Gabaasa dhugummaa suuraaleefi viidiyoowwan lola Tigraayin walqabatan mirkaneessu

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Peter Mwai
- Gahee, BBC Reality Check
Lolli naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamu jabaatee wayita itti fufe kanatti, waayee lola adeemaa jiruu odeeffannoowwan nama dogoggorsaniifi gariinis soba ta'an tamsaasuuf yaaliiwwan walirraa hin cinnetu gaggeeffamaa jiru.
Suura Ministira Muummee Abiy nama dogoggorse

Ministirri Muummee Abiy Ahimad uffata loltuu uffatanii bilbilaan osoo haasa'anii duula Raayyan ittisaa naannoo Tigraayitti gaggeessaa jiru deeggaru kan agarsiisuu feesbuuk irratti gadhiifameera.
Maxxansa tokko kana keessa suuraalee ministira muummichaa saditu jiru. Maxxansi kunis yeroo 1,000 ol qoodameera
Suurri nama dogoggorsu kun dubbii himaa dhaaba Badhaadhinaa damee Oromiyaa obbo Taayyee Danda'aatiin maxxanfame.
Suura fotoshooppiin tolfame kana booddeetti deebinee yeroo qorannu, suurri inni sirriifi kan dhugaan odeessaa waayee loltuu US tokkoo kana dura hojjetamerraa fudhatame.

Madda suuraa, Getty Images
Suurri inni jalqabaa isa asii olitti mul'atudha
Suurri kun fuula MM Abiy akka fakkaatutti areedni osoo hin hafiin itti godhamee gulaalame.
Kuusaa suuraa Getty images keessa gallee yeroo ilaallu suurri kun Onkololessa bara 2017 Yukreen keessatti kan kaafame ta'uu barreerra.
Obbo Taayyee Danda'aa Araddoo maaliif suura gulaaluun fakkeeffame kana akka fayyadaman gaafachuuf qunnamnus, hanga gabaasni kun maxxanfametti deebii isaanii argachuu hin dandeenye.
Viidiyoo sobaa xiyyaara waraanaa Itoophiyaa
Viidiyoon xiyyaarri waraanaa Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti haleellaa gaggeessaa turte yeroo itti dhukaafamuufi kuftu agarsiisu guddoo qoodame.
Haata'uutii viidiyoon kun dhugaa miti. Viidiyoon kun kan waraabame tapha (game) waraanaan fakkeeffame Arma jedhamurraayi.

Viidiyoo sana keessa xiyyaarittiitti yeroo dhukaafamu dugda dubaatti (background) halluun cuquliisni mul'atu fi aarri xiyyaarittiin kufuu dura argamu garuu viidiyoo biraarraa fudhatame.
Viidiyoo isa sirrii Youtube chaanaalii Afaan Jaappaaniin maxxansaalee isaa ibsuufi Ingiliffattilee hiikame qabu tokkorraa arganne.
Viidiyoon xiyyaarri Itoophiyaa haleelamuu agarsiisuuf sobaan hojjetame sun jalqabaa fi dhuma viidiyoo isa Afaan Jaappaaniin maxxanfame fi kan barreefama viidiyoon kun ''dhugaa miti asoosama'' jedhu qabu keessaa kutanii fayyadamaniiru.
Viidiyoon biroonis xiyyaarri ibiddi itti qabatee kufaa jiruutti gara olii harka bitaan suurri itti maxxanfame ni mul'ata.
Suurri sun dhugaa ta'us, garuu wanta Itoophiyaatti raawwate miti.
Suura sana qorannee, bara 2016'tti kan humna qilleensaa Jordaan F-16 kufee caccabee ta'uu mirkaneeffanne.
Haleellaa Itoophiyaattis Eertiraattis hin raawwatamne
Suuraaleen nama dogoggorsan hedduun waayee haleellaa fi miidhaa haleellaan booda jiru agarsiisan qoqqoodamaniiru.
Tokko tokko sirumaa waan Itoophiyaa keessatti ta'an miti, naannolee addunyaa biroo keessaa fudhataman. Kaan ammoo haala amma ta'aa jiruun dura kana raawwatamanidha.
1. Fuulli feesbuukii oppireeshinii mootummaa federaalaa kan deeggaru fakkaatu suura taatee Uzbeekistaanitti raawwatame maxxanseera.

Maxxansi kun xiyyaarri waraanaa rookkeetti yeroo dhukaasu agarsiisa. Akkaawuntiiwwan miidiyaa hawaasaa hedduun haala naannoo Tigraay waan ibsu jedhanii itti fayyadamaniiru.
Suuricha sirriitti yoo ilaalan garuu barreeffama addaa "Uz Air Force A. Pecchi" jedhu ofirraa qaba.
Uz kan jedhu Uzbeekistaan jechuuf yoo ta'u, A.Pecchi kan jedhu ammoo maqaa nama suuricha kaasee Anthony Pecchi.
Namichi suura kana kaase Amajjii darbe ture fuula feesbuukii isaarratti kan maxxanse.
2. Fayyadamtootni miidiyaa hawaasaa tokko tokko suura nama dogoggorsu tokko akka waan miidhaa humnoonni waraanaa Tigraay naannoo Amaaraa magaalaa Baahir Daar irratti qaqqabsiisan fakkeessanii qoodaa turan.
Kaan ammoo akka waan haleellaa biyya ollaa magaalaa guddoo Ertiraa, Asmaraatti qaqqabeetti maxxansan.

Suurri akka kanatti qoqqodame garuu dhoyinsa magaalaa qarqara galaanaa Chaayinaa Tiyaanjiin jedhamtuutti bara 2015'tti qaqqabeerraa fudhatame.
Dhoyinsi kun man-kuusaa keemikaala hamaa ta'e of keessaa qaburratti qaqqabe.
Taatee kan BBC'n gabaasee kan ture yoo ta'u, suuraalee amma akka waan Baahir Daar ykn Asmaraa jedhamee qoodaman keessaa tokko suura yeroo sanii waliin sirriitti walfakkaata.
3. Fuula feesbuukii viidiyoo haleellaa misaayelaa Eertiraa magaala Asmaraarratti raawwatedha jechuun gadhiise.

Abbaan akkaawuntii kanaa viidiyoo kana irra deddeebisuun akka waan kallattiin waraabamee fakkeessee sa'aa lamaaf tamsaase.
Viidiyoon namoota kuma hedduun qoodame kun garuu waan Eertiraa keessatti ta'e miti.
Viidiyoon kun kan fudhatame haleellaa misaayelaa Iraan buufata waraanaa US Iraaqii qabdurratti Amajjii darbe raawwatameerraa fudhatame.
BBC'n taatee Iraaq sanas viidiyoon dabaalee gabaasee ture.
Odeessa kana keessa gabaasa dabalataa dhiyeessuun kan hirmaatan:
Eliyaas Muluugeetaa Hordofaa, BBC Afaan Oromoo irraa akkasumas Yemaane Naagish BBC Tigrinyaa irraa.

















