'Sudaan 'Benishaangul lafa kooti' jechuunshee saalfachiisaadha'-Am. Diinaa Muftii

Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Madda suuraa, Ministeera Haajaa Alaa

Itoophiyaan ibsa mootummaan Sudaan tibbana "naannoon Benishaangul Gumuz kan kooti" jechuun baase balaalefatte. Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa ambaasaaddar Diinaa Mufti ibsi mootummaa Sudaan baase kun "saalfachiisaafi seeraan ala" jedhan.

"Hundi akka hubatu kan barbaadnu Sudaan keessattuu dura teessuu IGAD taatee osoo jirtuu gochaa seeraan alaa kana raawwachuunshee kan balaaleeffatamufi saalfachiisaa ta'uusaa ibsuu barbaadna" jedhan.

Sudaan keessattuu daangaa Itoophiyaa erga weerartee as ibsawwan kakaasan kennaa akka jirtu kan himan Ambaasaaddar Diinaan, gama Itoophiyaatin garuu obsaan adeemamaa turuu himan.

Ibsi mootummaan Sudaan "naannoon Benishaangul Gumuz kan kooti jechuun baase birmadummaafi tokkummaa Itoophiyaa kan sarbedha.

Gareen kana godhu garee faayidaa bakka bu'e osoo hin taanee kaaniin dhiibamee faayidaa garee biraa qabatee kan deemuudha" jedhan.

Sudaan lafa Itoophiyaa weeraruun dabalataan loltootnishee saamicha rawwaataa turuu kan himan dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Mufti, "Sudaan karaa seeraan alaatiin Itoophiyaa jeequuf wanti hojjetaa turte, lafa Itoophiyaa qabattee uummata Itoophiyaa miidhaa turuunshii seeran ala, obsa Itoophiyaan agarsiifte akka tuffiitti fudhattee ammallee itti fuftee jirti," jedhan.

Dabalataan "Benishaangul lafa kiyya jechuun biyya arrabsaa jirti. Kun waan hayyamamu miti. Sudaan kana dhaabuu qabdi" jechuunis himan ambaasaaddar Diinaan.

Dhimmi naannoo Benishaangul Gumuz dhimma rakkoo daangaa biyyaalee lamaan gidduutti uummamefi dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa walin hidhata akka hinqabnes Ambaasaaddar Diinaan dubbatan.

Obsi Itoophiyaan hanga ammaa agarsiifte nagaa, ollummaafi waliin jireenya akkasumas kabaja uummata Sudaan kan bu'ureeffate ta'uu himan.

Ji'a Sadaasaa keessa naannoo Tigraay keessatti lolli erga eegalee booda Sudaan loltootashee bobbaasuun lafaawwan naannoo daangaa Itoophiyaa to'achuunshee ni beekkama.

Gamtaan Awurooppaa filannoo taajjabuuf 'dhimma birmadummaa Itoophiyaa sarbu gaafate'

Gamtaan Awrooppaa Filannoo taajjabuuf ''dhimmoota birmadummaa Itoophiyaa sarban'' waan gaafateef waliigalteerra gahuu dhabuu Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa beeksise.

Dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii, "Sababootni Gamtaan Awuroopaa taajjabdoota filannoo erguuf ture itti haqeef ifadha,'' jedhan ibsa Kibxata har'aa kennaniin.

Gamtaan Awrooppaa filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa taajjabuuf dhimmoota lama kaasuufi lamaanuu birmadummaa biyyaa kan sarban ta'uu himan.

''Dhimmootni lachuu birmadummaa Itoophiyaa kan sarban, bilisummaa Itoophiyaa kan sarbanfi nageenya Itoophiya balaarra kan buusanidha.''

''Inni tokkoffaan meeshaa Visasat jedhamu tekinoloojii komunikeeshinii Itoophiyaatin ala qabadhee seenu malee kan jedhudha.''

Kuni filannoo jahaffaadha.

Filannoowwan kanaanduraa taasifaman irratti gaaffiin akkanaa taajjabdoota biraa ka'ee hin beeku. Haala amma jiruunis iddoowwan taajjabdootni filannoo itti deeman hundi tajaajila teelekomunikeeshinii biyyaalessaa kan qabanidha,'' jedhan.

''Meeshaa sirni telekomunikeeshinii keenya hin to'anne qabadheen seena jechuun isin bulchina jechuudha,'' jedhan Ambaasaaddar Diinaan

Inni lammaffaan seera filannoo biyya kamittuu kan hin yaadamne waa'ee filannichaa ''Boordiin Filannoo ibsa kennuusaan dura ani ibsa nan kenna kan jedhudha,'' jedhan.

''Bu'aa filannoo kan ibsu boordii filannooti. Filannoo keenya kan nuuf mirkaneessu adda durumaan uummata Itoophiyaati. Itti aansee Boordii filannooti."