaa kennu.

Guyyaa lammaffaa irraa kaasuun ganamaafi galgala carraan sagalee lama lama kennuu ni kennamaaf. Kunis hanga kaadhimamtoonni dhiyaatan keessaa nama tokkotti galutti sagalee kennuun itti fufa.

Kaardinaalonni yeroo sagalee kennan, nama filatan waraqaa filannoo irratti barreeffama afaan Laatiniin Eligio in Summum Pontificem jalatti maqaasaa barreessu. Kana jechuun "Gaggeessaa Olaanaa nan filadha" akka jechuuti.

Sagaleen kennamu icciitin akka ta'uuf, kaardinaalonni yeroo maqaa nama filatanii barreessan, akkaataa barreeffamaa kana dura fayyadaman akka hin fayyadamne itti himama.

Hanga guyyaa lammaffaatti filannoon hin milkoofne yoo ta'e, guyyaa sadaffaan akka guyyaa kadhannaatti labsama. Guyyaa sadaffaatti sagalee kennuun hin jiraatu; kaardinaalonni kadhannaafi callisaan dabarsu. Guyyaa sadaffaan kadhannaan erga darbee booda filannoo idileen itti fufa.

Kaadhimamaan tokko phaaphaasii (Pooppii) ta'uuf sagalee kaardinaalotaa lama sadaffaa argachuu qaba.

Adeemsi phaaphaasii haaraa Waldaa Kaatolikii Roomaa filachuu guyyootaf, yeroo tokko tokko ammoo torbanootaaf turuu danda'a.

Chaappilii phaaphaasiin itti filamu (papal Conclave) keessatti maaltu gaggeeffama?

Uummanni bataskaana alatti walitti qabamee

Madda suuraa, Getty Images

Sirni phaaphaasii haaraa filachuu icciitii cimaan gaggeeffama. Kaardinaalonni Vaatikaan keessaa hin bahan. Hanga phaaphaasii filatanitti, reediyoo dhaggeeffachuun, TV ilaaluun, gaazexaa dubbisuun ykn bilbilaan nama ala jiru qunnamuun dhorkaadha.

Namoota hojii qulqullinaafi kaan hojjatan, doktaraarotafi lubootan alatti namni kamuu bakka kaardinaalonni phaaphaasii filachuu itti walitti qabaman seenuu hin danda'an.

Namoonni akka seenaniif hayyamamuuf kun icciitii eeguf kakuu erga galanii booda seenuu kan danda'an.

Kaardinaalonni filannoo gaggeessaniifi kanneen sababa dulloomaniif sagalee kennuu hin dandeenye, adeemsa sagalee kennuu keessatti gidduudhan waa'ee kaadhimamtootaa ni mariyatu.

Kaadhimamtoonni ifatti na filadhaa jedhanii duula gaggeessuu hin danda'an. Vaatikaan akka jettutti, kaardinaalonni Hafuura Qulqulluun gaggeeffamuun phaaphaasii filatu.

Haa ta'u garuu, adeemsi itti kaadhimamtootaf deeggarsa walitti qaban adeemsa siyaasa kan qabuudha.

Phaaphaasii haaran filamuu mallattoo aaraa agarsiisu

Madda suuraa, Getty Images

Guyyattii si'a lama waraqaan sagalee ittii kennan gubatee aarrisaa karaa baaxitiin akka bahu godhama.

Waraqaa gubamurratti halluun adiifi gurraachi ni godhama. Aarri guraachi bahu, sagaleen hammataa ta'e kennamuu agarsiisa. Aarri adiin gaafa bahu ammoo phaaphaasin (Pope) haaran filamuu agarsiisa.

Phaaphaasii haaran yeroo filamu maaltu ta'a?

Phaaphaasiin haaraa filame uummatatti yeroo mul'atu

Madda suuraa, Getty Images

Phaaphaasiin haaraan sagalee caalmaa argate erga filamee booda, "Gaggeessaa Olaanaa taatee muudamuu ni fudhattaa?" gaaffin jedhu ni dhiyaataaf.

Sana booda maqaa phaaphaasii ta'ee ittiin waamamuu barbaadu filachuun maqaan haaraan sun uffata phaaphaasin uffatu irratti godhamaaf.

Kaardinaalonni ammoo phaaphaasii haaraa filameef kabajaafi akka bitamaniif ni ibsu.

Sana booda Bataskaan Qulqulluu Pheexroos (St Peter's Basilica) irraa uummata alatti walitti qabameef afaan Laatinitiin "Habemus papam" jechuun labsama. Kana jechuun "Phaaphaasii ykn Pooppii arganneera" akka jechuuti.

Maqaan phaaphaasii haaraa erga ibsamee booda, phaaphaasin filame sun as bahee uummatatti of mul'isa.

Phaaphaasin haaraan eebba gabaabaa afaan Latiinin urbi et urbi jedhamuun beekamu eebbisa.

Dhumarratti phaaphaasii filachuuf bu'aa sagalee marsaa garaa garaan kennamee phaaphaasichatti agarsiifamuun mallattoon itti godhamee saamsamee mana galmee Vaatikaan keessa kaa'ama.

Manni galmee kun banamuu kan danda'u ajaja phaaphaasii qofaani.