Manni Maree Ministeerotaa Naannoo Tigiraayi irratti labsii yeroo muddamaa ji'a jahaaf turu labse

Madda suuraa, Feesbuukii MM Abiy Ahmad
Manni Maree Ministeerotaa naannoo Tigiraay irratti labsii yeroo muddamaa ji'a jahaaf turu labse.
Manni Maree Ministeerotaa har'a wal gahii ariifachiisaa 21ffaa taasiseen nageenya biyyaa tiksuuf labsii yeroo muddamaa kana labsuu ibse.
Labsiin yeroo muddamaa kun ji'oota jahaaf kan turudha.
Labsii kana kan raawwachiisu qaamolee garaagaraa isaan ilaallatu irraa gareen tokko hundaa'uun Ajajaa waliigalaa humna waraanaa biyyattiin gaggeeffama.
''Garee labsii yeroo muddamaa'' jedhamee waamama. Labsiin yeroo muddamaa kun naannooTigiray hundatti hojiirra kan oolu taha.
Manni Marichaa mootummaan bu'uura heeraan nageenya biyyaa fi uummataa tiksuuf dirqama waan qabuuf humna jeequmsa kaasu kamiyyuu ittisuuf itti gaafatamummaa akka qabu ibseera.
Labsii kana baasuuf yeroo ammmaa naannooTigiraayitti sochiiwwan heera mootummaa fi nageenya uummataa balaa irra buusan jiraachuu eera.
Akkasumas walabummaa biyyaaf qormaata kan tahuu fi mootummaan federaalaa aangoo heera mootummaan kennameef naannichatti akka hojiirra hin oolchine taasifaamaa turuu ibsa.
Dabalataan murteewwan mana maree federeeshinii cabsuun hojiin seeraan alaa hojjetamaa turuu ibsa.
Kanaaf karaa idileen seera kabachiisuu fi naannicha to'achuun waan hin danda'amneef bu'uura heeraan labsiin yeroo muddamaa kun labsamuu ibse.
Labsichis akkaataa heera mootummaa keewwata 93/1 A'n kan murtaa'e tahuu himuun mootummaan tarkaanfii barbaachisaa tahe naannicha keessatti udhachuuf gargaara jedhan.
Naannoo Tigiraayitti maaltu uumame?
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Raayyaan Ittisa Biyyaa kaaba biyyattiitti ergama biyya baraaruu isaa akka bahuuf ajaja kennuufii ibsan.
Ministirri Muummee ibsa TV biyyattii irratti dhiyaachuun kennaniin ''humna kana barbadeessuuf kan nuuf danda'ame hunda ni raawwanna" jechuun ifatti waraanni TPLF irratti labsamuu himaniiru.
Tarkaanfii fudhatamaa jiru kanaafis MM, Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraayi (TPLF) kan bara 1990 kaasee aangoorra ture himataniiru.
Ministirri Muummee Abiy barreeffama halkan keessa fuula feesbuukii isaaniirratti maxxansaniin, ''TPLF kaampii raayyaa ittisa biyyaa kan Tigraayiitti argamu irratti haleellaa raawwateera. Saamichas raawwachuuf yaalii taasiseera,'' jedhaniiru.
''Haata'u malee, waraanni kun kan waggoota digdamaa oliif uummata Tigraay tiksaa tureedha'' jedhan.
Itti dabaluunis, TPLF raayyaa ittisaa haleeluufi saamuuf ka'eera. Gama Daalshaahiitinis waraanni banameera jechuun lolli ifatti eegalamuu mirkanneessan.
Taateen kunis erga muddamni mootummaa fadaraalaa fi aanga'oota naannoo Tigraay jidduu ture baatiiwwan muraasaa asi dabalaa dhuufuun wal qabatee kan mudateedha.
TPLF buulchiinsi Abiy 'Fulbaana darbee kaasee weerara COVID-19 akka sababaatti fudhachuun aangoorra turuuf yaalii gochaa jira' jechuun balaaleffata.
Gama biraatiin ammoo aanga'oonni mootummaa federaalaa yeroo baay'ee hokkora biyyatiitti bakkeewwan adda addaatti umaman duuba jira jechuun TPLF himatu.














