Ambaasaaddar Diinaa Mufti: 'Akkaataan loltoonni Eertiraa Tigraay itti bahan dhimma teknikaa ta'a'

Madda suuraa, FBC
Loltoonni Eertiraa Tigraay keessaa akka bahanif biyyoonni lamaan sadarkaa hooggansaatti kan waliigalan yoo ta'u, akkaataan itti bahana garuu dhimmi teknikaa ta'a jedhan Dubbi himaan Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa.
Dhimmoota waqtaawaa irratti Kibxataan miidiyaalef ibsa kan laatan dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Mufti, loltoonni Eertiraa Tigraay keessaa bahurratti sadarkaa hooggansa biyyoota lamaaniitti waliigalameera jedhan.
Haata'u malee, "akkaataan itti bahan dhimma teknikaa ta'a. Dhimma waraanaas ta'a. Dhimmi akkamitti bahu, hagamtu baha, haala kamiin bahu, akkamiin mirkanaa'a kan jedhus teknikaa waan ta'uf isas achumatti dhiisuu wayya," jedhan.
Ambaasaadarichi jecha kanaan alatti dhimmicharratti odeeffannoo dabaalataa hin kennine.
Dhimma naannoo Tigraay irratti Mummee Ministiraa Abiy Ahimad walin mari'achuu kan himan, Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Aantoon Bliikan, loltootni Eertiraa Tigraay keessa jiran 'atattamaan haala mirkannaa'uu danda'uufi guutummaan guutuutti akka bahaniif'' gaafataniiru.
Waajjiri Hajaa Alaa Ameerikaas ibsa baasen humnootiin Ertiraa, akkasumas kan naannoo Amaaraa ''rakkoo deegarsa namoomaa dabalaa jiruuf gummaachaa jiraachuufi sarbama mirga namoomaa raawwataa jiraachuu,'' himeera.
Dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa…
Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaan walqabatee dura taa'aan Gamtaa Afriikaa yeroo ammaa Prezidaantiin Koongoo Feliks Chisikeedi maricha eegalsiisun dhimmichi gama Gamtaa Afriikaan furmaata akka argatuf Itoophiyaan fedhii akka qabdu dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Mufti himaniiru.
Ambaasaaddarichi mariin garsadee hidhichaa Itoophiyaa, Sudaanfi Masiriin gidduutti taasifamu waggoota lakkoofsisuufi kanaaf sababnimmoo biyyaaleen yaa'a gadii lamaan yeroo garaagaraatti marii keessaa bahuufi turanii deebi'uu isaanii akka ta'e himan.
Biyyaaleen lamaan Sudaaniifi Ijipt yeroo garaagaraatti si'a sagal marii keessaa bahuu isaanii akkasumas jijijjiiramuu mariisistootaas yeroo dheeraa fudhachuu adeemsa mariif sababa isa biraa ta'uu dubbatan.
Yeroo ammaatti biyyaaleen sadeen guutinsa bishaanii qofarratti akka mari'atan Itoophiyaan fedhii akka qabdufi Sudaanfi Masrii immoo haala itti fayyadama bishaanichaa gara fulduraa irratti akka mari'atamuf cichu isaanii himan.
Gama biraatin Sudaan, 'biyyoonni sadeen waliigalteerra osoo hin gahin Itoophiyaan guutinsa hidhichaa kan itti fuftu yoo ta'e, Itoophiyaa mana murtiitti nan himadha' jechuushee kan gaafataman Ambaasaaddar Diinaa Mufti, "kanaan duras wanta baay'eetu jedhamaa ture. 'Hidha kana ni rukkunna' jedhamaa ture. Kanaaf, gara himannaatti ni deemna kan jedhu kan isaan baasu yoo ta'e… garuu himata akkamiiti kan jedhuudha. Kana yeroo yeroon gahu kaasuu wayya," jedhan.
Dabalataan Ambaasaaddarichi, "yeroo baay'ee fakkarsuuf deebii kennuun gaarii miti. Deebin fakkarsuuf kennamu fakkarsichaaf beekkamtii kenna. Lammaffaamoo, tapha hin taane ta'a. Kanaaf, waan gorfamu miti. Kanaaf, waan ta'u eegu wayya" jechuunis himata Sudaan 'nan dhiyeessa' jetterratti deebii laatan.
Guyyoota muraasa dura Sudaan, Itoophiyaan guutinsa hidhichaa yoo itti fufte "dhaabbata biyya Xaaliyaan Hidha Abbayyaa ijaaraa jiruufi mootummaa Itoophiyaa nan himadh,a" jechuunshee ni yaadatama.













