Rakkoo Tigraay: Wal-dhabdee naannoo Tigraayiifi mootummaa federaalaa irratti qabxiilee shan

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Mummee Abiy Ahmad Kibxata kaleessaa halkan keessa erga aanga'oonni naannoo Tigraayi bu'uura waraanaa izzii kaabaa irratti baneera jechuun erga balaaleffatanii booda waraanni raayyaa ittisa biyyaa ergama isaa akka bahuuf ajajuu beeksisan.
Kana hordofees dhimmicharratti aanga'oota naannolee garaa garaa dabalatee qaamolee adda adaaatiin yaanni garaagaraa kennamaa ooleera.
Erguma wraanaan walirratti qiyyaafachuun eegalee wantoonni ta'an shanan kanneen armaan gadiiti.
1. MM Abiy maal jedhanii?
MM Abiy paartiin naannoo Tigraayi bulchu, TPLF haleellaa eegaluusaa himan.
Haasaa TV irratti taasisaniinis ''gareen TPLF abdii kutatee haleellaa hineegamiiniifi hinyaadamne halkan kaleessaa raayyaa ittisa biyyaa irratti raawwachuun kasaaraa qaqabsiisuuf ture'' jedhan.
Haleellaa raawwatameenis ''ajjeechaa, miidhaa fi barbadiinsi qabeenyarratti qaqabeera'' jedhanii ture.
Kana hordofees miseensonni mana maree ministirootaa labsii yeroo muddamaa baatii jahaaf naannicha irratti labseera.
Haa ta'u malee labsiin kun attamiin hojiirra akka oolfamu ifa ta'u baatulleen baatii jahaaf labsameera.
Akkasumas aanga'oonni biyyaaleessaa tajaajilawwan ibsaa, bilbilaafi intarneettii Tigraayi keessaa cufan.
Waldhabdeen qaamolee lamaan jidduutti umame yeroo dhihoon asiitti cimaa dhufee lamaanuu humna waraanaa fayyadamuuf karoorfachuu wal himatu.
Guyyaa Kibxataatiif paarlaamaan federaalaa TPLF akka 'dhaabbata shororkeessaatti' ramadamuuf yaada dhiyeessee ture.

Waajjirri MM Abiy ammoo TPLF uffata dambii waraanaa loltoota Eertiraa fakkaatu itti uffisuun, ''booda ammoo himannaa motummaan Eertiraa ummata Tigraayi miidheera jedhu dhiyeessuuf'' jechuun himateera.
2. Tigraay keessatti maaltu ta'e?
Gabaasaan BBC Maqaleerraa halkan Kibxataa sagaleen dhukaasaa dhagahamaa akka ture himeera.
Dhukaasichis naannicha keessatti dhiheenya magaalaa Maqaleetti kan raawwatame yoo ta'u, borumtaa isaaa garuu tasgabbaa'uu himeera.

Naanichatti dhorkaan waa kaa'ameef geejibni waan hinjirreefuu namoonni miilumaan magaalaa keessa yoo socho'an akka mullatan barameera.
Kana malees qilleensa naannichaas balaliinsa irraa dhorkamuun barameera.
3. Aanaga'oonni Naannoo Tigraayi maal jedhan?
Qondaallii naannichaa humnoonni federaalaa naannichaatti bobbaafaman injifatamaniiru jedhulleen qaama walaba ta'erraa mirkaneeffachuun hin danda'amne.
Torban darbe aanga'oonni Tigraayi muudama janaraalaa, MM Abiyyiin raawwatamee ture, akka gara naannichaa deemuun aangoo haaraa hin qabanneef dhorkaniiru.
Qondaalli TPLF gameessi Wondimmu Asaamminaw guyyaa Kibxataa AFPtti akka himaniitti, motummaan federaalaa waraana daangaa kaabaa qarqara daangaa Tigraayiitti walitti qabaa jira jechuun MM Abiyyiin himatanii ture.
Haa ta'u malee himannaan kun qaama walabaa irraa hin mirkanoofne.
"Dhimma loltoota yoo ilaallu kun tapha ijoollee miti. Kunis waraana kakaasuun danda'a...Kan kana gochaa jiran ibiddaan taphachaa jiru. Waan xiqqoon naannoo guutuu kakaasuu danda'a. Kanaafuu nutis dammaqneera, of ittisuudhaafis dandeettii kan qabnu ta'uu mirkanneessuun barbaada'' jedhan Mr Wondimuun.
4. Humnootiin nageenyaa Tigraayi baayyee kan hidhataniidha
Dastaa Gabramadihin BBC Tigrinyaa irraa akka jedhetti, doorsisni waraanaa mootummaa federaalaafi aanga'oota Naannoo Tigraayi jidduu jiru kan bubbuleedha.
Haata'u malee waldhabdeen tibbanaa kunis lammiilee Itoophiyaa hedduu naasuu kan itti ummee fakkaata.
Minstirri Mummee Abiyyi Ahmad kan bara 2018tti gara aangootti dhufanis aanga'oonni Tigree abomummaa motummaa federaalaa jalaa cilaanfataa jiraniin kan obsa fixatan fakkaatu.
Ta'us garuu qeeqxonni aanga'oota TPLF dabalatee, ministira Mummee karoora rifoormii isaatiin ni komatu.
Muraasnis ejjannoo dureewwan mormitoota siyaasaa naannoo dhabamsiisuu isaatu rakkina ammaa kanaaf gummaache jedhu.
Gama biraan ammoo, walitti dhufeenyi inni pirezidaantii Eertiraa Isaayaas Afawarqii waliin qabanis Tigraayi keessatti akka diinaatti fudhatame.
Kunis walitti dhufeenyi sirumaa akka badu gumaateera.
MM Abiya haasaa kaleessa Kibxata halkan taasisaniin ergamni waraana federaalaa Tigraayi keessaa ''biyyaafi naannicha tasgabbii dhabiinsarraa oolchuudha'' jedhanii jiru.
Rakkoo naannoo Tigraayiin walqabatanii isa mudatan keessaa tokko, akkuma naannoolee Itoophiyaa kaan, naannichi humnootii poolisii addaafi milishaa haalaa leenji'aniifi hidhatan qaba. Kanaafu walitti bu'insi kamiyyuu gama lamaanifuu haarsaa kan kanfalchiisuu ta'a.
Waldhabdeen Tigraayi keessaa dabaluunsaa kamuu Itoophiyaafi biyyoota ollaa adda qooduu danda'an sodaa umeera.



5. Kun hundi maaliidha?
Pirezidaantiin naannoo Tigraayi Dabratsiyoon Gabramikaa'eel gamasaanitiin Wiixata darbe rippoortarootatti akka himaniitti, sababii filannoo sadarkaa naannootti gaggeessaniif jecha mootummaan federaalaa isaan adabuuf haleellaa irratti raawwatuuf akka jiru himan.
Filannoon naannoo TPLF gaggeessees murtee motummaa federaalaafi boordii filannootiin faallaa ture.
Mootummaan federaalaa sababii Covid-19tiin yeroo filannoon itti gaaggeeffamu dabarsuun isaa ni yaadatama.
Kana hordoofees mootummaan federaalaa filannichi 'kan hin fudhatamneefi akka raawwatameetti kan hin lakkaa'amneedha'' jedheera.
Isaan booda ammoo filannoon biyyaalessaa boordiin filannoo Caamsaa ykn Waxabajjii keessa bara kana akka raawwatamu himeera.
TPLFn bara 1991 hanga 2018tti aangoo siyaasaa irra jireessa qabatee akka ture ni yaadatama.
Erga mormii dargaggoonni Oromoo haarsaa itti kanfalaniitiin Abiy gara aangootti dhufeen booda garuu TPLF gara moggaatti bahu eegalan. Aangoon isaaniis waljalaan hirrataa dhufe.
Gama biraatiin ammoo bulchiinsi MM Abiy walitti bu'iinsa saba biyyatti bakkeewwan garaa garaatti raawwatamaniin qeeqamaa jira.
Kana malees sababii riiformii gaggeessaniitiin dirreen siyaasaa dhiphachuun aanga'oon mormitootaa hidhaatti darbatamuunis dhimma biraa bulchiinis MM Abiy ittiin qeeqamu kan biraati.














