Naannoo Tigraayitti tajaajilli bilbilaa fi interneetii adda cite

Madda suuraa, Ethiotelecom
Naannoo Tigraayitti tajaajilli bilbilaafi interneetii halakan edaa irraa eegale adda citeera.
Dhaabbati miti-mootummaa dhimma nageenyaa fi bulchiinsa interneetii irratti hojjetu 'NetBlocks' har'a obboroo irraa eegalee tajaajilli bilbilaa fi interneetii naannocharraa cituu ibseera.
Gama miidiyaatiin garuu yeroo ammaa TV'n naannoo Tigraay fi raadiyoon 'Dimtsi wayyaanee' jedhamu sagantaasaanii akkuma duraatti dabarsaa jiru.
Kaleessa irraa eegalee humnootiin nageenyaa heddumminaan naannoo Tigraay iddoowwan garaagaraa keessa haala duraan hin baratamneen socho'aa turan.
Har'a ganama ammoo Ministirri Muummee Abiy Ahmad dhaaba naannocha bulchu, TPLF, irratti tarkaanfiin akka fudhatamu labsaniiru.
Ministirri Muummee Abiy Karaa TV biyyattii wayita dhimma kanarratti ibsa kennan Raayyaan Ittisa Biyyaa bulchiinsa komaandi postiin hoogganamaa biyyasaa baraaruuf akka bobba'u ajaja dabarsaniiru.
Kaleessa galgala magaalaa Maqalee fi magaalattiirraa fageenya kiilomeetira 11 irratti kan argamtu Kuwiihaa keessatti sagaleen dhukaasaa heddumminaan dhagahamaa akka ture gabaasaan BBC Afaan Tigree nuun gaheera.
Hanga ammaatti gama mootummaa naannoo Tigraay irraa wanti jedhame hin jiru.














