Lola Tigraay Itoophiyaa: Gamtaan Awurooppaa gamaaggama dogongoraa irratti hundaa’un tarkaanfii fudhate – Itoophiyaa

Humnoonni TPLF'f amanamoo ta'an loltoota Itoophiyaa lolaa turan

Madda suuraa, Getty Images

Gamataan Awurooppaa haala Itoophiyaa keessa jiru sirriitti hin hubanne jedhan Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muufti.

Guyyaa kaleessaa Gamtaan Awurooppaa deeggarsa bajataa yuuroo miiliyoona 90 (dolaara miiliyoona 110) Itoophiyaaf kanfaluuf ture yaaddoo lola Tigraay keessaan yeroo biraaf dabarseera.

Tarkaanfiin fudhatame ''haalicha haala sirriin hubachuu dhabuurraa kan fudhatamedha,'' jechuun ibsaniiru.

Gamtichi BBCtti akka himeetti, maallaqni deeggarsaa birrii Itoophiyaatti gara birrii biiliyoona afur ol ta'u kun silaa osoo barri faranjootaa baranaa hin xumuramin kan kanfalamu ture.

Murteen kun garuu sagantaalee deeggarsa namoomaa Gamtaa Awurooppaa amma jiraniifi hojii misoomaa gamtichi irratti hirmaatuurratti dhiibbaa hin qabu jechuun qondaalli gamtichaa BBC'tti himaniiru.

Dubbii Himtuun Komishinii Gamtaa Awurooppaa Anaa Pisoneroo Hernaandez ''Haala amma jiruun Gamtaan Awurooppaa haala itti deegarsa taasisuurratti hinargamu'' jechuun 'BBC'tti himan ergaa karaa imeelitiin erganitiin.

Itti dabaluunis, gargaarsi kuni akka itti fufuuf yoo barbaachise wantoonni shan ittaanan guutamuu qabu.

  • Hojjetoonni qarqaarsaa deeggarsa namoomaa iddoowwan rakkinichaan hubaman bira akka qaqqabaniif, haaluma seera idil-addunyaatiin ulaa jiran yoo banaman
  • Lammiileen nagaa biyya ollaatti akka baqatan yoo eeyyamamee
  • Tarkaanfiin fi haasaan jibbinsaa sabarratti xiyyeeffatee dhaabbatu yoo taasifamee
  • Himannaa sarbama mirga namoomaa qorachuufi hordofuu malliwwan yoo diriirfaman
  • Midiyaalee gara Naannoo Tigraay akka deemaniif eeyyamamuufi toorriiwwan kominikeeshinii naannicha keessatti gutummaan deebiifamanii akka saaqaman, jechuun haal duree kaa'e gamtichi.

Dhihoo paarlaamaatti dhihaatanii kan dubbatan MM Abiy Ahimad 'deeggarsa kutuun' dhiibbaa fiduuf wanti taasifamu furmaata hin fidu waan jedhu dubbatanii turan.

Mootummaan Itoophiyaa kanneen Sudaanitti baqatan deebisuuf sochii eegaluullee ibseera.

Xumura torban darbee tajaajilli bilbilaafi ibsaa Naannoo Tigraayitti adda citee ture eegalsifameera. Mootummaan sababa tajaajilichi citeef humnoota TPLF'f amanamoo ta'an himata.

Ta'us, tajaajilli intarneetaafi baankii ammallee hin eegalle.

Mootummaan maal jedhe?

Itoophiyaan Gataa Awurooppaa waliin hariiroo istiraatejikii uumuu fedhii qabaachuu kan himan Ambaasaaddar Diinaan waan biyya keessa adeemaa jiru sirriitti hubachuu dhabuutu jira jedhan.

''Biyya keessa olaantummaa seeraa fudhatamaa jiru hubachuu dhabuurra, kanas karaa hin taanen adeemsa hiikutu jira'' jedhan.

Tarkaanfiin Itoophiyaan fudhataa jirtu biyyoota Awurooppaa tokko tokko bira osoo hin taane sadarkaa gamtichaatti ''wanti ifa hin taanef'' jira jechuun kana furuuf ni carraaqna jechuun himan.

Tarkaanfiin fudhatame gamaaggama dogongorarra kan bu'uureffatedha jechuun ''gaddisiisaa, ta'u kan hin qabneefi sirrii kan hin taane,'' jechuun ibsaniiru.

Mootummaan Itoophiyaafi Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) Naannoo Tigraayitti deeggarsa geessuuf kana dura waliigalaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa akka ibsetti mootummaan deeggarsa geeffamu kan qindeessu ta'u dhaabbileen UN immoo deeggarsa gumaachuuf waliigalan jechuun ibseera.

Kanneen Allaamaaxaatti deeggarsa namoomaa mootummaa Itoophiyaarraa fudhataa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen Allaamaaxaatti deeggarsa namoomaa mootummaa Itoophiyaarraa fudhataa jiran

Ta'us, dhaabbileen UN garaagaraa ibsa garaa garaa baasaniin deeggarsi qaamolee deeggarsa fedhaniif hin dhaqqabne, ulaawwanis cufaadha jechuun akka banaman irra -deddeebbiin gaafataa jiru.

Guyyaa kaleessaas Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ejansiin gargaarsa daa'immaniirratti hojjetu UNICEF ibsa Kibxata baaseen Tigraay keessatti ''daa'imman miiliyoona 2.3 ta'an deeggarsa namoomaa argachuu hin dandeenye'' jechuun ibseera.

Mootummaan Itoophiyaa garuu hojiin deeggarsa namoomaa dhaqqabsiisuu qindeessummaa mootummaatiin raawwatamaa jiraachuu hima.

Dhimma kana irratti xumura torban darbe deebii kan kenne mootummaan Itoophiyaa midhaan bakkeewwan deeggarsi barbaachisu gahuu ibseera.

Sababa lolli ammallee itti fufee jiruuf deeggarsa namoomaa Tigraay dhaqqabsiisuu dhabne yaadotni jedhan "dhugaa kan hin taanee fi hojii raayyaan ittisaa naannicha tasgabbeessuuf hojjete kan xiqqeessudha" jedha ibsi waajjira MM.

Milishoota TPLF harca'anii hafaniin dhukaasni bakkaa bakkatti dhagaahamuu mala kan jedhe ibsichi, kana akka lola adeemaa jiruutti fudhachuun dogoggora jedhee ibse.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

Ka'umsi lola kanaa maali?

Lolli naannoo Tigraayiitti kan guyyaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoota TPLF kanneen Izzii kaabaa irratti halleellaa raawwataniiru jechuun himatan irratti tarkaanfiin akka fudhatamuf itti ajaje Sadaasa 04, 2020 eegale.

Ministirri Muummee Abiy ajaja kana kan ajajan deebii haleellaan buufata waraanaa loltoonni mootummaa federaalaarratti humnootii TPLFn fudhatame akka ta'e ibsan.

Lola kanaan wal qabatees namoonni dhibbaan lakkaa'aman lubbusaanii yoo dhaban, kanneen gara 50,000 tahan ammoo qeee'aasaaniirraa buqqa'uun gara Sudaanitti baqataniiru.