Manni amantaa Ortodoksii Itoophiyaa gahee araarsuu bahuuf gaafatte

Abuna Maatiyaas

Madda suuraa, Getty Images

Manni amantaa Tawaahido Ortodoksii Itoophiyaa qaamooleen waraana kaaba biyyattii keessatti hirmaatan, garaagarummaa isaanii mariidhaan akka furan gochuuf gahee jaarsummaa bahuuf gaaffii dhiyeessuu beeksifte.

Qulqulluun sinoodosii torbanoota lamaan darbaniif erga yaa’ii gaggeessaa ture xumureen booda ibsa baasee irratti, murteewwan ‘‘mana amantaa fi biyyaaf ni tola’’ jedhan dabarsuu beeksise.

Ibsa qulqullu sinidoosichaa kan dubbisan Bitsuh Abuna Maatiiyaas, waraana wal walii Itoophiyaa karaa mariitiin furuuf bataskaanitiin gahee jaarsummaa bahuuf mootummaa federaalaatiif gaaffii dhiyeessuu dubbataniitu.

Bitsu’i qulqulluu Abuna Maatiiyaas, ‘‘waraanniifi wal waliitti bu’uun hafee, haala nagaa guutuun itti deebi’u irratti waliin dubbatanii rakkoolee jiran yeroo dhumaatiif akka furan gochuuf bataskaanni keenya gahee araarsuu akka bahu dandeessu gochuuf mootummaa federaalaatiif gaaffiin akka dhiyaatu ta’eera,’’ jedhan.

Kana malees, xumura yaa’ichaa irratti dureewwan amantichaa naannoo Tigraayitti argamanis tokkummaa biyyaafi nageenyaaf waliin akka hojjataniif waamicha taasisaniiru.

Bataskaanni Ortodoksii naannoo Tigraayitti argaman baatiiwwan muraasaan dura sinidoosiin jidduugalaa tibba waraanaatti nu waliin hin dhaabbanne jechuun, adda bahuun mana amantaa qofaasaanii hundeeffachuu beeksiisuun ni yaadatama.

Akkasumas sababii rakkoo nageenyaa biyyattiitti umameetiin badii lubbuu namootaa qaqqabeefi gubannaa bataskaanootaa, ajjeechaa miseensootaafi hoggantoota amantichaa irra qaqqabee ture irratti xiyyeeffachuun marii taasisuu kan ibse yoo ta’u, rakkoon kun furmaata akka argatuuf qaamoolee mootummaa dhimmisaa ilaallatutti akka dhiyaatuuf murteesseera.

Yaa’iin Sinodoosii Qulqulluu dhiheenya kanatti ijoo dubbii kan ta’e waa’ee dhimma lafa kana qophiilee ilaalchisuunis kaasuu irratti erga mari’ateen booda, ‘‘balleessitoonni seeratti akka dhiyaatan, gara fuuladuraattis gama motummaattiin eegumsi barbaachisu akka taasifamu’’ gaafateera.

Bataskaana Tawaahidoo Ortodoksii Itoophiyaa keessatti qaama guddaa kan ta’e Sindoosiin waggaatti yeroo lama walgahiisaa gaggeessa.