Dhimma Tigraayirratti 'yaadi koo ukkaamfameera' - Abuna Maatiyaas

Paatiriyaarkiin Mana Amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa, Abuna Maatiyaas

Madda suuraa, Getty Images

Paatiriyaarkiin Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa lolli naannoo Tigraay keessatti gaggeefamu ''gocha garajabinaatii'' jechuun balaaleffatan.

Paatiriyaark Abuna Maatiyaas lola naannoo Tigraay keessatti erga eegalamee ji'ootni jaha darabaniifi kumootni lubbuu dhabanii hedduun qe'eerraa buqqa'an ilaalchisee yaada isaanii akka hin ibsine godhamaa akka turan dubbatan.

Abuna Maatiyaas dhaamsa kana Viidiyoon waraabamanii kan dabarsan yoo ta'u marsaalee Hawaasaa gubbaatti gadhiifamee argame.

Tajaajilli oduu Firaansi AFP'n viidiyoon kun ji'a darbe akka waraabame gabaaseera.

Hoogganaan olaanaa Amantii kun dhaamsa viidiyoo daqiiqaawwan 10 dheeratu irratti hallii nageenyaa Oromiyaa fi Gambeellaa keessa jirus gaarii mitii jedhanii addatti garuu Naannoo Tigraay keessatti wanti ta'aa jiru gocha gara jabinaa hamaadhaa jedhan.

Lolli naannoo Tigraay keesa jiru akka dhaabatu waamicha gochuuf irra deddeebiin yaalaa turanii akka isaaniif hin milkoofnes ibsaniiru.

Lola Raayyaa Ittisa Biyyaa ajaja buufata kaaba biyyattii irrattii humnoonnii TPLF haleellaa tasa raawwatan hordofee lola hamaa dhalate ilaalchiseen gumiin dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa ibsa baaseen tarkaanfii seera kabachiisuu mootummaan federaalaa fudhatu akka deeggaru ibsee ture.

Addatti garuu Manni Amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa lola kana ilaalchisee hanga ammaatti ibsa baaste hin qabdu.

Qulqullichi Abuna Maatiyaas viidiyoo kana irratti dhimma Tigraay ilaalchisee irra deddeebiin ibsa kennaniis qilleensarra ooluuf hayyama akka dhabee dubbataniiru.

Abuna Maatiyaas dhalataa naannoo Tigraayi yo ta'an ergaan isaanii uummata bira akka hin geenye ukkaamfamaa akka ture dubbataniiru.

Haata'u malee ergaa isaanii kana keessattii qamni dhaamsi isaanii uummata bira akka hin geenye dhorku eenyu akka ta'e hin ibsine.

''Kaniin ani dubbadhu kan addunyaan beekudha'' kan jedhan Paatiriyaarikichi, hanga ammaattii rakkoon hammaataan akka hin dhufneef sodaadhaan afaan koo luugamamee dhiibbaadhaan akka hin dubbanne'' ibsaniiru.

Viidiyoo kana irrattis ALI Ebla 7 bara 2013 Televiziyoona Mana Kiristaanaa isaaniirratti gaaffiifi deebii godhanii sunis akka hin tamsaafamne dhorkamuu dubbataniiru.

Paatiriyaarkichi waan addunyaan irraa dubbatu isaan akka hin dubbanne godhamuu himanii Tigraayitti ajjeechaan namoota nagaafi gadadoon qaqqabaa jiru sammuu isaanii jeeqaa akka jiru himaniiru.

''Walitti bu'iinsi Tigraay jiru hundarra hammaataadha''

Abuna Maatiyaas Itoophiyaa naannolee garaa garaatti rakkoon jiraachuu eeranii garuu ‘’hanga Tigraay mitii’’ jedhan.

Akka Fakkeenyaattis naannoo Oromiyaa, Beenishaanguul Gumuziifi Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo fi Kaaba Shawaa keessatti rakkoon jiraachuu himaniiru.

Rakkinichi ‘’hedduu hammaataadha, gara jabinaan kan guutame,’’ jedhanii kana isaaniis addunyaanis kan beeku akka ta’e dubbatan.

Paatiriyaarkichi bakka Maahibaradagguu jedhamutti ajjeechaa namoota nagaarratti raawwatame kaasanii namootni kun seeraanillee akka hin awwaalamne dubbataniiru.

Itti dabaluunis dubartootni gudeedamaa fi rakkoof saaxilamuu ibsaniiru. Wanti dubartootarra gahaa jiru eela bara baraan sammuu isaanii keessatti hafu dha jechuun ibsan. Gocha kanas waan balfamaa jechuun ibsan.

Lolli erga eegalee ji’a jaha dabarse furmaata dhabuu dubbataniiru. ‘’Hammeenya kana akkamiin akka deebisu waaqni firdii ofiisaa qaba’’ jedhaniiru.

‘’Qabeenyi uummata Tigraay saamameera, mirgisaa mulqameera lubbuu isaa dhabeera. Si balleessinu malee jedhanii hanga ammaa tarkaanfii irratti fudhachaa jiruu’’ jedhan.

‘’Manneen Amantaarratti dhukaasu, gadaamiirratti dhukaasu’’ jechuunis miidhama maneen amantaa himaniiru.

Madfii Dabra Daamootti dhukaafameenis mannii manakuseewwanii diigamuufi namni amantaa tokko ajjeefamuus himaniiru. Rakkoolee maneen amantaa bakka adda addatti qaqqabes ibsaniiru.

Hawaasni Idila addunyaa atattamaan tarkaanfii fudhatee mootummoonni addunyaa du’aatii namoota nagaa dhaabsisuuf karaa akka barbaadan gaafataniiru Abuna Maatiyaas.

Viidiyoon kun eenyuun waraabame?

Viidiyoon Abuna Maatiyaas waa hedduu irratti dubbatan kun dhaabbata biyya Ameerikaa Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa wajjiin dhiyeenyaan hojjetu Bridges of Hope jedhamuuf nama hojjetu Deenis Wodili jedhamuun akka ta’e tajaajilli oduu Itoophiyaa gabaaseera.

Deenis viidiyoon kun waajira Paatiriyaarkii Finfinneetti argamu keessatti waraabamuu ibseera.

‘’Bilbila harkaa koo baaseen dubachuu barbaaddu yoo ta’e amma waraabuu dandeenya ittiin jedhee viidiyichi waraabamuu AFP’tti himeera.

AFP’n akka gabasetti bakka buutonni Mana Kiristaanichaa ergaan Abuuna Maatiyaas uummta bira akka gahu akka hayyaman mirkaneesseera.

Haata'u malee BBC'n Mana Kiristaana Orthodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa dhimma kana ofiin hin mirkaneessine.

Komii fi himannaa Paatriyaarikii kanaa ilaalchisee mootumman Itoophiyaas ta'e Manni Kiristaanichaa hanga gabaasni kun qophaayetti deebiin kennan hin jiru.