Lola Tigraay: Rakkoolee ijoo shan bulchiinsa Tigraay mudatan

Taankii naannoo Tigraay keessatti gubate

Madda suuraa, AFP

Erga Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) kan naannicha bulchaa ture humnaan aangoorraa buufameen booda, naannichi bulchiinsa yeroo mootummaa federaalaatiin mudamee Dr Muluu Naggaatiin bulfamaa ture.

Tibba kana ammoo Ministira Saayinsiifi Innoveshinii kan turan Dr Abrhaam Balaay bakka Dr Muluu Naggaa bu'uun naannicha bulchuuf mudamaniiru.

Baatiiwwan shanii oliif naannicha bulchaa kan turan Dr Muluu Naggaa maaliif Dr Abrihaamiin akka bakka buufaman ilaalchisee ibsi kenname hinjiru.

Kana malees ittaanaan itti gaafatamaan sabaa himaa Naannoo Tigraay kan turan Obbo Amdoom Gabrasillaasee fi ittigaafatamaa waajira ijaarsa daandiiwwaniifi geejibaa Injinar Alulaa Haabta'aab baatii Bitootesssaa keessa aangoorraa ka'uun ni yaadatama.

Isaan dura ammo kantiibaa magaalaa Maqalee kan turan Ataakiltii Haayila Sillaasee aangoorraa ka'an.

Dhimma kana ilaalchisuun BBC kan dubbisee Obbo Amdoom Gabrasillaassee ''gaaffii ummataa deebiisuu malee namoota geeddaruun jijjirama hinfidu'' jedhan. Ofii gaaffileen uummataa maal fa'ii? Rakkoolee bulchiins haaraa mummee hoo?

Haala nageenyaa fi tasgabbii

Sadaasa 04, 2020 lolli naannoo Tigraay tarkaanfiin 'seera kabachiisuu' jedhameen erga eegale amma baatiiwwan jaha ta'eera. MM Itoophiyaa lolli naannichatti gaggeeffamu xumuramee jira jedhanilleen maddeen dhaabbilee gargaarsaa idil addunyaa irraa argaman garuu ammallee lolli naannichatti bakkeewwan adda addaatti aggeeffamaa jiraachu himu.

Gama biraatiin ammo hojii nagaa kabachiisuu kan hojjatan poolisiin naannichaa fi humni nageenyaa waan bittinnaa'eef seera maleessuummaan jiraachutu himama.

Obbo Amdoom Gabrasillaaseefi obbo Aluulaa Habte'aab

Madda suuraa, BBC/FBC

Sababii kanaan namoonni manneen hidhaatii bahan dabalatee magaalaa Maqaleefi magaalota naannichaa kaan keessatti yakkawwan saamichaafi ajjeechaa irratti hirmaachaa akka jiran himama.

Motummaan federaalaa dhaabbilee gargaarsa namoomaa idila-addunyaa waliin ta'uun naannicha keessatti deeggarsa taasisuuf socho'aa jiraachu himullee, sababii nageenyaatiin garuu gargaarsa bakka barbaadamuun gahuuf danqaa itti ta'utu dubbatama.

Gareen Wallaantoota Daangaa malee (MSF) ''naannoolee baadiyaafi irra jireessa Tigraay qaqqabuun hindanda'amne. Eddoowwan hedduuttis ammallee yaaddoon nageenyaa jira. Kanaafu namoonni baadiyaatti argaman baayyeen deeggarsa argataa hinjiran. Tajaajila wallaansaa fi deeggarsa nyaataa xiqqaatu taasifamaa jira''jedheera.

Motummaan biyyatti garuu naannichatti nagaafi tasgabbiin gara duraatti deebii'aa jiraachu miidiyaalee biyya keessaatiin himeera.

Obbo Amdoom Gabrassillaasee garuu bulchiinsi yeroo naannicha keessatti nageenyaafi tasgabbii mirkanneessuu akka hindandeenyeefi kana gochuuf hojii olaanaan itti fufiinsaan akka hafu dubbatu.

Waa'ee loltoota Eertiraa naannicha keessa jiranii

Loltoonni Eertiraa lola naannichatti gaggeeffamee keessatti hirmaachu bira darbuun naannichatti ajjeechaa namoota nagaa, haleellaa quunnamtii saalaa fi saamicha keessatti hirmaachuun himatamaa turan.

Fakkeenyaaf miidhaan mirga namoomaa Magaalaa Aksuumitti raawwatamuun dhaabbata Amanastii Intarnaashinaal jedhamu gabaasee tures dhugaa ta'uunsaa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaatiin mirkanaa'eera.

MM Itoophiyaa Abiy Ahimad yeroo jalqabaatiif baatii Guraandhala keessa ture loltoonni Eertiraa Tigraay keessa jiraachu amanuun motummaan Ertiraa baasuuf waliigaluibsanii kan turan.

Motummaan Ameerikaa ammo loltoonni Eertiraa Tigraay keessa jiran atattamaafi haala mirkanaa'u danda'uun akka bahaniif gaafatee ture.

Miseensoonni bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay dhimmicha irratti ejjannoo walfakkaatu qabaachu baatanillee aanga'oonni naannichaa tokko tokkoo garuu dhimmi kana irra deddeebiin yoo kaasan ni dhagaahamu.

Aanga'oota dhimmi loltoota Eertiraa akka naannicha keessaa bahaniif kaasaa turan keessaa tokko aanga'aa Paartii Areenaa Tigraay kan ta'an Obbo Amdoom Gabrasillaaseeti. Obbo Amdoom dhimmi kanaafi kan biraa ilaalchisuun midiyaaleef ibsa kennuun wal qabatee ittigaafatamummaa irraa kaafamu ibsu.

Gaaffiin uummataa inni guddaan loltoonni Eertiraa nuuf haa bahan kan jedhuu ta'u himu.

Gaaffii uummatichi waltajjiiwwan marii adda addaa irratti kaasuun alattis aanga'oonni waraana motummaa olaanoonis dhimma loltoota Eertiraa kana gaafataa akka jiran madden tokko tokko ni himu.

Kun raawwatamu dhabuunsaa ammo bulchiinsi yeroo uummataan fudhatama akka hinargannee taasisuun gaaffii keessa galchu Obbo Amdoom ni dubbatu.

Gaaffii tokkummaa bulchiinsa naannnoo Tigraay

Raayyaa ittisa biyyaa waliin gara naannoo Tigraayiitti kan duulee humni addaa naannoo Amaaraa lafa lixa Tigraay bal'aafi naannoolee kibba Tigraay to'achuun, gaaffii ''ristii deebisiisuu'' hojiirra oolchaa jiraachu Obbo Amdoom ni dubbatu.

Naannoolee kanneenitti caasaa bulchiinsa naannoo Amaaraa diriirsaa akka jiranillee gabaasaaleen tokko tokko ni mul'isu.

Dhalattoota saba Tigraay naannoolee kanneen keessaa humnaan baasuun naannawa lixa Tigraayiitti yakki 'duguggaa sanyii' raawwatamaa jira jechuun kan ibsan ammo Ministira Haajaa Alaa Ameerikaa Antonii Biliinkan turan.

Kanaafu humnootiin addaa Amaaraa atattamaan naannichaa akka bahaniifis gaafatanii ture.

Motummaa Itoophiyaa garuu ''dhimma keessooti'' jechuun waamicha kanaaf deebii kennunisaa ni yaadatama.

Gama naannoo Amaraatiinis 'lafa keenya humnaan nurraa fudhatamee ture humnaan deebiifanneera'' jechuun deebii kennee ture.

Obbo Amdom wayita aangoo irra turanitti gaaffiin kunis akkuma dhimmi loltoota Eertiraatti uummataan kaafamaa turuu BBCtti himan.

Barbadaa'uu dhaabbilee wallaansaa

Dhaabbileen wallaansaa naannoo Tigraay %70 ta'an barbadaa'usaanii fi meeshaaleen wallaansaa akka saamaman dhaabbanni MSF baatii Guraandhalaa keessa beeksiisun saa ni yaadatama.

Sababii balaa qaqabeetiinis hojjattooti qubaan lakkaa'aman qofti hojiirratti akka argamaniifi dhaabbilee tokko tokko keessattti hojjataan tokko kan hinjirree ta'u dhaabbatichi ibsee ture.

Baqannaa fi rakkoolee namoomaa

Lola naannoo Tigraayiitti gaggeeffamee hordofee hedduun qee'esaanii dhiisuun kan buqqa'an yoo ta'u, kanneen kuma 60 ol ta'an gara Sudaan qaxaamuruusaanii dhaabbilee gargaarsaan himameera.

Waliigalattis kanneen miliyoona tokko ol ta'an ammo manneen barnoota magaaloota Maqalee, Shiree, Aksuum fi Adawaatti akka argaman himama.r

Haadhaa daa'ima ishee waliin Sudaanitti baqatte

Madda suuraa, Reuters

Dhaabbata Hakiimoota Daangaa Malee MSF tti ittigaafatamtoota kan ta'an Soofii Maadeen ''Nyaataafi bishaan gahaa hinqaban. Keessattuu bishaan dhugaatii hinargatan'' jechuun BBCtti himan.

Gabaasa dhaabbatichi torban kana baaseen, naannoolee baadiyyaa Tigraay keessatti namoonni hedduun tajaajilawwan bu'uuraa akka hinargannee beeksiiseera.

Keessattu daa'immaniifi dubartoonni garaatti baataniifi hoosisan hir'ina nyaata madaalawaaf saaxilamuus dabaluun himee ture.

Haaluma walfakkaatuun dhaabbanni Save the Children jedhamus gabaasa baaseen, ijoolleen kuma shan ta'a sababii lola naanichaatiin maatii isaaniin adda bahuu beeksiiseera.

Waqxiin roobaa waan dhufaa jiruuf ''naannoolee gargaarsii hinqaqabiin keessatti ummanni dhibeefi beelaaf saaxilamu akka danda'uuf'' yaaddoo cimaa qabaachu himeera.

Rakkoonni namoonnaa yeroo gara yerootti dabalaa jiru kunis bulchiinsa yeroo naannichaatiif danqaa biraa ta'aa jira jechuun ibsa Obbo Amdoom.

Furmaanni maali?

Bulchinsi yeroo Naannoo Tigraay dhaabbileen motummaa gara hojii idileetti akka deebii'aniif akkasumas waajiraaleen barbadaa'an akka suphamaniif hojjataa jiraachu ibsa.

Motummaan federaalaas Tigraayiin deebiisee ijaaruuf cimsee akka hojjatuufi rakkoo namoomaa naannichatti mudateef deebii atattamaa kennaa jiraachu dubbata.

Obbo Amdoomis naannichatti hojjataan mootummaa bakkeewwan muraasatti hojii eegaluufi tajaajjilli baankiifi bilbilaa bakkeewwan muraasaatti eegalunsaanii akka gaariitti kaasu.

Gama nageenyaafi daangaa naannichaa eegsiisuutiin garuu ammallee hanqinni olaanaan jiraachu dubbatu.

Rakkoolee kanneef jijjiramni hanga hindhufnetti jijjiramuun namootaa hiikaa hinqabaatu jechuun BBCtti himan.

Keessattuu lammiileen lixa Tigraay irraa buqqaafaman bakka jireenyaasaaniitti haala itti deebifaman mijeessuun furmaata akka ta'eetti eeru.

Dhumarrattis bulchiinsi yeroo osoo ''kanneen gammoojjii jiranis ta'ee kaan waliin marii taasisee'' jechuun yaada kennan.