International Crisis Group: Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa mootummaa federaalaa fi TPLF akka araarsuuf yaada dhiyeesse

MM Dr Abiy fi Dr Dabiratsiyoon

Madda suuraa, EPRDF OFFICIAL

Dhaabbanni International Crisis Group jedhamu Ministirri Mummee Itoophiyaa fi mo'ataan badhaasa Noobeelii Abiy Ahimad, dubbiisaanii araaraafi walitti dhiyeessuu, dhimma Tigraay irratti, gara hojiitti akka jijjiiran waamicha dhiyeesse. .

Dhaabni kun wal dhabdee jiru laaffisuuf barbaachisaa yoo ta'ee dureewwan Gamtaa Afriikaa ykn biyyoota Afriikaa jaarsumaa keessatti hirmaachuu ni danda'u jechuu isaatiin alatti, keessattuu dura taa'aan Gamtaa Afriikaa ammaa pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa gahee murteessaa bahuu danda'u jedheera.

Dhaabbatichi haala yeroo Itoophiyaa keessattuu wal dhabdee mootummoota jidduugalaafi naannoo Tigrayi jidduu jiru irratti xiyyeeffachuun xiinxala fuula 14n baaseen, nageenyi dhabamuun naannoo Oromiyaafi waldhabdeen mootummaan jidduugalaafi kan naannoo Tigraayi jidduutti argamu haala mariitiin hiikamuu qabaata jedheera.

Kun ta'uu yoo baate garuu, cee'umsi siyaasaa abdiin irra kaa'amee ture, guufuun mudachuu danda'a jechuun yaaddoo isaa ibseera.

Nageenyi dhabamuun magaaloota Oromiyaa dhiheenyatti mullatan, ce'umsa biyyattiin eegalte balaarra buusuu dhimma danda'uudha jedheera dhaabbanni kun.

Hayyoonni naannoo Tigraayi mirgi ofiin of bulchuu naannoo keenyatti filannoo gaggeessuuf nu dandeessisa ejjannoo jedhu qabachuun, mootummaan federaalaa gama isaatiin ammoo kana akka hinhayyamne ibsuun waldiddaan umamuu ibseera.

Qaamooleen lamaanuu waldiddaa siyaasaa gidduusaanii jiru akka laaffisaniif gaafateera.

Ejjannoo qaamooleen lamaan qabatan kan kaa'e Intarnaashinaal Kiraayisiis Girooppi kun, motummaan jiddugalaa TPLF irraan dhiibbaa taasisuuf yaalaa akka jiru kan caqase yoo ta'u, TPLF gama isaatiin filannoo nan gaggeessa jedhuun dhaadachuu ibsa.

Haa ta'u malee akka dhaabbata kanaatti ejjannoon qaamooleen lamaanuu qabatan kan baasuu miti - marii waliinii hin jajjabeessu jedha.

Qaamooleen lamaanuu ''qarqara alayyaatti adeemaa jiru'' kan jedhe dhaabbattichi, wal jibbuufi wal diddaan Badhaadhinaa fi TPLF jidduu jiru egeree biyyattii kan dukkaneessuudha jedheera.

Gabaasni kun filannoon wal qabatee yaaliin aanga'oonni Tigiraay irraa buufachuuf taasisaa turan balaafamaadha erga jedheen booda, MM Abiyyis oggannaa biyyaafi badhaafamaa noobeelii nagaa waan ta'aniif, irra caalaa kaka'umsa fudhatanii haasaa araaraa isaanii gara hojiittii akka hiikaniif gaafateera.

Atsixaa dhaabbatichaa

Madda suuraa, ICG

Mormiitootaafis ta'ee paartii TPLF kan amma faallaa isaanii dhaabbataniif carraa araaraa akka mijeessaniif yaadachiisaniiru.

Wal dhabdee motummaa jidduugalaafi TPLF jidduu jiru laaffisuuf, gareen jaarsummaa Waxabajjii keessa eegalee akka ture kaasa dhaabni kun.

Haa ta'u malee ejjannoo cimaa qaamooleen lamaan qabataniin, jaarsummaa kana gara qaamaa olaanutti dabarsuun barbaachisuun hinoolle jedheera.

Tarii aanga'oonni biyyoota Afriikaafi kanneen maqaa gaarii qabaniifi Ministira mummee Abiyyifi TPLF waliin walitti dhiheenya qaban osoo jaarsummaa keessa galanii gaarii ta'u danda'a jechuunis yaada dhiyeesseera.

Haa ta'u malee jaarsoonni dhufan motummaan Itoophiyaa ilaalchi jidduu galumsa qaama biyya alaa xiyyeeffannaa keessa galchuun, aanga'oota Afriikaa jaarsa ta'aniif kan tooftaafi of eeggannoo guutame ta'uu qabaata jechuunis yaadachiseera.

Haala kanaanis dura taa'aan Gamtaa Afriikaafi Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa gahee gaarii bahuu danda'u jechuun abdii taasiseera garee kun.

'Daandii walakkaa?'

Aanga'oonni biyyootaa dhaggeettii qabaniifi jaarsummaa keessatti hirmaatanis jalqabarratti bulchiinsi MM Abiyyi tarkaanfii loltummaa hafee dhiibbaa faayinaansii kamiyyuu akka TPLF irraan hingeenye gorsuu qabaatuus jedheera dhaabbatichi.

Haaluma walfakkaatunis aanga'oonni Maqaleetti argamanis yaada filannoo gaggeessuu isaa akka dhaabuuf akka gaafatamu yaada dhiyeesseera.

Haa ta'u malee qaamoolee lamaan ejjannoo cimaa qabatanii jiran kanneen gara daandii walakkaatti deebisuun salphaa akka hintaane ni eegamas jedheera.

Naannoon Tigraayi filannoo gaggeessuuf aangoo guutuun qaba yoo jedhe, adeemsawwan seeraa hunda sirriin itti fayyadamuu qabaata jedha.

Fakkeenyaaf Mana maree federeshinii aangoo hiikaa heera mootummaa kennuu waan qabuuf, naannoolee ofiin filannoo gaggeessuu danda'u immoo gaggeessu hindanda'an dhimma jedhu irratti murtee dhumaa akka kennuuf naannoon ol iyyannoo dhiyeeffachuufi sarara seeraa akka hordofaniif gorsaniiru.

MM Abiy erga gara aangootti dhufanii booda paartiileen siyaasa naannoo afur waliinii ta'uun waggoota gara sodoommaa ta'uuf paartiin ADWUI biyya bulchuu turee, amma walitti baquun akka paartiin biyyaaleessa tokkochi hundeeffamu taasiseera.

Erga ADWUIn baqe booda gara paartii Badhaadhiinaa haaraa hundeeffameetti makamuu kan hinbarbaadneefi waltajjii siyaasa biyyattii keessatti dhiibbaa olaanaa qabaachaa kan ture TPLF, mootummaa federaalaa waliin waldhabdee keessa tureera.

Keessattuu filannoon biyyaaleessaa dhuma baatii kanaarratti gaggeeffamuuf ture erga sababii koronaavaayirasitiin yeroo biraatti akka dabarfamu taasifamu isaa TPLF cimsee kan mormee yoo ta'u, naannoo bulchu keessatti qofaatti filannoon gaggeeffadha jechuunsaa wal dhabdeen ture caalaa akka itti jabaatu taasiseera.