‘Mootummaan Federaalaa humna fayyadamuuf qophaa’aa jira’-Dabratsihon Gabramikaa’el (PhD)

Mootummaa giddu-galeessaa waliin muddama keessa kan jiru mootummaan naannoo Tigiraay mootummaan Federaalaa “Tigiraay irratti tarkaanfii humnaa fudhachuutti ce’aa jira’ jechuun himate.
Bulchaan naannoo Tigiraay Dabratsihon Gabramikaa’el (PhD) ibsa har’a gaazexeessitootaaf naannichatti kennaniin, mootummaan Ministira Muummee Abiy Aimad (PhD) Tigiraay irratti tarkaanfii humnaa fudhachuu akka danda’u ibsuun ‘ummanni cimsee of qopheessuu qaba’ jechuun waamicha taasisaniiru.
“Dhiibbaawwan hedduu, duulawwan miidiyaa hedduu, ulee dinagdee nurraan gahaa ture osoo isa hinga’iin; amma ammoo humnaan ukkaamsa jechuun socho’aa jira. Mallattoowwan hedduutu jiru,” jechuun dubbatan.
Mootummaan Federaalaafi mootummaan naannoo Tigiraay, tokko isa kaaniin “seeraan ala” waliin jechuun hariiroo waliin qaban addaan kutuu erga ibsanii as muddamni lamaan isaanii gidduu jiru daran cimaa dhufee gara walitti bu’insaatti akka hin geessinellee sodaatameera.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad (PhD) dhiyeenya kana mana maree bakka bu’oota ummataa irratti dhiyaatanii yeroo dubbatanitti: Waldhibdee naannoo Tigiraay waliin uumame, “karaa seeraa qofaan kan deebi’u ta’a” jedhanii turan.
Jijjiirama caasaa raayyaa ittisa biyyaa tibba kana taasifame hordofuun, mootummaan naannoo Tigiraay tarkaanficha mormuudhaan ibsa baasuun isaas ni yaadatama.
‘Aangoon mootummaa Federaalaa ALI Fulbaana 25, 2013 waan dhumateefi fudhatama seeraa waan hin qabneef, caaseffama raayyaa ittisa irratti jijjiirama taasisuu hin danda’u’ jedhee ture mootummaan naannoo Tigiraay.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ammoo gamasaatiin ibsa mootummaa naannoo Tigiraay, “Faallaa Heera mootummaati” jechuun mormee ibsa baaseera.
Dr. Dabretsihon ibsa isaanii keessatti maal jedhan?
Dr. Dabretsihon, mootummaan Federaalaa Tigiraay irratti tarkaanfii humnaa fudhachuuf qophaa’aa jiraachuu “mallattoowwan agarsiisan jiru” jechuun dubbatan.
“Mallattoowwan, qophiiwwan jiru. Mallattoon tokko, raayyaan akka miira of eegannoon turuuf itti himameera,” jechuun odeeffannoo bal’aa garuu hin kennine.
Fedhiin angafaa mootummaa naannoo Tigiraay nageenya ta’uu ibsuun, “Ta’us garuu nutis raayyaa qopheessineerra, milishoota keenya qopheessineerra, human addaa keenya qophessineerra. Waraana hambisuudhaaf qopheessine. Waraanuun kan nurra jiraatu yoo ta’e garuu, injifannoon galuuf qophoofneerra,” jechuun dubbatan Dr. Dabretsihon.
Biiroon Nageenyaa naannoo Tigiraay fuula Feesbuukii isaarratti, “Humnoonni faallaa jiraachuu keenyaa ifatti walitti qabamaa jiru,” jechuun barreesseera.
“Walitti qabamni” kun kan eenyuufi eenyuuti isa jedhu Biiroon kun kan hin eerre ta’us, Dr. Dabretsihon ibsa isaaniirratti mootummaa Ministira Muummee Abiy Ahmad (PhD) fi mootummaa Ertiraa waliin ta’uun Tigiraay irratti shiraa akka jiran ibsaniiru.
Biiroo Nageenyaa naannoo Tigiraay itti dabaluun, “Jiraachuufi nageenya Tigiraayiif jecha of eegannoorra jirra,” jechuun barreesseera.
Naannoo Tigiraay bulchaa kan jiru TPLF, guyyoota lamaan dura walga’ii koree giddu-galeessaa kan gaggeesse yoo ta’u, “Murteewwan ijoo” dabarsuu isaa ibsullee: haala kanaan dura hin baramneen murteewwan ijoodha jedhaman kanneen ilaalchisuun wanti ifatti hinbeeksiifne.
Himannaa motummaan naannoo tigraayi dhiyeessuu kananrratti deebii argachuuf jecha Waajira Minnisteera Muummeefi Dubbi Himaa Humna Ittisa Itoophiyaatti bilbilluu illeen bilbilli nuuf hinkaasiin hafaniiru.













