Mootummaan UK lola Tigraay maloota dippiloomaasiin akka dhaabsisu Paarlaamaan biyyattii gaafate

Madda suuraa, Getty Images
Paarlaamaan UK dhimma naannoo Tigiraay irratti Jimaaata gabaasa baaseen, mootummaan biyyattii waldhabdee naannicha keessa jiru furuuf hanga danda’eetti maloota dippiloomaasii fayyadamuu akka qabu ibse.
Mootummaan Biriiteen, Itoophiyaa naannoo Tigiraayitti waldhabdee fi sarbama mirga namoomaa raawwatamaa jiru dhaabuuf itti gaafatamummaa akka qabus dabaluun ibseera.
Koreen bakka buutota uummataa Biriteen keessaa babba'e gabaasa Jimaata baase irratti akka ibseetti [Afaan Ingiliizitti isin geessa], malli misoomaa mootummaan Biriteen waldhabdee Tigiraay keessa jiru dhaabuu danda’aa kan jedhuuf waqtii itti qoramu akka ta’e eereera.
Itoophiyaatti humnoonni qaama naannoo Tigiraay bulchaa ture TPLF buufata waraanaa Kaabaa haleeluu hordofee, Sadaasa dabre keessa waraanni dhalate.
Mootummaan federaalaa ''duula seera kabachiisuu'' jechuun kan waamu lola kanaan magaalaa guddittii naannichaa Maqalee to’achuu isaan booda duulichi xumuramuu ibsuus, hanga ammaatti magaalota adda addaa naannichaa keessatti waldhabdeen jiraachuu isaa mootummaa fi dhaabbileen miti-mootummaa ni himu.
Waldhabdee naannoo Tigiraay keessatti uumameen walqabatee namootni miiliyoona lamaa ol qe’ee isaanii irraa buqqa’anii, namootni miiliyoona 4.2 ta’an ammoo gargaarsi hatattamaa akka isaan barbaachisu gabaasi mootummaa fi dhabbileen miti-mootummaa ni ibsa.
Namootni 70,000 ol waraana kanaan gara Sudaanitti kan baqatan yemmuu ta’u, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin olaanaa dhimma baqattootaa, Itoophiyaa keessatti lammilee qe’ee isaanii irraa buqqa’an gargaaruuf doolarri miiliyoona 49.7 akka isa barbaachisu beeksiseera.
Paarlaamaan biyyattii kun maal jedhe?
Sarbama mirga namoomaa naannoo Tigiraay keessatti taasifamaa jiruuf sababni inni ijoon waldhabdee naannicha keessa jiru ta’uusaa gabaasni koree Mana Maree bakka bu’ootaan ba’e ni ibsa.
Waraanni naannichatti adeemsifamaa jiru yaalii gargaarsa namoomaa dhiyeessuuf taasifamaa ture gufachiisuu isaa dabaluun ibseera.
Mootuummaan UK waldhabdeen kun akka dhaabbatuuf mootummaan hanga danda’ameetti maloota dippiloomaasii fayyadamuu qaba jechuun yaada kenneera.
Waldhabdee kana dhaabuuf mootummaan UK, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Afrikaa, mootummaa Itoophiyaa, qaamoota lola kanarratti hirmaatanii fi biyyooti oollaa waliin hojjechuu qaba jedhe paarlamichi.
Paarlaamaan UK gabaasa baase irratti sarbamni mirga namoomaa keessumaa dubartootaa fi daa’imman irra ga’e hedduu akka isa gaddisiisee ibsuun, yakkichi qoratamee qaamni yakkicha raawwate gaafatamuu qabas jedheera.
Yakki naannoo Tigiraayitti uumame qaama walaba ta'en akka qoratamuu fi yakkamtoonnis seeratti akka dhiyaataniif mootummaan UK gargaarsa gochuu akka qabu beeksiseera.
Yakka waraanaa fi yakka mirga namoomaa kanneen raawwatan irraa lammilee olchuun itti gaafatamuummaa mootummaa Itoophiyaa akka ta’e UK’n Itoophiyaa hubachiisuu qabdi jechuun paarlaamichi yaada isaa kenneera.
Mootummaan Itoophiyaa nageenya lammilee isaa mirkaaneessuuf tarkaanfii fudhachuu yoo dadhabe, mootummaan UK Konveenshinii Duguuggaa Sanyii UN irratti hundaa’uun itti gaafatamummaa fudhachuun dirqama isaa akka ta’e beekuu qaba jedha.
Mannni marichi naannoo Tigiraayitti sarbama mirga namooma qaqqabeefi haaleellaa saalarratti xiyyeeffateen hedduu rifachuu isaa ibsuun, waraana kanaan dubartootaa fi daa’imman xiyyeeffannoo haleellaa ta’uun isaani akka isa gaddisiise ibseera.
Waldhabdeen kun hanga danda’metti dhaabbachuu akka qabu yaadachiisuun barfannaa tokko malee wantoota barbaachisoo ta’an guutamuu akka qaban ibseera.
UK'n hariiroo dippiloomaasii waggootii dheeraaf Itoophiyaa waliin qabdu fayyadamuun uummata waldhabdee irraa eeguuf, jiraattoota naannichaa sarbama mirga namoomaa fi haleellaa saalaa irraa olchuuf itti gaafatamummaa isaa akka ba’u gaafateera.
Mootummaan UK nannoo Tigiraayitti yakkooti raawwataman sirriitti qoratamanii yakkamtoonni seeratti akka dhiyaataniif qaamoolee isaan ilaallatu waliin akka hojjatuufis gaafate.

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbileen gargaarsaa naannoo Tiigiraayiifi naannolee oollaa jiranitti namoota gargaarsi isaan barbaachisuuf gargaasa dhiyeessuuf guufuu malee socho’uu akka danda'an taasisuuf UK’n mootummaa Itoophiyaa waliin akka hojjatuuf waamicha dhiyeessaniiru.
Kun ammoo waldhabdeen dhaabbatee daandiin nagaa akka argamuuf yaalii dippiloomaasiin deeggaramuu akka qabu beeksiseera.
Waldhabdeen naannoo Tigiraay akka itti fufaa deemeen biyyoota naannicha jiran miidhaa jiraachuufi dhiibbaa akka uumu ibsuun, UK’n Gaanfa Afrikaafi naannoolee galaana Diimaatti hojii misoomaa taasistu irrra dhiibbaa ni uuma jedhan.
Itoophiyaan UK waliin waliigaltee qabdu irratti hundaa’uun hanga ammaatti maallaqni guddaa gargaarsa namoomaaf oolu hin ramadamiin hafuun isaa akka isaan ajaa’ibe gabaasa isaani irratti ibsaniiru.
UK dabalatee US waldhabdee Tigraay gara ji’oota ja’aa ture dhaabuuf dhiibbaa taasisaa akka jirtu ibsiteetti.
US lola waraanaa naannoo Tigiraay keessaa qooda kan qaban looltonni Eertiraa naannicha gadhiisanii akka ba’aniif waamicha dhiyeessiteetti.
















