Loltoonni Itoophiyaa Tigraay keessatti ajjeechaa jumlaa raawwachuu ragaaleen mul'isan

Loltoota namoota nagaatti marsanii mul'atan
    • Barreessaa, Africa Eye
    • Gahee, BBC World Service

Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraayitti loltoonni Itoophiyaa namoota hedduu gara jabinaan jumlaan ajjeesuu qorannoon 'BBC Africa Eye' mirkaneesse.

Akkasumas bakka sirrii yoo xinnaate dhiiroonni 15 itti ajjeefaman qorannoon adda baaseera.

Jalqaba Bitootessaa, viidiyoo walitti aansuun waraabaman shan midiyaa hawaasaa irratti qoodamaa turan.

Viidiyoowwan kunneenis, wayita namoonni hidhatanii fi uffata dambii waraanaa uffatan garee dhiiroota hidhannoo hin qabanne gara qarqara allayyaatti osoo oofanuu, garii isaaniitti itti dhiheenyaan yeroo itti dhukaasanii fi reeffa isaanii gara allayyaatti irraan gadee gangalchan agarsiisa.

BBC
Namoonni hidhannoo hin qabne uffata idilee uffatan ajjeechaan osoo hin eegaliin dura lafarra taa'anii mul'atu
Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni hidhannoo hin qabne uffata idilee uffatan ajjeechaan osoo hin eegaliin dura lafarra taa'anii mul'atu
BBC

Ajjeechaan gara jabeenyaa kunis Kaabaa Itoophiyaa Naannoo Tigraay, bakka waraanni Itoophiyaa humnootii TPLFn lolaa jiru, dhiheenya magaalaa Maahbara Dagootti raawwatamusaa BBCn mirkaneeffateera.

Lolli kun Sadaasa darbe yeroo motummaan MM Abiy Ahimad buufata waraanaa federaalaa haleelaniiru jechuun kan himate TPLF irratti tarkaanfiin akka fudhatamuuf wayita labsaniitti ture kan eegale.

TPLF yaaliiwwan MM Abiy aangoo moptummaa federaalaa cimsuuf taasisuu mormuun, ''itti fufee dura akka dhaabbatu'' himaa ture.

Akka Bulchinsii yeroo Tigraay jedhuutti, hanga ammaatti walitti bu'iinsi kun namoota miliyoona lamaa ol buqqisee kanneen miliyoona afurii ol ta'an ammoo eeggattoota gargaarsaa taasiseera.

BBC
Map
BBC

Bakka sirrii viidiyichaarra jiru lafarratti agarsiisuu

Gareen qorattoota 'BBC Arfica Eye' xinxaltoota miidiyaalee 'Bellingcat' fi 'Newsy' waliin hojjachuun, bakka ajjeechaan gara jabinaa kun itti raawwatame adda baasera.

Namoonni jalqaba viidiyoowwan kanneen miidiyaa hawaasaa irratti maxxansan dhiiheenya Maahbara Dagootti waraabamu himu.

Africa Eye waantoota teessuma lafaa viidiyoowwan sana irratti mul'atan, daandii kosaa'aa, randaa fi qarree addatti mul'atu tokko dabalatee, fakkiiwwan saatalaayitii naannoo magaalichaa wal bira qabuun qorateera.

BBC
Ridge
Qarreen addatti bahee mul'atu fakkii saatalaayitii irraa argameen wal bira qabame ilaaluuf gargaareera
Ibsa waa'ee suuraa, Qarreen addatti bahee viidiyoo sanarratti mul'atu fakkii saatalaayitii irraa argameen wal bira qabame yoo ilaalamu
BBC

Kallattii fi dheerinni gaaddidduuwwan namoota hidhatanii guyyaa keessaa sa'aatii meeqa akka ta'ee tilmaamuu, akkasumas qarreen lafaa sun ammoo Kaabaa-Kibbatti kan garagale agarsiiseera.

Kun ammoo 'Africa Eye' bakkichi eessa akka ta'uu malu akka adda baafatuuf gargaareera.

Teessumni lafa viidiyoo waraabame keessatti mul'atee, kaartaa haala teessuma lafaa mul'isuun walirra buufamee sirriin kan wal simu ta'uun mirkanaa'eera.

Lagni gogee jiru tokko, biqiltuuwwanii fi haalli mukeen naannichaa itti mul'atan bakki viidiyoo fi kaartaarra jiru caalaa kan wal simu ta'u mirkanneesseera.

BBC
Teessumni lafaa viidiyoowwan rratti mul'atu kaartaa teessuma lafaa agarsiisuun walirra buufame 3Dn akka mul'atu taasifameera
Ibsa waa'ee suuraa, Teessumni lafaa viidiyoowwan rratti mul'atu kaartaa teessuma lafaa agarsiisuun walirra buufame 3Dn akka mul'atu taasifameera
Akkasumas biqiltuuwwan viidiyicha irra turan moodeelii saatalaayitii 3Dn wal simateera
Ibsa waa'ee suuraa, Akkasumas akkaataan biqiltuuwwan viidiyicha irratti mul'atanii moodeelii saatalaayitii 3Dn wal simateera
BBC

Jiraataan Maahbara Dagoo BBCn bilbilaan dubbise tokko, firoota isaa sadii dabalatee Amajjii keessa loltoonni Itoophiyaa magaalittiifi naannawa isheetii dhiiroota 73 fudhachu hime. Erga sanaatii as waa'een isaanii kan dhagahame hin jiru jedhe.

Kana malees jiraataan BBCn mandara dhiyoo naannoo Maahbara Dagootii dubbise tokko, obboleessi isaa namoota ajjeefaman keessa tokko ta'u himeera.

Ajjeechaan kun kan raawwatame Maahbara Dagoo keessatti ta'u himuun, ji'uma walfakkaataa, Ammajjii 2021 jedheera.

''Bakka allayyichaatti isaan ajjeessan,'' jedhe.

Namoota hidhatanii fi miidhamtoota adda baasuu

Africa Eye eenyummaa dhuunfaa loltoota hidhatanii viidiyoo kana keessatti mul'atanii mirkanneeffachu hin dandeenye.

Haa ta'u malee bifa uffannaa dambii isaanii fi baajii irree isaaniirra jiru kan haalluu alaabaa Itoophiyaa qabu dabalatee, uffannaan danbii isaanii kan Raayyaa Ittisa Itoophiyaa uffatuun wal fakkaata.

Dabalataan haalli itti muramee fi akkaataan giphii uffannaa danbii kanaa kan uffannaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaan wal simudha.

Loltoota viidiyoorratti mul'atan keessaa keessa tokko keeppii haalluu magariisaa kan mallattoo miseensa loltummaa ofirraa qabu kan godhatee jiru yoo ta'u, kun ammoo keeppii fi mallattoo Raayyaa Ittisaa Biyyaa Itoophiyaan waliin wal fakkaata.

BBC
Baajiin halluu alaabaa Itoophiyaa qabu loltoonni viidiyicharra jiran (mirga) uffatan kan loltoonni Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa (bitaa) uffatan waliin wal sima. Bifti uffataas akkasuma.
Ibsa waa'ee suuraa, Baajiin halluu alaabaa Itoophiyaa qabu loltoonni viidiyicharra jiran (mirga) uffatan kan loltoonni Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa (bitaa) uffatan waliin wal sima. Bifti uffataas akkasuma.
BBC

Loltoonni hidhatan kunneen afaan hojii mootummaa Itoophiyaa kan ta'e Afaan Amaaraa dubatu.

Viidiyoowwan shanan keessaa isa jalqabaa keessatti, namoota hidhannoo hin qabnee lafa teessifaman marsanii akkuma dhaabbatanii jiraniitti, yoo waliin haasa'an ni dhagahamu.

''Namoota kannneen gadi dhiisuun nurra hin jiru. Tokkoon isaanilleen taanaan hafuu hin qaban,'' jedha sagaleen nama kaameeraarratti hin mul'anne.

"Akkaataa namoonni kunneen itti du'an viidiyooratti waraabbachu qabna,'' jedha sagaleen bira.

BBC

Odeessaalee lola Tigraay biroo:

BBC

Viidiyoowwan afran itti aanan ammoo namoonni hin hidhatiin kunneen qawween itti qabamee gara qarqara allayyaatti osoo geeffamaa jiranii fi namoonni hidhatan wayita warra to'annoo jala turan baay'ee ajjeesanii fi reeffii isaanii allaayyichaatti gangalchan agarsiisa.

Kutaa viidiyichaa muraasa keessatti, namoonni qawwee hidhatan kunneen reeffa namootaa kanatti dhiheenyarraa osoo dhukaasanu ni argamu.

Kan biraa keessatti ammoo wayita namoota du'an arrabsanii fi ceegga'an ni dhagahamu.

''Osoo gaazii itti naquun isaan gubnee nan jaaladha,'' jedha sagaleen nama kaameeraa irratti hin mul'annee viidiyoo tokko keessaa.

"Osoo namoota kanneen gubuudhaaf gaaziin jiraate gaarii ture,'' jechuun deebisa sagaleen lammaffaan. ''Akkuma warri Indootaa godhan sana reeffasaanii gubi.''

Eenyummaan miidhamtoota uffata sivilii uffachuun mul'atan kanneenii hin baramne. Osoo Tigrinyaa, afaan Naannoo Tigraay, dubbatanii ni dhagahamu.

Viidiyicha irratti, namoonni ajjeechaa kana raawwatanis wayita namoonni ajjeefaman TPLF akka ta'aniitti dubbatan ni dhagaahamu.

"Kun dhuma Wayyaaneeti,'' jedha sagaleen tokko.

''Araara gochuufii hin qabnu.''

BBC
Displaced people are seen at the Shire campus of Aksum University, which was turned into a temporary shelter for people displaced by conflict, in the town of Shire, Tigray region, Ethiopia, March 15, 2021.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Displaced people at a temporary shelter in Tigray last month
BBC

Humaan Raayits Wochiitti Daareektarri Gaanfa Afriikaa Laatishiyaa Baadar, taajjabdoonni ''miidhaawwan baay'ee hamoo ta'an gurguddoo'' naannicha keessattis baatiiwwan dhihoo keessa argaa turan, garuu viidiyoon kun ''sirriidhumatti addatti kan nama riifaasisuudha'' jechuun BBCtti himan.

''Namoota hidhannoo malee to'ataman wayita ajjeeffaman agarre'' jette. ''Kun sirrumatti taatee qorannoo dabalataa barbaachisuudha, sababiinsaas wanti viidiyoowwan kanneen keessatti argaa jirru kan akka yakkawwan waraanaatti laalamu danda'aniidha.''

BBCn ragaalee viidiyoo walitti qabe kana mootummaa Itoophiyaaf kan dhiyeessee yoo ta'u, motummaan deebii barreeffamaan deebiseen ''maxxansawwanii fi himannaawwan miidiyaa hawaasaa akka ragaatti dhiyaachuu hin danda'ani" jedhe.

Dabalataanis, naannoon Tigraay ''qorannoowwan walabaa gaggeessuuf banaadha'' jedheera.

Qorannoon kun kan gaggeeffame Aliaume Leroy, Giancarlo Fiorella (Bellingcat), fi Jake Godin (Newsy).

Gabaasni dabalataa ammoo Daniel Adamson, Joel Gunter, Chiara Francavilla, Bertram Hill, Carlos Gonzales, Mohammed Osman, fi Samir dhan.