Lola Tigraay: Lolli Tigraay akkamiin uumame, garam deemuu danda'a?

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan federaalaa Itoophiyaa qaamooleen idil-addunyaa waamicha taasisaniif illeen naannoo Tigraay irratti tarkaanfii waranaa fudhachuu itti fufuuf dhaadateera.
Kibxata halkan erga MM Abiy tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu ajajaniin booda gama lixa Tigraayiin lolli adeemaa jiraachuu aanga'oonni gama lameenii himaniiru.
Dhaabbatni Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) kan gamtaa dhaabbilee siyaasaa biyya bulchaa turan keessatti olaantummaa qabaachaa turee fi MM Abiy Ahimad jidduutti wal-diddaan ture, naannoon Tigraay qajeelfama mootummaa federaalaa diduun sadarkaa naannootti filannoo gaggeeffatuun booda daranuu cime.
Kibxata darbe humnoonni Tigraay buufata waraana federaalaa achi jiru irratti haleellaa raawwachuun ''ajjeechaa, miidhamaa fi badiinsa qabeenyaa'' qaqqabsiisaniiru kan jedhan MM Abiy, waraanni tarkaanfii akka fudhatuuf ajajan.
Maaltuu gara lola kanaatti geessee?
Mootummaan federaalaa filannoo biyyaaleessaa marroo 6ffaa sababii koronaavaayirasitiin yeroo biraatti akka dabarfamu murteesse.
Naannoon Tigraay garuu Fulbaana darbee sadarkaa naannootti filannoo gaggeessuun, hariiroo mootummoota lameenii duraanuu toorarra hin turre hammeessuu akka hin ollee bal'inaan yaadama.
Garuu ammoo waldhabdeen qaamoolee lamaani jidduu kan waljalaan guddataa dhufeedha.
Partiin TPLF kan siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota 27 darbaniif olaantummaa qabaachaa ture, battaluma MM Abiy 2018 keessaa gara aangootti dhufanii kaasee komii eegale.
MM akka hogganaa riiformii taasisuutti ilaalamaa turan Abiy ammoo qondaaltoota mootummaa duraanii malaammaltummaa fi sarbama mirgoota namoomaatiin miseensoota TPLF gurguddoo kaan hidhanii kaan mootummaa jidduu galaa keessaa baasan.
Tarkaanfiin kunis hogganaa tika biyyattii fi qondaala olaanaa TPLF Geetaacho Asaffaa kan gara Tigraayiitti baqate dabalata.
TPLF hogganooti hidhamanii fi hojiirraa ari'aman kunneen dhalattoota Tigraay waan ta'aniif addatti irratti fuulleffatame jechuun komata.
MM Abiy bara daree paartilee miseensota ADWUI saba bu'urreeffatani ijaaraman walitti baqsuun paartii Badhaadhiina (PP) hundeessuun tarkaanfii biraa wal-diddaa qaamolee lamaanii hammeessedha.
TPLF murtee sana, biyya adda qooda jechuun mormuun PPtti makamuu dide.
Jalqaa bara kanaattis erga mootummaan federaalaa filannoo biyyaaleessaa dabarsee ammoo wal diddaan caalaa guddate.
Naannoon Tigraay Fulbaana keessaa qofaatti filannoo gaggeefate. Paarlaamaan federaalaa filannichi ''seeraan alaa fi kan akka raawwatameetti hin lakka'amnee'' jechuun murte dabarse.
Ergasiin booda, mootummoonni lamaan wal waliin ''seeraan alaa fi beekamtii heera kan hin qabne'' waliin jechuutti fufan.

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan naannoo Tigraay kan TPLFn durfamu mootummaan federaalaa mirga ofiin of bulchuu keenya dhiibuuf aggaamaa jira jechuun komataa ture.
''Qaamaa mirga ofiin of bulchuu fi hiree ofii murteeffachuu kan aarsaa hedduun argannee nurraa mulquuf barbaadu kamiifuu gonkumaa hin jilbiiffannu'' jechuun dureen naannichaa Dabratsiyoon Gabramikaa'el Hagayya darbe keessa dubbatanii ture.
Jalqaba baatii Onkolooleessaatti mootummaan federaalaa naannoo Tigraay waliin waliitti dhufeenya akka dhaabu akkasumas deeggarsa bajata naannichaa adda kutuuf manni maree federeeshinii murteesse.
Sana duras ta'e sana booda mootummoonni lamaan agarsiisa humna waraanaa gara garaa taasisaa turan.
TPLF maaliif hangas murtessaa ture?
Erga bara 1991tti sirni Maarkisiistii dargii kufeen booda hanga 2018'tti walta'insa paartiilee siyaasaa ADWUI keessatti TPLF murteessaa fi paartii biyya bulchu ture.
Mangistu aangoorraa buusuu keessatti gahee murteessaa kan xabate TPLF, isaan boodas siyaasa biyyatti keessatti osoo hin taanee gama dinagdeetiinis olaantummaa argatee ture.

Madda suuraa, Getty Images
Dabrastiyoon dabalatee, anga'oonni naannoo Tigraay baay'een, mootummaa jiddugalaa keessatti waggoota dheeraf aangoo jajjabaa qabatanii tajaajilaniiru.
Dabratsiyoon, kan duraan loltuu turan, hanga MM itti aanaa ta'uutti hojjataniiru. Hanga MM Abiy gara aangootti dhufaniittis jaalleewwanii fi gorsitoonni ammaa Dabratsiyoon biyyattii keessatti iddoowwan murteessoo qabatanii ture.
TPLF maal barbaada?
Bulchiinsi Tigiraay riifoormii MM Abiy deemsisaa ture akka yaalii caaseffama sirna federaalaa yeroo ammaa jiru kana diigee sirna mootummaa waalta'aa jiddugaleessarraa biyya bulchu ijaaruutti fudhatu.
Kana malees, TPLF hariiroo MM Abiy pireezidantii Eertiraa Isaayyaas Af-warqii waliin qabus hin jaallatu. Hariiroo kana akka "sirrii hin taanetti" ialaala.
MM Abiy Badhaasa Noobelii Nagaa bara 2019 kan mo'atan hojii masaanummaa yeroo dheeraa Eertiraa waliin ture hambisuun nagaa buusuu isaaniitiifi.
Haa ta'u malee, TPLF hariiroo Eertiraa waliin uumame kana keessatti fedhiin isaa akka ilaalcha keessa hin galletti yaada. Kanarraa ka'uunis hariiroo egeree biyya ollaa Itoophiyaa kana waliin qabaachuurratti gahee qabaachuu barbaada.
Ministirri Muummee ammoo aanga'oonni TPLF akka aangoo isaa tuffataniitti ilaalu.
Ertiraan walitti bu'insa Tigiraay keessatti hirmaatteettii?
TPLF fi mootummaa Eertiraa gidduu waldhibdee yeroo dheeraa turetu jira. Eertiraan ammoo naannoo Tigiraay waliin daangaa dheeraa waliin qabu.
Waraanni Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti 1998-2000 taasifame sababii waldhabdee daangaa irratti ture. Keessumaa magaalaa daangaarra jirtu Baadimmee irratti ture.
Eertiraan akkaaata murtee komishiniin deeggarsa UNiin hojjetuun Itoophiyaan magaalaa Baadimmee akka deebistuuf barbaaddus kun osoo hin raawwatiin tureera.
MM Abiy wayita araara Eertiraa waliin eegalan murtee kana haal-duree malee fudhatanii akka hojiirra oolchan dubbatan.
Haa ta'u malee Baadimmeen bulchiinsa Tigiraay jala waan ta'eef tumsa mootummaa naannoo Tigiraay malee kan milkaa'u miti.

Madda suuraa, Getty Images
Waa'ee haleellaa KIbxata buufata humna ittisaa Tigraay jiru irratti raawatame jedhamee yeroo ibsu, waajirri MM Abiy TPLF himateera.
"Sobaan akka waan mootummaan Eertiraa ummata Tigiraay irratti lola gaggeessaa jiruu fakkeessuuf TPLF yuunifoormii loltoota Eertiraan uummata gowwoomse" jedhe.
Himannaan jedhame kun qaama walaba ta'een hin mirkanaa'iin yeroo jiru kanatti, Eertiraan rakkoo Tigiraay keessa jiru kanaaf deebii kennuuf dhimma keessoo ollaa keessa seentii yaaddoo jedhu kaasuu mala.
Pireezidantiin naannoo Tigraay Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el ibsa Kamisa waaree booda TV naannichaa irratti kennaniin Eertiraan lola ammaa keessa harka qabaachuu akeekaniiru.
Lolli kun 'lola uummata Tigraay irratti Abiy Ahimadiifi pireezidantii Eertiraa Isaayyas Afawarqiin baname,' jedhan.
Loltoonni raayyaa ittisa biyyaa Tigraay keessa turan keessaa muraasni hidhannoo isaanii waliin daangaa qaxxaamuranii gara Eertiraa akka seenanis dubbataniiru.
Carraan gara guutummaan waraanatti seenuu hangam?
Pireezidantiin Tigraay naannicha eeggachuudhaaf loluuf qophaa'oo akka ta'an dubbatu.
Haala jiru hubatanii qophii barbaachisu akka taasisaniif dhalattoota naanichaaf waamicha yeroo taasisanitti, "naannoon isaanii bakka awwaalcha warra dubbii isaan barbaadaniiti," jedhan Dabratsiyoon.
"Sararri diimaan dhumaa darbameera," jechuun tarkaanfii fudhachuu kan eegale mootummaan MM Abiy hanga TPLF jilbeeffachiisutti booddeetti waan deebi'u hin fakkaatu.
MM Abiy erga lolli kun eegalee as ajajoota waraanaa soorama baahanii turan afur gara raayyaa ittisaatti akka deebi'an waamicha taasisaniiru.
Itaamaazhoor Shuumii Itti aanaan waraana biyyattii jeneraal Birhaanuu Juulaa ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kennaniin loltoonni raayyaa ittisa biyyaa dabalataa garas geeffamaa akka jiran dubbataniiru.
Lolli eegalame kun osoo gara jiddugaleessa biyyaa hin dhufiin achumatti goolabama jedhan jeneraal Birhaanuun.
Akka hogganoonni idil-addunyaa gaafataa jiran lolli dhaabbatee furmaatni nagaa kan barbaadamu yoo hin taane carraan biyyattiin guutummaan gara waraana waliinii seenuu bal'aadha.












