Lola Tigraay: Motummaan garee miidhaa saalaa Tigraayiitti raawwatameera jedhame qoratu hundeesse

Madda suuraa, Getty Images
Lola naannoo Tigraayitti gaggeeffame hordofee miidhaawwan saalaa naannicha keessatti raawwatamaniiru jedhaman akka qoratuuf garee(task force) hundeeessuu mootummaan beeksiise.
Gareen qorannoo mootummaa federaalaatiin hundeeffame kun kan ministeera fayyaa, ministeera Dubartoota, daa'immaniifi dargaggoo, Ministeera Raayyaa Ittisa biyyaa fi Abbaa alangaa Waliigalaa irraa walitti babbahan jedhame.
Ministeera Dubartoota, Daa'immaniifi Dargaggootti ittigaafatamaa Sabaa Himaa kan ta'an Obbo Adinawu Abarraa Ejansii Pireesii Itoophiyaatti akka himanitti, gareen qorannoo hundeeffame Maqalee galuun hojii qorannoo eegaleera jedhan.
Lola humnootii federaalaafi TPLF jidduutti gaggeeffame hordofuun, miidhaan saala bu'uureffate raawwatamaa jiraachuu ilaalchisee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbileen deeggarsa namoomaa idil-addunyaa hedduun gabaasni nu qaqqabaa jira jechuun ibsuun isaanii ni yaadatama.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti kutaan hordoffii miidhaa saalaa tibba waraanaa hordofus akkasumas namoonni miseensoota maatiisaanii akka gudeedaniif dirqiisiifamaa jiraachuu ilaalchisee gabaasaaleen nama jeeqan nu qaqabaniiru jechuun ALI Amajjii 14, 2013 ibsa baaseen himee ture.
Akkasumas dhaabbatichi dubartoonni meeshaalee bu'uuraa argachuuf jecha loltoota waliin quunnamtii saalaa raawwachuuf dirqisiifaman jiraachuu, lakkoofsi dubartoota kiniinii ulfa tasaa ittisu barbaadanii dabaluuf akkasumas gabaasaaleen miidhaa buufataalee dahoo keessatti dubartootaafi daa'imman irra gahan dabalaa jiru jechuun ni yaadatama.
Lolli naannoo Tigraay Sadaasa 4, 2020 erga humnootiin TPLF raayyaa waraanaa naannicha keessa buufate irratti haleellaa raawwachunsaa himameen booda ture kan eegalame.
Isaan boodas nammoonni 50,000 ol ta'an daangaa qaxxaamuruun Sudaaniitti kan baqatan yoo ta'u, kanneen miliyoonaan lakkaa'aman ammoo bakka jireenyaa isaanii buqa'uun himame.
Kanaan walqabatees taateewwan miidhaa saalaa naannicha keessatti mudatan baayyachaa jiraachuu dhaabbilee idil-addunyaa dabalatee irra deddebiin komatamaa jira.

















