'Loltoonni Eertiraa waraana Itoophiyaan walmakanii Tigraay turuuf ta'uu ragaa qabna'- Ameerikaa

UN'tti ergama US

Madda suuraa, UN'tti ergama US

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Amaasaaddarri Ameerikaa 'Loltoonni Eertiraa waraana Itoophiyaan walmakanii Tigraay turuuf ta'uu ragaa amanamaa qabna' jedhan.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamni Ameerikaa ibsa guyyaa kaleessaa baaseen Manni Maree nageenyaa rakkoo naannoo Tigraaay irratti sagalee tokkoon dubbachuu qaba jedheera.

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii rakkoo namoomaa fi lola naanno Tigraay keessatti ademaa jiru ilaalchisee Kamisa jechuunis Ebla 15, 2021 marii ta'anii turan.

Gara caalu rakkoo namoomaa hammaataa sababa lola naannicha keessatti gaggeefameen qaqqabe irratti kan xiyyeefatu ta'uu malee itti baha marii kanaa ilaalchisee wanti hedduun ifa hin godhamne.

Dhabbatni Gamtoomanii waajira Jeneevaa marii mana marii nageenyaa Kamisa kaleessaarratti hooggansi isaa dhimma namoomaa fi qindeessaa deeggarsa atattamaa Maark Lookook ''lolli naannichaa hin xumuramne, haallis wayyaa'aa hin jiru'' jechuun dubbachuu ibseera.

Lowkook '' If gochuudhaafi lolli hin dhaabanne, haalis wayyaa'aa hin jiru. kun hunda keenya yaachisuu qaba'' jedhan.

Tarkaanfiin dabalataa hin fudhatamu taanaan yaachisaadha beelli akka meeshaa waranaatti hojiirra ooluun sarbamadha jedhan.

Ijoolleen dubaraa ganna saddeetii osoo hin hafiin haleella saalaaf saaxilamaniirus jedhan.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniiti Amaasaaddarri Ameerikaa Lindaa Toomaas Giriin Fiild marii saniin booda erga tiwiitara gubbaatti maxxansaniin marii kanarratti ''lolli akka dhaabatu, loltootni Eertiraa akka bahaniifi saabama mirga namoomaaf mootummaan Itoophiyaa kanneen gaafatamuu qban akka seeratti dhiyeessu waamicha goonerra'' jedhan.

Ibsa UN'tti ergamni Ameerikaa baaseen ammoo 'Loltootni Eertiraa waraana Itoophiyaan walmakanii Tigraay turuuf ta'uu ragaa qabatamaa qabna' jedheera.

Mootummaan Eertiraa humnoota isaa Itoophiyaa keessa atattamaan baasuu qabas jedheera.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad torbanoota dura ibsa baasaniin loltootni Eertiraa yeroo dheeraaf Tigaay keessa hin jiran jechaa turan naannichaa bahuu akka eegalan ibsanii turan.

Loltootni Eertiraa karaa naannoo daangaa Tigraay kan galan yaaddoo nageenya biyyaalessaa qaban irraa kan ka'e akka ta'ellee ibsan.

Ibsi mootummaa Itoophiyaa kun bahuu dura Ministirri Muummee Abiy erga lolli naannoo Tigraay eegalee yeroo duraaf Asmaraa dhaqanii turan.

Mootummaan Ameerikaa ibsa karaa ergama isaa UN baasee kanaan dirqiin gudeeduu fi haleellaan saalaa naannicha keessa jiru hammaataa ta'uun akkaan isa yaachisuu ibseera.

Haleellaawwan kana balaaleffatee kanneen yakka kana keessatti qooda qaban seeraan akka gaafataman waamicha dhiyeesseera.

''Murannoo MM Abiy kanneen yakka sarbamamirga namoomaa, haleellaa saalaafi ajjeechaa raawatan seeratti dhiyeessuuf qabaniif beekamtii kenninas'' jedheera. Mootummaan Eertiraas murannoo walfakkau qabaachuu qaba jedheera.

Qorannoo yakkaa Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiya fi UN

Mootummaan Ameerikaa ibsa karaa ergama isaa UN baasee kanaan qorannoon walta'iinsa Komishinii olaanaa Mirga Namoomaa UN fi Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa ''yakka'' Tigraayitti raawwatame ilaalchisee gochaa jiran gadifageenya kan qabu ta'ee saffiisaam akka xumuramu gaafateera.

Yeroo dheeraaf komii dhaabbilee fi biyyootni idila addunyaa lola naannoo Tigraay keessatti mootummaa olaantummaa seeraa kabachiisuufi jedhee humnoota TPLF waliin gaggeessaa jiru gidutti mirgi namoomaa sarbame yakki waraanaas raawwatameera jedhamaa ture.

Mootummaan Itoophiyaas gaaffii haallii naannoo Tigraay keessa jiru qaama walabaan haa qoratamu jedhuuf hayyamee Komishiniin Mirga Namoomaa UN, Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa waliin ta'uun qorachuu eegalaniiru.

Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa qorannoo waloo gaggeefamaa jiru kanaaf tumsa mootummaan Ameerikaa godhu akka simatullee ibseera.

Namoota miiliyoona 5.2 ta'an kan naannoo Tigraay keessatti deeggarsi namoomaa isaan feesisuuf Ameerikaan dhieenyas deeggarsa doolaara miiliyoona 152 gummaachiteetti.