Lola Tigraay: Sa'udiirraa warra deebi'an dabalatee 'dhalattoonni Tigraay baayyeen' Finfinneetti to'atamuu maatiin himan

Madda suuraa, facebook
Dhalatoonni Tigraay kan Sa'ud Arabiyaatii deebii'an dabalate, kanneen dhibbaan lakkaa'aman magaalaa Finfinneetti hidhamaa jiraachuu maatiin hidhamtootaa BBCtti himan.
Maatiin hidhamtootaa BBCn dubbises, dhalattoonni Tigiraay dhibbaan lakkaa'aman Finfinnee manneen hidhaa naannoo Kondiminiyeemii Galaaniifi Haannaa Maariyaam jedhamutti ''sababii eenyummaa isaanitiin'' hidhamusaanii himan.
Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinneetti Itti-gaafatamaan Sabaa Himaa Komaandar Faasikaawu Fantaawu, Finfinneetti dhalattoonni Tigraay hidhamusaanii BBCf mirkanneessuun garuu sababii eenyumaa isaanitiin akka hin hidhamne dubbatan.
Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaatti Itti-gaaftamaan Sabaa Himaa Obbo Aroon Maashoo dhimma hidhaa kana ilaalchisee gaafatamanii, dhimmicha qorataa jiraachuufi ammatti ragaa kennuu akka hin barbaadne ibsaniiru.
Maatiin hidhamtootaa kunneenis, dhalattoota Tigiraay hidhaman keessatti dargaggoonni, maanguddoonni, dubartoonniifi daa'imman, akkasumas baqattoonni kanneen dhiheenya Sa'udiirraa gara biyyaa deebii'an keessatti akka argaman dubbatu.
Lammiilee Sa'ud Arabiyaarraa deebi'uun amma Finfinneetti to'ataman kanneen ilaalchisuun BBCn Dubbi Himaa Ministeera Haajaa Alaa Ambaasaadar Diinaa Muftii kan dubbate yoo ta'u, ''Dhimicharratti ragaa hin qabu. Haata'u malee, sabaan loogii gochuun as hin jiru. Kan jedhamaa jiruuf soba ta'uu mala,'' deebii jedhu kennan.
Obbo Abdulqaadir Birhaanuu, obboleessi isaanii namoota Finfinnee naannoo kondominiyeemii Galaanii hidhaman keessaa tokko ta'uu dubbatu.
"Kan Maqalee dhufe dhiheenya kana. Naannoo Takile-ayimaanoot jedhamuu qaban. Amma naannoo Galaanitti mana qorqorroon ijaarame keessatti hidhamee jira. Dhalattoonni saba Tigree hedduutuu mana qorqorroo kana keessatti hidhamee jira. Obbooleessi kiyya gaafachuu dhaqeen ture. Rakkoo keessa akka jiran argeera," jedha.
Obboleessi isaa warra kaan waliin erga to'atamee torban lama guutuu kan himu Obbo Abdurqaadiir, ''hidhamusaanitiif sabuumaasaniin alatti sababni biraa tokkolleen hin jiru," jedha.
Obboleessi isaas hanga har'aatti mana murtiitti akka hin dhiyeeffamnees dabaluun himan.
Jiraataa magaalaa Finfinnee kan ta'an kan biraa Obbo Saamu'el (kan maqaansaanii nageenyaaf jecha geedarame) hollaa isaanii dhibee sukkaaraa qabaniifi Galaanitti hidhaman haadha warraa nama hidhamee kana waliin qoricha insuuliinii geessaniif deemanii gaafachuu dubbatu.
Haata'u malee, erga achi gahaniin boodas qaamoolee nageenya mana hidhaa eeganiin akka ifatamaniifi qorichi nama dhukkubsataa sukkaaraaf isaan geessan qaama nageenyaatiin jalaa gatamu dubbatu.
''Haatii warraasaa baayyee waan cinqamteefan qabadhe deeme. Qoricha kennuf qabannee deemulleen kan nu mudate garuu waan rifachiisaa ture. Dubartiittiin qoricha hinkenniiniif, taa'ii! Jechuun ifate qaamni nageenyaa. Isheenis baayyee gadduun bo'aa turte.
''Anillee haalicha hubachiisuuf yaalulleen, asii deemi jechuun na ifatan. Qoricha insuliinii dhukkubsataa sukkaaraaf qabanee dhaqnees osoo ijji keenya argu cacabsuun gate'' jechuun waan mudate himu.
Ollaansaanii kunis qaamolee nageenyaatiin alkan keessa qabamuu kan dubbatan Obbo Saamu'eel, sababiin ittiin hidhaman ifa akka hintaaneefi hanga ammattis jecha osoo hinkenniin ykn mana murtiittis osoo hindhiyeeffamiin torbanii ol mana hidhaa keessa jiraachu dubbatu.
Dhimma hidhamtoota kanneenii itti dhiyeenyaan hordofaafi akka hiikamaniif yaalii taasisaa kan jiru gaazexessaa Daawiiti Kabada dhalattoonni saba Tigree hidhaman kunneen afuriitti akka qoodaman hima.
"Tokko kanneen Tigraay irraa gara Finfinnee dhufaniidha. Lammaffaan kanneen dhiheenya Saawudii irraa deebii'aniifi sababii lola Tigraayiitti gageeffamuf gara osoo hindeemiin kan to'ataman, sadaffaan ammo kanneen magaalatii keessa hojii gadaanaa hojjataa turan fi arfaffaa kanneen namoonni haaloofi jibba dhunfaatiin hiisiisaniidha'' jedha.
Magaalaa Finfinnee bakkeewwan adda addaatti dhalattoonni saba Tigree hidhamaa jiraachuu kaasuun, naannoo Kondominiyeemii galaaniitti qofatti namoonni 736 ta'an kutaa qorqorroon ijaarame keessatti hidhamu dubbata Daawiiti.
Kanneen hidhaman keessaas irri caalli dargaggoota ta'utu dubbatama.
Kanneen Galaaniitti hidhaman keessaa kan gara Haannaa Maariyaam kan Kondominiyeemoo Oromiyaa bira geeffaman jiraachu Daawuuti ni dubbata. Kana malees dhalattoonni Tigree naannicharra gara Finfinnee imalan awutobisii irraa bufamuun osoo Finfinnee hinseniin dura qabamuun gara mana hidhaa naannoo Galaaniitti geefamu dubbata.
''Mana hidhaa Saawudiirraa gara kan Itoophiyaatti''
Dhalattoota Saba Tigree Finfinnee man-kuusaa naannoo galaaniitti hidhamanii jiran keessaa baqattoonni dhiheenya Saawudii irraa deebii'a akka argaman himama.
Obbo Haayilaay (maqaan kan geedarame) ilmi adaadaa isaa baqattoota karaa Yemaniin Saawudii galuun ji'oota jahaaf manneen hidhaa Saawudi sukkanneessaa keessatti hidhame ture keessaa tokko.
Dhiheenya kana deeggarsa motummaatiin gara Itoophiyaa deebii'usaa fi guyyoota lamaan booda ammo to'annoo jala oolfamu dubbatu Obbo Haayilaay.
''Saawudii irraa kan biyya gale guyyaa Kamisa 28/07/2013tti ture. Finfinnee akkuma galeen Fannoo Diimaa irraa akkan gara manaa geessuuf naannoo Takilaayimaanootiitti osoo gara kiyya dhufaa jiru gaafa 30/07/2021 hidhan.''
Ergamee turban lama guutuufi reefu Saawudi irraa akka dhufe qaamolee nageenyaatti himulleen, 'yaa gadhiisaa jedhamnee gubbaa ajajamne malee falli nuti isiniif kenninu hinjiru' jedhamu dubbata.
Dhalattoonni saba Tigree Saawudii irraa deebii'an shank an biraa adaadaa isaanii waliin hidhamanii jiraachu akka keebekuufi hanga ammaatti mana murtiitti akka hindhiyaatiin BBCtti hima.
Akka Daawiitti, ''nama hidhaa naannoo Galaan keessa lammiilee Saawudii deebii'an 120, Haannaa Maariyaam keessa 130, walumaagalatti lammiileen Saawudii deebii'an 250 hidhamaniiru,'' jedheera.
Obbo Haayilaay ''Obboleessi kiyya dargaggoo waggaa 30ti. Mana hidhaa Saawudiitti dararaa cimaa dabarseera. Gara biyyaa yoo deebii'u hayyama konkolaachisummaa waan qabuuf isaan hojjatee jireenyasaa geeddarachuuf karoorfate ture. Kun osoo hintaane akkuma biyya galeen guyyaa lammaaffaatti hidhame. Mana hidaa Saawudii irraa gara mana hidhaaa Itoophiyaatti darbe'' jechuun ibsan.
''Kanneen biyya diiguuf socho'an hiineera''
Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinneetti Ittigaafatamaan Sabaa himaa Komaandar Faasikaawu Fandaawu, magaalaa Finfinneetti dhalattoonni saba Tigree hidhamuu BBCf mirkanneessuun kan hidhaman garuu eenyummaasaaniin miti jedhan.
''Namoonni Finfinnee irraa gara Tigraay deemuun lolchi fiixaan bahuuf didnaan deebii'anii gara Finfinnee dhufuun gochawwan shororkeessummaa kan raawwataniifi meeshaa seeraan alaa ta'e qabatanii namoonni socho'an baayyeetu jira. Hudasaanii osoo hiinee manni hidhaatu hingahu.
''Kanaafuu isaan gocha kanaaf gurmeessan, kan maallaqa ergan, kan maallaqa buusan, lolli akka hindhaabbanneen hojiiwwan adda addaa kan hojjatan fi kanneen biyya diiguuf socho'an bakkeewwan muraasaatti hinee jirra. Mana murtiittis dhiyeessaa jirra'' jedhan.















