Naannoo Buufata Xiyyaaraa Asmaraatti dhohiinsa guddaa dhagahuu jiraattonni dubbatan

Madda suuraa, Reuters
Kaleessa galgala naannoo buufata xiyyaaraa Asmaraatti dhohiinsi meeshaa waraanaa guddaan dhagahamuu jiraattonni magaalaa Asmaraa BBC'tti himan.
Dhohiinsi kun kan uumame erga rooketiiwwan lamaa ol ta'an furguggifamanii magaalaa Asmaraa keessa qubatanii booda yoo ta'u, sababiin dhohiinsichaa fi miidhaan inni geessise garuu hanga yoona wanti beekame hin jiru.
Gama mootummaa Eertiraatiinis hanga yoonaa dhimma kanarratti ibsi kenname hin jiru.
Haata'u malee dhohiinsi sun osoo hin dhagahamin sa'atii muraasa dura qondaalli Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa loltoonni Eertiraa isaan waraanaa jiraachuu ibsanii,''iddoowwan qiyyaafannoo bebbeekamoo'' biyyattiirratti xiyyeeffachuun misaa'elaan haleeluu akka danda'an akeekkachiisanii turan.
Pirezidaantiin naannoo Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa'el Eertiraan mootummaa Itoophiyaa deggeruun nu haleelaa jirti jechuun irra deddeebiin komatu.
Eertiraan gamasheen dhimma Itoophiyaa keessa harka galfattee akka hin jirre ibsitee turte.
Ministirri Dhimma Alaa Eertiraa Obbo Usmaan Saalih Kibxata darbe gaafa guyyaa 10,11,2020 Rooyitarsiif ibsa akka kennanitti ''Eertiraan dhimma Itoophiyaa keessa hin seentu'' jedhanii turan.
Sanabataa kaleessaa (14,11,20) halkan keessa loltoonni Tigraay buufataalee xiyyaaraa Gondarii fi Baahardaar misaa'elaan haleelaniiru jechuun mootummaan Itoophiyaa ibseera.
Waraana mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay gidduutti guyyaa kudhan dura eegaleen lammiileen nagaa hedduun akka buqqa'anii fi gama lamaanuu loltoonni du'uu fi madaa'uun kan yaadatamuudha.
Waraana daangaa dhiiga namoota hedduu dhangalaase hordofee Itoophiyaa fi Eertiraan waggoota kurna lamaa oliif wal-qoollifataa erga turanii booda wayita Ministirri Muummee Abiy Ahmad gara aangootti dhufan nageenyi biyyoota lameen gidduutti bu'eera.
Walqoccolloon mootummaa federaalaa fi mootummaa naannoo Tigraay gidduu ji'ootaaf ture erga gara waraanaatti jijjiiramee as daangaawwan Tigraay bakka garaagaraatti waraanni gaggeeffamaa jira.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii akka jedhutti lola Tigraayiin hanga yoonaa lammiileen 17,000 ta'an baqatanii Sudaan galaniiru.
Eertiraa maaltu mudate?
Jiraattonni magaalaa Asmaraa halkan kaleessaa(Sambata 14,11,20) sagalee dhohiinsa gurguddaa irra deddeebiin dhagahaa akka turan dubbatan.
Dippiloomaatiin maqaansaanii akka eeramu hin feene tokko,''akkan odeeffannoo argadhetti rookeetiiwwan hedduun dhiheenya buufata xiyaaraatti kufuu isaaniiti'' jechuun AFP'tti himan.
Marsariitiin Oduu Eertiraa 'Tasfaa Niwus' jedhamu ammoo ''rookeetiiwwan lama Tigraay irraa gara Asmaraa furguggifamanii, buufata xiyaaraa Asmaraa dhabuun, handaara magaalaa Asmaraatti kufaniiru'' jechuun tiwiitara isaarratti barreesse.
Oduun furguggifamuu rookeetiin dhagahamuu dura dubbi himaan TPLF hidhattoonni Eertiraa daangaa ce'uun Itoophiyaa seenanii mootummaa federaalaa tumsaa jiru jechuun, Eertiraa irratti tarkaanfii akka fudhatan ibsanii ture.
Haleellaa Baahardaar fi Gondar
Buufataalee xiyyaaraa Bahardaar fi Gondar irratti qiyyaafachuun haleellaan rookeetii Jimaata darbe(gaafa 13,11,20) raawwachuu mootummaan Itoophiyaa Samabata kaleessaa ibseera.
Kanaanis rookeetiin tokko buufata xiyyaaraa Gondar irratti hanga tokko balaa kan gaggeessise yoo ta'u, yeroo walfakkaataatti rookeetiin biraan dhukaafamuun handaara buufata xiyyaaraa Baahardaaritti kufuu aanga'aan naannoo Amaaraa tokko Rooyitarsitti himaniiru.
Buufataaleen xiyyaaraa lameenuu uummataa fi loltootaaf kan tajaajila kennan yoo ta'u, haleellaa uumameen miidhaan namarratti qaqqabe yogguma sana wanti ibsame hin jiru.
Haleellaan kun mootummaa federaalaa haaloo ba'uuf akka raawwatame qondaalli naannoo Tigraay Geetaachoo Raddaa ibsaniiru.
''Hanga haleellaan uummata Tigraay irraa dhaabbatutti, nutis haleellaa qaqqabsiisuu cimsinee itti fufna'' jechuun TV Tigraay irratti dubbatan.
Haleellaawwan dabalataa hedduu akka qaqqabsiisuuf jiranis ibsaniiru.
Miidhaa qaqqabe
Erga waraanni mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay gidduutti eegalee dhibbaan kan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru, namoota nagaarratti haleellaan raawwachuus gabaasonni ba'aa jiran ni mul'isu.
Dhaabbati mirga dhala namaaf falmu Amnastii Intarnaashinaal, Wiixata darbe magaalaa Maayikaadraa keessatti ''lammiileen dhibbaan lakkaa'an meeshaalee qara qabaniin haala suukanneessaan ajjeefamuu'' mirkaneeffachuusaa ibsee ture.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad haleellaa raawwate kanaaf kanneen TPLF waliin michooma qaban himatan, naannoon Tigraay ammoo waan kana keessaa harka hin qabu jedhe.
Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa gamasaatiin dhimma kana qoratee adda baasuuf garee tokko garas erguu himeera.
Ka'umsi lola kanaa maali?
Paartiin TPLF kan siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota 27 darbaniif olaantummaa qabaachaa ture, battaluma MM Abiy 2018 keessaa gara aangootti dhufanii kaasee komii eegale.
MM Abiy qondaaltoota TPLF mootummaa duraanii keessatti aangoo olanaa qabaachaa turan malaammaltummaa fi sarbama mirgoota namoomaatiin himachuun kaan yoo hidhan kaan aangoo mootummaa irraa ari'an.
TPLF hogganooti hidhamanii fi hojiirraa ari'aman kunneen dhalattoota Tigraay waan ta'aniif addatti irratti fuulleffatame jechuun komata.
MM Abiy bara darbe paartilee miseensota ADWUI saba bu'urreeffatani ijaaraman walitti baqsuun Paartii Badhaadhiina (PP) hundeessuun tarkaanfii biraa wal-diddaa qaamolee lamaanii hammeessedha.
TPLF adeemsa MM Abiy mormuun paartii haaraa kanatti makamuu dide.
Jalqaa bara kanaa erga mootummaan federaalaa sababa weerara koronaavaayirasiin filannoo biyyaaleessaa marroo 6ffaa dheeressee ammoo wal diddaan caalaa guddate.
Naannoon Tigraay Fulbaana keessaa qofaatti filannoo gaggeeffatus, paarlaamaan federaalaa filannichi ''seeraan alaa fi kan akka raawwatameetti hin lakka'amnee'' jechuun murte dabarse.
Ergasiin booda, mootummoonni lamaan wal waliin ''seeraan alaa fi beekamtii heera kan hin qabne'' waliin jechuutti fufan.
Jalqaba baatii Onkolooleessaa mootummaan federaalaa naannoo Tigraay waliin waliitti dhufeenya akka dhaabu akkasumas deeggarsa bajata naannichaa akka adda kutu manni maree federeeshinii murteesse.
Sana duras ta'e sana booda mootummoonni lamaan agarsiisa humna waraanaa gara garaa taasisaa turan.
Sadaasa 03, 2020 halkan humni addaa naannoo Tigraay buufata waraanaa raayyaa ittisaa achi jiru haleele jechuun MM Abiy tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu kan ajajan.
















