Faanaa Biroodkaasting tamsaasa Faanaa Maqalee adda kute

FBC

Madda suuraa, FBC

Ibsa waa'ee suuraa, FBC

Faanaa Biroodkaasting Korporeet tamsaasa isaa Naannoo Tigraay Magaalaa Maqaleeti buufata FM’n tamsaasaa ture har’a ganama eegalee adda kutuu isaa ripportarri BBC mirkaneesse.

Gaazexessaan BBC Abbaan Taayitaa Biroodkaastingii xalayaa buufatichaaf barreesse gaazexeessitoota midiyichaarraa argee akka hubatetti kaleessaa eegalee tamsaasni akka cite kan ibsame yoo ta’u, biiroonis akka cufame beekameera.

Gaazexessaan FM Faanaa Maqalee kan ta’e Yonaataan Gazzaahany BBC’f akka himetti hojjettoonni dhaabbatichaa afur Jimaata darberraa eegalee hojiifi miindaarraa dhorkamu isaanii xalayaan ibsu isaan harka gaheera.

Kana dura waldhibdee dhalateen Hojii gaggeessaan FM Faanaa Damee Maqalee hojiirraa kaafamuun isaanii ni yaadatama.

BBC’n Daarektara dameewwan Fana Biroodikaasting Korporeet kan ta’an Obbo Solomoon Gammadaa irraa odeeffachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.

Obbo Solomoon qondaaltota dhaabbatichaa waliin mari’atanii Kibxata waaree booda akka nutti dubbatan nutti himanii turani.

Dameen Faanaa Maqalee jiru hojjettoota 32 qaba ture. Dhaabbatichi gaaffiin mirgaafi kaan hojjettoonni kaasan fuuladuratti akka deebi’uf ibsu isaa hojjettootarraa odeeffanneerra.

Gama kaaniin, xalayaa dhaabbatichatti barraa’en walqabatee Abbaa Taayitaa Biroodikaastingii Itoophiyaa irraa odeeffannoo bilbilaan argachuuf yaallus bilbilli hin kaane.

BBC’n FBC fi Abbaa Taayitarraa yaada isaanii argachuf yaalii taasisu kan itti fufu yoo ta’u, akkuma arganneen isin biraan geenya.