Koronaaaayiras: Yaaddoo cimaa miidiyaalee maxxansaa Itoophiyaa mudate

Gaazexaawwan sababoo koronaatiif rakkinni mudachu himu

"Gaazexaan kana dura fuula 150 qabu torbee kana fuula 70 qofa irratti maxxanfame," jedhu hogganaa olaanaan gaazexaa Ripoortar /Media and Communications Center/ Obbo Amaara Aragaawii.

Dameen miidiyaa maxxansaa Itoophiyaa kanaan dura dhiibbaa mootummaatin guddinnisaa qancaraadha jedhamu ammammoo dhibee biyyaalee addunyaa weerare Koovid-19n lamsha'uutti jira jedhu ogeeyyiin miidiyaa BBCn haasofsiise.

Miidiyaalen kun yeroo hammaataa kana cehuuf Waajjira Ministira Mummee, Abbaa Taayitaa Brodkaastii, Baankii dabalatee qaamolee garaagraaa walin mari'achaa akka jiran Obbo Amaaran BBCti himan.

Miidhaan Koovid-19 maxxansitoota qofaan hin daangeffamne. Raabsitootni fi namootni gurgurtaa maxxansaalee hojjetanis rakkinicha qooddachaa jiraachuu dubbatu.

"Erga dhukkubni kun dhufee hojii hin qabnu. Hojiin baay'ee gadi bu'ee jira. Gaazexaa ni baasna garuu namni dubbisus ta'e bitu baay'inaan hin jiru" jedha dargaggeessi naannoo Araat Kiilo jedhamutti gaazexaa kireessuu fi gurguruu kan hojjetu Zannaba Kumaa.

Sodaa Koronaavaayirasirraa ka'un namootni heddu gaazexaa harkaan qabuufillee akka ifatan kan himu dargaggoo Zannaba "mana ooluurra jenneeti malee hojiin hin jiru" jechuun yaaddoo jireenyaasaatti aggaamame hima.

Midhaa Kallattii Hedduu…

Dhibeen Koronaavaayiras dameelee garaagaraa miidhaa kan jiru ta'uu isaatin miidhaan miidiyaalee maxxansaa irra gahaa jirus heddu ta'uutu himama.

Kunneen keessaa galiin beeksisaa miidiyaalen kunnen argatan cufamuu dhaabbilee garaagaraatin hir'ateera.

Kun immoo lakkoffsi maxxansaa/koppii fi baay'inni fuula miidiyaalee maxxansaa akka hir'atu dirqisiisuu isaatu himama.

"Dubbistootni tokko tokko shakkuu eegalaniiru. Waraqaa tuquun dhibee ni daddabarsamoo hin daddabarsu yaada jechuun raabsitootni tokko tokkos shakkuu eegalaniiru" jedhu hogganaa olaanaan Ripoortar Obbo Amaara Aragaawi.

Rakkinichi haala kanaan kan itti fufu yoo ta'e mindaan hojjettootaa, kiraan manaafi basin maxxansaa yaaddoo ta'us ni himu.

Mala raabsaa waggaa dheeraaf ture akka qaban kan himan fi yeroo gabaabaatti rakkoon isaan muddachuu akka hin dandeenye kan himan itti aanaa hoji raawwachiisaa olaanaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa Obbo Wandim Takluu, adeemsa raabsa gaazexaa gara naanolee garaagaraatti taasifamun aanaalee tokko tokkotti rakkoolen isaan mudachuu himan.

Nama gaazexaa daandiirratti gurguru

Mariifi Iyyata

Obbo Aragaawii Amaara dura taa'aa Mana Maree Miidiyaa Itoophiyaa ta'uunis tajaajilaa kan jiran yemmuu ta'u rakkoo sababa dhibee Koronaavaayirasin miidiyaalee maxxansaarra gahaa jiru furuuf gama Waldaa Maxxansitoota Preesii Dhuunfaa Waabiitin Dhaabbata Maxxansaa Birhaaninaa Salaamif iyyata galchuu isaanii himan.

Kunis dhaabbatichi tajaajila maxxansaa liqaadhaan akka kennuf akka ta'e fi dhaabbatichis fedhii qabaachuu isaa dubbatan.

Gama baankiitinis liqaan akka kennamuf gaafachuu isaanii Obbo Amaara Aragaawi himan.

Rakkinichi miidiyaalee maxxansaa qofa osoo hin taanee miidiyaalee broodkaastii irratti kan aggaamame ta'uusaa fi rakkinicha ce'uuf immoo mariin barbaachisaa ta'uu Obbo Amaara dubbatu.

Mariin kun immoo miidiyaalee gidduutti, miidiyaalee fi mootummaa akkasumas qaamolee garaagaraa gidduutti ta'uu akka qabus himu.

"Yeroo rakkoo fi dhibeen hammaataa jiru kanatti miidiyaalen yoo cufaman hawaasni odeeffannoo argachuu qabu waan hin argannef hojii keenya osoo hin dhaabin mari'achuu qabna" jedhu.