Lola waraanaa Tigraay: Wal'aansoo ogeeyyii fayyaa namoota miidhaan saal-qunnamtii irra gahe yaalan

Naannoo Tigraay bakka lolli gaggeeffamaa ture Idaagaa Haamusitti, dubartiin tokko miidhaan saal-qunnamtii erga irratti raawwatameen booda, wantoonni garaa garaa gadameessa ishee keessa kaa'amee gatamtee argamte.
Shamarreen miidhamte kunis naannichatti gara kaampii loltoota Ertiraa keessa qubataniitti geeffamtee guyyaa 11f akka gudeedamte galmeen hospitaalaashee ni agarsiisa.
Baatii Bitootessaa keessa gara hospitaala Addigraat yoo geeffamtuutti ''waan gadameessa ishee keessa kaa'ame yeroon baasuuf yaalu humnaa ol natti tahe,'' jedha hakiimni jalqaba dubartii kana wallaane Dr Ataakiltii Siyyuum.
Kanaaf hakiimni ulfaafi gadameessaa kan biraa wallaansa yaalii baqaqsanii wal'aanuutiin waantoota gadaameessha ishee keessa ture baasaniif.
Doktar Ataakiltiin garuu ''mudannoon suukanneessaa kun yoom sammuu koo keessaa akka bahu hin beeku,'' jechuun dhiibbaa xiinsammuu keessa darbaa jiru hima.
Dubartiin sunis dhukkubni narvii ishee mudatee hospitaala Maqalee hordoffiin taasifamaafii jira.
''Seenaa dubartootaa miidhaan saalaa dachaa baayyee irra gahe dhagaheen manatti yeroon galu maal akkan hojjedhu, maal akkan dubbadhu hin beeku,'' jetti hospitaala rifaraalaa Ayidaritti narsii wiirtuu 'One stop' kan taate Muluun.
Dubartoonni wiirtuu fayyaa kanatti keessumsiifaman seenaa wal-fakkaataa qabu. Loltoota Ertiraafi Itoophiyaatiin akka gudeedaman dubbatu. Kaan ammoo of wallaalanii waan turaniif eenyu, maal akka irraan gahe kan hinbeeknes jiru jetti Muluun.
Gidiraan irra gahe itti ulfaatee uumamuu isaanii kan jibban jiru, ''kana booda namni nan barbaadu, lubbuun jiraachuu hinqabu, du'a naa wayya,'' kan jedhan lakkoofsi isaanii xiqqoo miti.
Dhukkubsattoota isaanii jajjabeessanii jireenyi haaraan akka jiru himuun abdii akka godhatan tattaafachuun itti gaafatamummaa hakiimotaa erga tahee bubbuleera.
Ogeessonni fayyaa kunneen lafa meeshaaleen yaalii, qorichi fi humni namaa gahaan hin jirretti dubartootaafi shamarran gudeedaman keessummeessaa oolu.
Hospitaala Addigraat keessatti waggaa tokko caalaa tajaajilaa kan ture Dr Ataakiltiin hanga yoonaatti dubartoota miidhaan saalaa irraa gahe 140 kan tahan yaaleera.
Haatahu malee lakkoofsi kun dabalaa waan dhufuuf dhiibbaan qor-qalbiifi hawaasaas akkasuma dabalaa dhufuu dubbata.
''Dhimman guyyaa guyyaan dhagahu waan taheef yeroo hunda mataan na dhukkuba, nan dhiphadha, nyaata hin nyaadhu, of gateera, gammachus dhabeera jira,'' jedha.
Hanga yoonaa dubartoonni 258 tahan miidhaan saalaa irra gahuu himachuun, gara hospitaala Addigraat wal'aansaaf dhufaniiru jedha.
Namoota miidhaan saalaa irra gaheefi Dr Atakiltiin keessummeesse keessaa kan umuriin xiqqaa shamarree waggaa 12 yoo taatu, guddoon maanguddoo waggaa 89ti jedha.
''Baayyeen isaanii haadholiidha, haadha waggaa 70 haadha warraa qeesii, ayyoliin qorrobanillee keessa jiru. Waan irra gahe yoo himan imimmaan isaanii arguun of na jibbisiisa,'' jechuun dubbata.
Magaaloota naannoo Tigraay jiran keessaa Maqaleen kan yaaliin fooyya'aa itti kennamudha.
Hospitaala rifaraalaa Ayidariifi Maqaleetti miidhamtoonni iddoo garaagaraatii dhufan ni argamu.

Hanga yoonaa dubartoonni miidhaan saalaa irra gahe 335 tahan gara wiirtuu hospitaala Ayidaritti argamuufi warreen miidhama akkanaa qabaniif tajaajila kennu 'one stop'tti geeffamaniiru. Kanneen keessaa 140 kan tahan ulfa sababa gudeeddii kanaan uumame baasuu kan barbaadaniidha.
Kana malees dhukkuba daddarbaatiin kan qabamaniifi miidhaan qaamaafi xiinsammuu irra gahee of danda'anii socho'uu kan hindandeenye yoo dhufan, kan dursee isaaniif qaqqabu narsii Muluudha.
''Namatti dhiyaachuu hin fedhan, miidhaa irraan gaheen of jibbuu isaanii irraa kan ka'e qoricha sammuu kan fudhachuu jalqaban jiru, haala kanaan hojii gahaa tahe hojjechuunis hin danda'amu,'' jetti.
''Guyyaatti hanga dhukkubsataa 15 yerootti ilaallutu jira. Dhaabbileen fayyaa baayyeen waan saamamamiif, haalli isaan itti ulfa baasaniifi qoricha argatan hinjiru. Sababii kanaafi kan biraatiin hawaasni qalbii dhabeera, anis akkasuma,'' jetti.

Waggoota lamaan darbanitti mootummaa federaalaafi TPLF gidduutti garaagarummaan siyaasaa hammaachaa dhufee Sadaasa 04, 2021 lola waraanaatti ce'e.
Lola waraanaa kana hordofee namoonni 70,000 ol gara Sudaanitti baqachuu isaanii dhaabbileen gargaarsaa ni himu.
Bulchiinsi yeroo Tigraay akka jedhutti, hanga ammaatti naannicha keessatti namoonni miiliyoona lamaa ol buqqa’anii kan jiran yoo ta’u, namoonni miiliyoona afurii ol ta’an ammoo gargaarsi namoomaa isaan barbaachisa.
Uummanni naannichaa harka 91 tahu deeggarsi namoomaa akka isa barbaachisu Dhaabbanni Nyaataa Addunyaa yoo ibsu, mootummaafi dhaabbileen garaagaraa meeshaalee deeggarsaa dhiyeessaa jiru.
Dhaabbileen mirga namoomaa idil-addunyaa, waraanni Ertiraa naannoo Tigraayitti sarbama mirgaa cimaa raawwataniiru jechuun himatu.
Mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa yeroo dheeraaf waraana Tigraay keessatti hirmaannaa loltoota Ertiraa erga haalaa turanii booda, MM Abiy Ahimad paarlaamaatti dhiyaachuun, Ertiraan sodaa nageenyaa waan qabduuf daangaa cehuun galte jedhan.
'Duula seera kabachiisuu' jedhame kanarrattis kan hirmaatan miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa, milishoonni naannoo Amaaraafi loltoonni Ertiraa yakki raawwatan yoo jiraate tarkaanfiin ni fudhatama jechuun isaanii ni yaadatama.
Mootummaan Ertiraa himannaa irratti dhiyaatu kuffisaa bahus, dhiyeenya kana UNtti ambaasaaddara Ertiraa kan tahan Sofiyaa TasfaaMaariyaam waa'ee waraana biyyattii ilaalchisee yeroo duraatif ifatti deebii laatan.
''Sodaan ture garri caalu baduusaatiin, humnoota Ertiraa baasuun waraanni Itoophiyaa ammoo naannoo daangaatti akka bobba'u gochuuf, anga'oonni olaanoo Itoophiyaafi Ertiraa waliigalaniiru,'' jechuun mirkaneessan.

'Qorichi xiqqoon warqee nutti taate'
Dhaabbileen fayyaa tajaajiloota hawaasaa naannichatti barbadaa'an keessaa tokko. Walakkaa ji'a Muddee hanga Amajjiitti Waldaan Hakiimota Daangaa Maleeyyii-MSF sakkatta'insa dhaabbilee fayyaa 106 keessatti taasiseen harka 70 kan tahan saamamaniiru, harki 30 immoo barbadaa'aniiru jechuunsaa ni yaadatama.
''Haala qorannoo dhiigaa fi fincaanii gochuufi qoricha argachuu hin dandeenyeerra geenyeerra. Dhukkubsattoonni guyyoota afuriif dabaree eeggatu. Qorichi xiqqoon warqee nutti taatee jirti,'' kan jedhu Dr Ataakiltiin, ogeessi baayyeen waan hin jirreef hojiinis ulfaataa taheera jedha.
Miidhamtoonni sadarkaa jireenya gad-aanaa kan qaban yoo tahu, sababa waraana kanaan abbaa yookiin obboleessi jalaa ajjeefamaniiru. Kaan immoo dhukkuba gogaafi kalee qabu jedheera.
''Yeroo baayyee ganama gallee irbaata osoo hin nyaatiin haalli itti dabarsinu waan jiraatuuf, jireenya koo hospitaalattiin dabarsa. Iddoo fagootii waan dhufaniif dhiisnee deemuun nutti ulfaata, kanarratti immoo ni bo'u. Manatti yoon deebi'u waanan jeeqamuf hirriba hinqabu.''
Maqaleettii wiirtuun 'One Stop' jedhamu tajaajila ogessa dhimma hawaasummaa, ogeessa seeraafi hakiimaan qindaa'e kenna. Kunis dubartoonni haleellaan irra gahe qollifamuun osoo irra hingahiin akka yaalamaniif gargaareera.
Haatahu malee dubartoonni baayyeen dhiibbaan aadaa waan irra jiruuf gara wiirtuulee fayyaa dhufuuf ija hin jabaatan, waan irra gahe kan dubbatanis muraasa.
Muluun wiirtuun kun tajaajila humnaa olii kennaa akka jiru himti.
''Jireenya koo keessatti mudannoo hamaa akkasii argee hin beeku. Naasuu isaa hanga mana keenyaatti fudhannee deemna. Nyaati nuuf hin liqimfamu. Gatii namni baayyatuuf yeroo koomaand poostii hineegnu,'' jetteetti.
Kana malees gara mana koo yoon deemu ''namoonni ani yaalaa oole, maqaa, qaamaafi gidiraa isaanii osoo hinhafiin nan yaadadha. Guyyaafi halkan na waliin jira. Gidiraan isaanii hammaatus 'nu hunda miidhe'' kan jettu Muluun, oolmaa hojiishee maatiisheetti akka hin himne dubbatti.
Dr Ataakiltiin, ''dur waa'ee dhukkubsataa koo naa fayyee shaayii dhugaa odeessaan oola ture. Amma garuu dadhabaa oolus namatti hin odeessu. Miira abdii kutachuutu natti dhagahama,'' jechuun dubbata.
'Hundumtuu abjuu natti fakkata'
Ogeessonni fayyaa waa'ee miira mataasaaniifi dadhabbii isaanii yaaduufi gadduuf badaa yeroo hinqaban.
Akka narsii Muluun jettuutti ''yeroo ammaa akka feete dubbatanii deemuun illee hin danda'amu.''
''Yoo dubbannes namni nu gargaaru hin jiru. Waan tokko erga darbee booda si gargaara namni sin jedhu immoo gidiraa kee sitti baay'isa. Dirqiidhuma jiraanna yoon jedhe soba miti.''
Dr Ataakiltiin ibsaafi bilbilli irra deddeebiin akka baduufi hunda caalaa bishaan jiraachuu dhabuun rakkoo guddaa itti tahuu dubbata.
''Biyyaafi uummatakoo onnee jedhuun hojjechaa jirra. Hojjannee bishaan harka keenya ittiin dhiqannullee hin argannu. Ibsaan waan baduuf daabboofi biddeen argachuun guyyaan itti hindanda'amne jira,'' jechuun dubbata.
Hunda caalaa garuu ''jireenyi keenya abjuu taheera, qoricha xiqqoo argachuun, ibsaafi kaanillee argachuun abjuuma tahe.''
Waggaa 10 caalaa narsii tahuun kan tajaajilte Sistar Muluun haala rakkisaa kana keessatti waanti abdii isheef kennu jira.
Innis, ''Warreen miidhaman waan sammuu isaanii jeeqe dhufanii nu birattii yoo baafatan anaan natti salpahata. Qalbiin isaanii jeeqamee dhufanii miilaan deemuu gaafa jalqaban nan gammada,'' jetti.
Hakiimonni kunneen ba'aan nu salphate jedhan kan deebi'ee itti ulfaatu, yeroo miidhamtoonni miidhaa saalaa-dubartootaafi daa'imman hospitaala isaanii dhufanidha.















