‘Tigiraayitti ummanni baadiyyaa rakkoo hamaa keessatti dagatameera’ -MSF

Sababii lola naannoo Tigiraayitti dhalateen daa'imman buqqa'anii Sudaanitti baqatan keessaa kan taate daa'imni waggaa afurii yeroo hordofiin taasifamuuf

Madda suuraa, AFP

Dhaabbanni idil-addunyaa fayyaa irratti hojii tola-ooltummaa hojjetu Mediisin Saan Firoontiyeersi (MSF), Tigiraayitti ummanni baadiyyaa rakkoo hamaa keessatti dagatameera; rakkoon hir'ina nyaata madaalawaa ammoo "daran hammaachaa jira" jedhe.

Dhaabbanni kun naannoo Tigiraa keessatti daa'imman sababa hir'ina nyaataan akka malee miidhaman arguu isaa ifa godheera.

Dhaabbanni Sagantaa Nyaata Addunyaa jalqaba torban kanaa keessa Tigiraay keessatti ummanni harka dhibba keessaa 91 ta'u gargaarsa nyaataa atattamaa kan barbaachisudha jechuun beeksiseera.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ammoo Itoophiyaa naannoo Tigiraay keessatti gargaarsi namoomaa gahaan dhiyaachuu baatus, carraaqqii mootummaan Itoophiyaa taasisaa jiru garuu kan jajjabeeffamudha jechuun isaa ni yaadatama.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa (OCHA) A L I Ebla 4, 2013 naannoo Tigiraay ilaalchisuun gabaasa baaseen, wanta naannicha keessatti uumame hordofee rakkoon namoomaa hamaan uumamuu isaa kaasee ture.

MSF akka jedhetti, kilinikoota baadiyaa Tigiraa keessa jiran keessatti daa'imman hordofiin taasifameef keessaa harka sadii kan ta'an hir'ina nyaataan miidhamaniiru.

Dhaabbanni gargaarsaa idil-addunyaa kun itti dabaluun akka ibsetti, gargaarsi guyyaa guyyaan dhiyaatu magaalotii gurguddoorraa kan hafe gara kutaaleen baadiyaa naannoo Tigiraay kan qaqqaban muraasa qofadha.

Maatiin tokko tokko guyyaatti si'a tokko qofaa nyaatu kan jedhe gabaasni MSF kun, isayyu heddumminaan daabboo qofaa nyaatu jedheera.

Waqtiin roobaa yeroo dhiyaachaa dhufu kanatti sababa lola gaggeeffamaa jirurraan kan ka'e qonaan bultoonni gara oyiruu isaanii deemuu waan dhorkamaniif haalli jiru hammaachaa deemuu danda'a jechuun tilmaameera Mediisin Saan Firoontiyeersi.

Naannoo Tigiraay keessatti gargaarsa gara caalu kan dhiyeessaa jiru mootummaa ta'uu isaa kanaan dura ibsuun ni yaadatama.

Rakkoon hir'ina nyaataa madaalawaa bakkaa bakkatti garaa gara ta'us, baatiiwwan darban keessa rakkoon gargaarsa atattamaa nyaata madaalawaa Tigiraay keessatti dabalaa dhufuu isaa Mediisin Saan Firoontiyeersitti qindeessaan garee gargaarsa atattamaa Tomaas Saantoon ni dubbatu.

Mediisin Saan Firoontiyeersi yeroo ammaa kanatti naannoo Tigiraay keessatti magaalota akka Addigiraat, Aksuum, Aduwaa, Abbii Adii, Shiree, Shiraaroo, Humaraafi Daanshaatti tajaajila fayyaa kennaa jira.

Jalqaba bara 2021 irraa kaasee garee bakkaa bakkatti socho'uun tajaajila fayyaa kennan gara maagaalaalee baadiyyaafi gaarreewwaniitti bobbaasuun tajaajila kennu baballisaa jira.

1px transparent line

Odeessaalee lola Tigraay biroo:

1px transparent line

Baayyinniifi gahumsi miseensonni maatii hedduun argatan hir'achaa dhufuu isaatiin hedduun isaanii guyyaatti si'a tokko qofa akka nyaataniif sababa ta'eera jedha gabaasichi.

"Gargaarsa namoomaa naannichaa guddisuudhaaf, akkasumas ballinaan akka walga'u gochuudhaaf haalonni fedhii gargaarsa dirqamaa gaafatan jiru," jedhan Saantoon.

Kanaan dura gargaarsi namoomaa daabbileen gargaarsaa irraa eegamu yeroo isaatti qaqqabuu waan hin dandeenyeef, mootummaan birrii biiliyoona 40 baasuu isaa beeksisee ture.

Ministirri Muummee Itti-aanaafi Ministirri Dhimma Allaa Obbo Dammaqaa Mokonnon, dhaabbileen gargaarsa namoomaa dhiyeessan rakkoo keenniinsa hayyamaa kanaan dura yeroo dheeraa fudhatuufi rakkisaa ture foyyeessinee amma adeemsa jiru salphaa taasisuun naannoo Tigiraay keessa socho'uudhaaf qaama ilaallatu qofa beeksisanii gargaarsa warra barbaadan biraan geessisuu akka danda'an ibsaniiru.

Bakkawwan fageenyarra jiraniifi mijatoo hin taane dabalatee gargaarsa qaqqabsiisuudhaaf haala namoonni sivilii ta'aniifi loltoonni waliin qindaa'anii hojjetan akka jiraatu beeksisaniiru.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Deessuun osoo lola baqataa jirtuu daandiirratti deessee waan himtu qabdi

Obbo Dammaqaan ibsa kennaniin namoota miliyoona 3.5 ta'aniif gargaarsa qaqqabsiin akka danda'ame himuun, gargaarsa rabsame keessaa harka dhibba keessaa 70 mootummaan akka diyeesse dubbataniiru.