Lola naannoo Tigraay: Ibsa Mana-maree Nageenyaa UN fi deebii Itoophiyaa

Yaa'ii Mana Maree Nageenyaa UN 2017tti, Niiw Yoork

Madda suuraa, Getty Images

Miseensonni Mana Maree Nageenyaa UN walgahii torban dabre gaggeessaniin booda yeroo duraatiif waliigalteerra gahuun ibsa waloo baasaniin, sarbama mirgoota namoomaa Itoophiyaa Naannoo Tigraayitti gabaafamen ''yaadda'uu'' himan.

Ibsa waloo guyyaa Kamisaa bahe kanaan, biyyootni miseensa Mana Maree Nageenyaa ''carraaqqii Itoophiyaan qarqaarsa namoomaa dhiyeessuuf gootuuf ni galateeffatu,'' jechuun hojiin guddaa garuu ni hafa jedhan.

Ibsa manni marichaa baase hordofee deebii kan kennite Itoophiyaan ''duulli seera kabachiisuu Itoophiyaa keessaa dhimma keessooti,'' jette.

Tigraay keessatti sarbamni mirgoota namoomaa raawwatamaa jiru daran yaaddessaa ta'uu dhaabbileen mirgoota namoomaa wawwaachaa jiru.

Lola Sadaasa darbe mootummaa Itoophiyaafi loltoota TPLF jidduutti eegaleen namoonni kumaatamaan lakkaa'aman du'uu akka hin oolle tilmaama.

MM Abiy Ahimad naannoo Tigraay keessatti sarbamni mirgoota namoomaa raawwatamaa jiraachuu gabaasaaleen agarsiisan jiraachuu dubbataniiru.

Loltoonni sarbama mirgoota namoomaa raawwatan seeraan akka itti gaafatamanis himaniiru.

1px transparent line

Manni Maree Nageenyaa UN maal jedhe?

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (UNSC) rakkoo namoomaafi lola naanno Tigraay keessatti adeemaa jiru ilaalchisee Ebla 15, 2021 walgahii taa'e ture.

Waltajjii cufaa ture kanarrattis Hoogganaan qarqaarsa namoomaa UN Maark Loowkook fi mana marichaatti ergamtuu Ameerikaa kan tahan Liindaa Toomaas Giriinfiild haasawa taasisanii turan.

Gaafa sana Aabba Lowkook Tigraayitti ''lolli hin dhaabanne, haalis wayyaa'aa hin jiru. Kun hunda keenya yaachisuu qaba,'' jechuun, ''Tarkaanfiin dabalataa hin fudhatamu taanaan... beelli akka meeshaa waranaatti hojiirra ooluun sarbamadha,'' jechuun yaaddoo qabana ibsanii turan.

Ambaasaaddar Liindaa Toomaas Giriinfiild gamasaaniin ''lolli akka dhaabatuufi loltootni Eertiraa naannichaa akka bahan,'' gafatanii turan.

Walgahii kana hordofees guyyaa Kamisaa miseensonni manni marichaa ibsa waloo ''afaan tokkoon'' baasaniin, ''Naannoo Tigraayitti haala namoomaa jiruun yaaddofneerra,'' jechuun eegala.

Dabaluunis Mootummaan Itoophiyaa tattaaffii qarqaarsa namoomaa dhiyeessuuf godhaa jiru ni galateeffanna jechuun, ''danqaaleen namoomaa ammallee ni hafu,'' jedhan.

Qajeelfamoota UN wayita qarqaarsa namoomaa hordofuunis deeggarsi namoomaa dhiyaachuu akka itti fufuufi ammallee ulaan qarqaarsaa danqaa malee akka banamus gaafata ibsi kun.

Dhimma sarbama mirgoota namoomaa ilaalchisees: ''Biyyootni miseensota Mana marichaa, miidhaa saalaa dubartootarraan gahu dabalatee sarbama mirgoota namoomaa naannichatti raawwataman jedhamaniin daran yaaddoofneera.''

Kanaafis qorannoon akka gaggeeffamu waamicha dhiyeessaniiru.

Kana malees miseensonni mana marichaa ''walabummaa, bilisummaa siyaasaa fi tokkummaa biyyaa Itoophiyaaf, deeggarsa cimaa qaban irra deebiin mirkaneessuu barbaanna,'' jedhan.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (UNSC) miseensa mana marichaa ta'an biyyoota 15 kan of keessaa qabu yoo ta'u, biyyoonni shan: Chaayinaa, Ameerikaa, Raashiyaa, UK fi Firaans miseensota dhaabbii yoo ta'an aangoo dhimma tokko ofii isaaniin kuffisuu (veto power) qabu.

Biyyootni kudhan hafan Istooniyaa, Indiyaa, Aayarlaandi, Keeniyaa, Meeksikoo, Nijeer, Noorweey, Seent Viinsent & Giraaniidins, Tuniiziyaa fi Veetnaam ammoo miseensota dhaabbii hin ta'iin waggoota lamaaf miseensummaa mana marichaa harkaa qabanidha.

Itoophiyaan hoo maal deebifte?

Ibsa manni marichaa baase hordofee gama ergamaa dhaabbii UN'tti qabduun Kamisa deebii kan kennite Itoophiyaan, ''biyyoota Mana Marichaa yaada gabbisu, deeggarsa walitti fufiinsa qabuufi hubannoo'' isaaniif galateeffateera.

Dabaluunis: ''Ergamni kun duulli seera kabachiisuu Itoophiyaa keessaa kun dhimma keessoo, kan seera biyyattii hordofuun gaggeeffamudha... Duulli naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamus, gaaddisa walabummaa biyyaa jalatti,'' jedha.

Mootummaan biyyattis qarqaarsa namoomaa harka caalu dhiyeessaa jira kan jedhu ibsichi, ''waahillan keenya idil-addunyaas deeggarsa isaanii akka cimsan waamicha dhiyeessina,'' jedha.

Sarbama mirgootaa ilaalchisees: ''miidhaa saalaa dabalatee sarbama mirgoota namoomaa jedhaman qorachuufi haqa mirkaneessuurratti, kutannoon qabnu itti fufa.''

Ibsa kanarratti garuu dhimma loltoota Ertiraa daangaa cehanii biyya galaniifi sarbamoota hedduu raawwataniiru jedhamuun himataman irratti wanti ka'e hinjiru.

1px transparent line
Ibsa waa'ee viidiyoo, Qorannoon viidiyoo ajjeechaa jumlaa Tigraayitti raawwatame irratti gaggeeffame maal agarsiisa?

Dhaabbileen mirga namoomaa idil-addunyaa, waraanni Ertiraa naannoo Tigraayitti sarbama mirgaa cimaa raawwataniiru jechuun himatu.

Mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa yeroo dheeraaf erga waraana Tigraay keessatti hirmaannaa loltoota Ertiraa erga haalaa turanii booda, MM Abiy Ahimad paarlaamaatti dhiyaachuun, Ertiraan sodaa nageenyaa waan qabduuf waraanashee daangaa cehuun galte jedhan.

Ertiraan gamasheen hanga dhiyootti loltoonni ishee Itoophiyaa galuu kan haalaa turte oggaa tahu, himannaalee dhiyaatanis waakkachaa turteetti.

Lola naannoo Tigiraayitti uumame booda namoonni 70,000 ol gara Sudaanitti baqachuu isaanii dhaabbileen gargaarsaa ni himu.

Bulchiinsi yeroo Tigraay akka jedhutti, hanga ammaatti naannicha keessatti namoonni miiliyoona lamaa ol buqqa’anii kan jiran yoo ta’u, namoonni miiliyoona afurii ol ta’an ammoo gargaarsi namoomaa isaan barbaachisa.