Abrahaam Balaay (PhD) hojii gaggeessaa Bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay ta'uun muudaman

Abrahaam Balaay

Madda suuraa, BELAY ABRAHAM/FACEBOOK

Ministirri Innooveeshiniifi Teeknoolojii duraanii Dr. Abrahaam Balaay ji'oota shanii ol darbaniif bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay hoogganaa kan turan Dr. Muluu Naggaa bakka bu'an.

Lolli Naannoo Tigraay eegalee humnoonni mootummaa Federaalaa naannicha to'achuu hordofee kan hundeeffame bulchiinsa yeroo Naannichaa ji'oota shanii oliif kan hoogganaa turan Dr. Muluu Naggaa ammoo Deetaa Ministiraa Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo ta'uun MM Abiy Ahimadiin muudamni kennamuu waajirri Ministar Muummee ibseera.

Abrahaam dhaaba Bilitsiginnaa damee Tigraay keessattis hooggana olaanaa keessaa tokko.

Ministira ta'anii wayita turan miseensa kaabinee Federaalaa yoo ta'an, amma ijaarsa hidha haaromsa Itoophiyaa kan gaggeessuu Tajaajila Elektirikii Itoophiyaas hojii gaggeessaa olaanaa ta'uun hooggananii turan. Erga Ministira Ta'aniimmoo walitti qabaa boordii dhaabbatichaa turan.

Dabalataaniis walitti qabaa boordii Yunivarsiitii Amboo akka turan miidiyaan biyyaalessaa gabaaseera. Dhaabbilee akka abbaa Taayitaa Kominikeeshinii Itoophiyaa, Humna Ibsaa Itoophiyaa, Itiyoo Injinariin Giruup, Tajaajila Oduu Itoophiyaa, Abbaa Taayitaa daandiiwwanii Itoophiyaa fiBaankii Daldalaa Itoophiyaa keessatti miseensa boordii ta'uun tajaajilaa jiru.

Hoji gaggeessaan bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay kan jalqabaa Muluu Naggaa sababa maaliin aangoo sanirraa akka ka'an hin ibsamne.