Poop Firaansis dhalli namaa 'qabeenyaafi aangoof dheebochuu' balaaleeffatan

Pop Firaansis

Madda suuraa, Reuters

Phaaphasiin Kaatolikii Poop Firaansis dhalli namaa ‘’qabeenyaafi aangoof dheebotu’’ isaa balaaleeffatani.

Poop Firaansis kan kana jedhan guyyaa Sambataa kadhannaa jala bulti Ayyaana Du’aa Ka’u Gooftaa Iyyasuus Kiristoos Vaatikaanitti qophaa’eerrattidha.

Dubbiin isaanii kuni waraana Yukireen keessa adeemaa jiru akkasumas walitti bu’iinsota kaan akeeka jedhameera.

‘’Waraana meeqa agarre!’’ jechuun himan. Kanneen miidhaman ‘’dadhaboofi kanneen saaxilamoo‘‘ ta’anidha jedhan.

‘’Hunda caalaa daa’imman waraana, hiyyummaafi haqa dhabuun miidhamaa jiraniif’’ akka gaddan ibsan.

Dureen amantii kuni hordoftootaaf magaalaa Vaatikaan mana amantaa Qulqulluu Phexiroos Baasilikaatti yeroo ergaa dabarsani kana jedhan.

Poop Friaansiis, ganna 86, wiilchariidhaan qiddaasee gaafa Sambata galgalaaf mana amantaa kan seenan yoo ta’u hanga sagantaan xumuramutti taa’un dabarsan.

‘’Bineensonni dallaa isaanii keessa osoo sooramanii dhiironniifi dubartoonni qabeenyaafi aangoof dheebotan [garuu] ollaa, haadhaafi obbolaa isaanii yaaddoo keessa galchaniiru,’’ jedhan.

Yeroo tajaajila kana waa’ee waraana Raashiyaafi Yukireen ifatti maqaa hin dhoofne.

Waggaa darbe Raashiyaan lola Yukireen irratti bantu ifatti hin balaaleeffanne jedhanii lammiileen Yukireen isaan qeeqanii turan.

Boodarra badii waraana Raashiyaan raawwate jedhan balaaleeffataniiru.

Gaafa Dilbataa sagantaa Urbi et Orbi (magaalichaafi addunyaaf) jedhamuun barandaa Mana Kiristaanaa Qulqulluu Baasilikaa irraa eebbaafi ergaa Kaatolikoota Vatikaaniifi addunyaa guutuu jiraniif dabarsu.