Filannoon Itoophiyaan gaggeessuuf jirtu haala amma jiruun 'ulaagaa idiladdunyaa hin guutu' jedhan Senaataronni US

Madda suuraa, @rosenfornevada,@SenatorKaine, @Corybooker
Seenaataroonni Ameerikaa shan filmaatni Itoophiyaan torbanoota booda gaggeessuuf deemtu, haala amma jiruun ulaagaalee idiladdnuyaa hin guutu jedhan.
Miseensonni Senetii Ameerikaa kunniin kana kan jedhan, xalayaa Ambaasaaddar Jofrii Feltamaaniif barreessaniini - Aabba Feltimaan dhiyeenya kana bulchiinsi Joo Baayidan ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa gochuun muudeera.
Senaataroonni kunniin Benjaamin Kaardin, Jaakii Roosan, Tim Kaine, Koorii Buukar fi Edwaard Maarkii jedhamu - jarri kun xalayaa isaanii keessa waa'ee filannoo biyaalessaa, rakkoolee nageenyaa naannoo Tigraayifi iddoowwan garagaraa keessa jiru kaasaniiru.
Jefrii Feltmaan Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa US tahuun muudaman yeroo hojii isaanii eegaluuf qophii irra jiranitti, senaaterootni Ameerikaa dhimmoota Itoophiyaa keessaa xiyyeeffannoo barbaadan irratti hojjechuu qabda jedhan eeruun xalayaa baasaniiru.
Xalayicha irratti filannoo Itoophiyaan gaggeessuuf deemtu haala amma jiruun ulaagaa filannoo idil addunyaa haqa qabeessa, walaba taheefi ifa tahe hin guutu jedhan senaaterootni Ameerikaa.
Kanaaf akka sababaatti kan eeran ammoo hoggantoota siyaasaa fi deeggartootni isaanii hedduun mana hidhaa jiraachuu fi paartileen siyaasaa tokko tokko gamanumaan filannicha keessaa bahuu isaaniiti.
Namootni siyaasaa hidhaa jiran gariin mirga seeraan murtii argachuu dhabanii kaan ammoo dararamaa jiru jedhe xalayichi.
Osoo haaromsi barbaachisu hin guutamiin filannichi kan gaggeeffamu yoo tahe, wal dhabdeen saboota gidduu jiruufi rakkoon siyaasaa biyyattii keessaa daran hammaachuu akka danda’u sodaa qaban ibsuun barreessan.
Seenaataroonni kunneen ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa kan tahan Jefrii Feltmaan araaraa fi nageenya buusuuf akka hojjetan dhaaman.
Kana malees rakkoo kanneen furuuf marii biyyaalessaa sabaa fi paartilee siyaasaa hunda hammate akka gaggeeffamuuf hojjechuu akka qaban dhaaman.

Lola Tigraayifi haleellaa sabummaa bu'ureeffate
Kana dura hawaasni idil-adunyaa wal-dhabdee naannoo Tigiraay irratti qofa xiyyeeffachuun ibsa adda addaa baasaa kan turan yoo tahu xalayaan ammaa kun rakkoo nageenyaa Oromiyaa, Benishaanguul Gumuziifi Amaaraa keessatti mul’atu irrattis xiyyeeffachuun hojjechuun akka barbaachisu himaniiru.
Naannoo Tigiraayitti jalqaba ji’a Sadaasaa erga lolli jalqabeen as rakkoon deeggarsa namoomaa hamaan akka jiru himaniiru.
Namootni miliyoona 1.7 tahan biyya keessatti qe’ee isaanii irraa buqqa’uu fi 62,000 ol kan tahan ammoo gara biyya ollaatti baqachuu ibseera.
Namootni miliyoona 4.5 tahan deeggarsa nyaataa ariifachiisaa akka barbaadaniifi sarbamni namoomaa akka yakka gudeeddiii humnoota nageenyaa mootummaan lammilee nagaa irratti raawwachuu gabaasaalee amanamoon akka agarsiisanis xalayaa kana irratti eerameera.
Ji’a muddee keessa namootni 200 ol saba Amaaraa, Oromoo, Shinaashaa, Agaw fi kaan irraa hidhattootaan ajjeefamuus himan xalayaa fuula sadii kana keessatti.
Haleellaa wal-fakkaataan naannoo Oromiyaa keessattis raawwachuu himuun, Naannoo Amaaraa walitti bu’iinsa Godinaalee Shawaa Kaabaa fi Godina Addaa Saba Oromoo keessatti raawwateenis lubbuun namoota 400 ol darbuu ibsa xalayichi.
Ergamaan Addaa US kun rakkoolee biyyattii keessatti mudatan furuuf tarkaanfii diippiloomaasii kamiyyuu fudhachuun hojjechuu akka qaban himan.
Kana malees dhimmi Hidha Laga Abbayyaa karaa marii fi naga qabeessa tahuun furamuu akka qabu seenaatarootni xalayaa barreessan kunneen himaniiru.
Feeltimaan eenyudha?

Madda suuraa, Reuters
Mootummaan Ameerikaa Joo Baayidaniin durfamu, dhimma Itoophiyaafi biyyoota naannooshee jiran dhiyeenyatti akka hordofaniif Ambaasaaddar Jefrii Feeltimaaniin akka muudde ni yaadatama.
Feeltimaan jaarsummaa irratti qorannoo akka geggeessaniifi araara buusuu irratti muuxannoo guddaa akka qaban himama.
Feeltimaan dhimma hajaa alaa irratti barreessitoota olaanoo UN Baan Kii-muun fi Antooniyoo Guutereez waliin hojjetanii jiru. Mana maree Nageenyaa keessattis dhimma nageenyaa irratti ibsa kennuudhaan beekamu.
Turtii UN keessatti qabaniin ergamaa addaa ta'uunis tajaajilaniiru. Dabalataanis Ministeera Haajaa Alaa US keessatti ganna 26 kan tajaajilan yoo ta'u, Libaanoos, Iraaq, Israa'eel, Tuniiziyaa, Hangaarii fi Heeytii keessatti diippiloomaatii ta'uun tajaajilaniiru.

















