MM Abiy Ahimad: 'Diraamaan waraana wal waliinii yaadamee ture fashalaa'eera'

Madda suuraa, Screenshot/ebc
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad guyyaa kaleessaa ajajoota Raayyaa Ittisa Biyyaafi Poolisii federaalaa akkasumas Abbaa Alangee waliin marii taasisaniin guyyoota darban diraamaan siyaasaa guutuu biyyattii keessatti rakkoo uumuuf yaaliin taasifameera jechuun dubbatan.
Ajjeechaa weellisaa jaalatamaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee magaalaa Finfinnee fi kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti hookkara tureen lubbuun namota 80 oliifi qabeenyi barbadaa'u motummaan ibseera.
Marii fi gabaasa qaamoleen seeraa fi kaan dhiheessan irratti MM Abiy guyyoota darban diraamaan siyaasaa guutuu biyyattii keessatti rakkoo uumuuf yaaliin godhameera jechuun dubbatan.
''Kana keessatti qaamoleen nageenyaa federaalaafi naannolee abjuun duwwaafi diraamaan sun akka fashalaa'u aarsaa kaffalaniif galatoomuu qabuu'' jedhan.
Hooggansi waajjira bulaa rakkoon akka tasgabbaa'u hojjetanis jiru jechuun galatoomaa jedhaniiru.
''Diraamaa taatota hedduu qabu waan ta'eef bakka murtaa'erratti osoo hin daangeffamiin taateen kun akka deebii'ee hin uumamne bal'isnee qoranna'' jedhan.
MM Abiy yeroon isaa yeroo dhimma hidha laga Abbayyaa irratti marii murteessaa taasifnu waan taheef warra humna alaa waliin hojjetanii fi yaadaan falmanii mo'achuu hin dandeenyetu hookkara kana qindeesse jechuun himataniiru.
Akka kanaan duraa qeensa hin buqqisnu. Akka yakka isaanii amananiif reebnee miidhaa qamaa guddaa irraan hin geenyu. Ragaan walitti qabamee seeratti dhiyaachuun murtoo akka argatan gochuun ol aantummaa seeraa isaanitti agarsiifna jedhan.
Abbaan Alangee Waliigalaa Adaanach Abeebee fi Komishinarri Poolisii Federaalas taatee gidduu kana mudateerratti haala itti to'ataniifi tarkaanfii fudhatame irratti gabaasa dhiyeessaniiru.
'Dubbii Hacaaluun OMN irratti taasiseen booda itti dhaadatamaa turuu ragaa bilbilaa arganneerra'
Itti gaafatamtuun Waajjira Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa Adaanach Abeebee gabaasa dhiyeessaniin, ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwateen booda ragaalee garaagaraa walitti qabamaa turuu himan.
Ajeechaa weellisaa kanaan wal qabatee namootni afur to'annoo jala oolaniiru kan jedhan Aadde Adaanech, gareen qorannoo poolisii federaalaa, magaalaa Finfinnee fi Oromiyaa irraa walitti ba'uun qorannoo itti fufanii jiru jedhan.
Ajjeechaa kanaan namoota shakkamaniifi duubaan qindeessan irratti poolisiin ragaa funaanaa jiraachuu himan.
''Gaaffiifi deebii Haacaaluun dubbii dhugaa irratti hundaa'uun miidiyaa OMN irratti taasiseen namootni gaddan osoo lubbuun jiruu akka itti dhaadataaa fi doorsisaa turan ragaa bilbila isaa irraa arganneerra.
Namootni kunneen booda yeroo duutisaa dhagahamu immoo fira fakkaatanii socho'aa turan,'' jedhan.
Aadde Adaanech ajjeechaan raawwate kaayyoo siyaasaaf yaadamee akka tahe ragaan keenya ni agarsiisu jedhan. Ragaaleen keenya akka agarsiisanitti qaamoleen kunneen kanaan duras sabaa fi saba walitti buusuuf karaa miidiyaas hojjechaa turan jedhan.
Dabalataan reeffi isaa karaa irratti akka danqamu qaamni godhe reeffa fuudhuun gidduugala aadaa Oromoo galchuufi yeroo sana hoggansi naannoo namoota 10 tahu dhimma yeroo irratti waajjira paartii badhaadhinaa keessatti mari'achaa turuu himan.
Humni nageenyaa achi tureefi namootni hidhatanii isaan waliin turan waan jiraniif osoo karaa nagaa akka hiikkatan hin taasifamne tahe lubbuu hedduun baduu mala ture jedhan.
Isaanis walumaagalatti namootni 36 to'annoo jala ooluu himaniiru. Isaanis Obbo Baqqalaa Garbaa fI Jawaar Mahaammad fa'a kan keessatti argaman akka tahe himameera.
Aadde Adaanach uummanni haqa irratti amantaa akka qabaatuuf yeroo gabaabaa keessatti qaamolee kanneen irratti himata banuun akka murtoo argatan goonas jedhan.
'Miidiyaaleen sadii waraanaaf waamicha taasisaa turan'
Komishinarri Poolisii Federaalaa Indashaw Xaase ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaan booda magaalaa Finfinnee keessatti hookkarri guddaan akka ka'uuf qindaa'aa ture jedhan.
Ajjeechaan Hacaaluu saboota walitti buusuufi mootummaan kufeera hin jiru jechuuf itti yaadamee kan raawwatedha jedhan.
Qaamoleen kana qindeessan humni waraanaa wal qoodeera, hooggansi wal qoodeera, hogganoonni kaan hidhamaniiru jechuun akka biyyi gaggeessaa hin qabne fakkeessuun socha'aa turan jedhan.
Miidiyaaleen OMN, Asrat TV fi Dimtsi Wayyaanee jedhaman uummatni bahee akka wal waraanuuf waamicha taasisaa turan jedhan. Kanaaf tarkaanfiin irratti fudhatamee cufamuu himaniiru.
Waraana walii waliinii Ruwaandaatti ka'ee duguuggaa sanyii dhaqqabsiise ibsuun miidiyaaleen kunneen gochaa akkasiif waamicha taasisaa turan jedhan.
Dabalataan ajjeechaa Haacaaluun booda magaalaa Finfinnee keessa hookkara kaasuuf yaalamera kan jedhan komishiner Indashaaw, kanaafis garee Iskindir Naggaa himatu.
Kanaan duras saboota walitti buusuuf sochii guddaa taasisaa turuu himuun, mootummaan haa obsinu yeroo haa kenninuuf jechuun bira darbaa ture jechuun himan.
Ajjeechaa Haacaaluun booda hookkara Finfinnee keessatti ka'een lubbuun namoota darbuu himuun qabeenyis manca'eera jedhan.
Kanaan wal qabatee dura taa'aan Baaldaraas Obbo Iskindir Naggaa hidhamaniiru. Dabalataan, namootni yakka kanaan shakkaman magaalaa Finfinnee keessaa qofa 1,200 tahan to'atamuus himanii, isaan keessaa namootni gorfamanii gadhiifamuu qabaniifi kan himatamuu qabanis adda bahaniiru jedhan.
Hookkara tibbana Oromiyaa kutaalee garaagaraa keessa tureenis namootni to'annoo jala oolaniiru. Paartilee mormituu irraas hoggansaa fi miseensota ABO fi KFO gidduu kana hidhamuun isaanii gabaafameera.
'Uummanni inumaa uffee nuun jedhe'
Komishinar Indashaaw tarkaanfii fudhanne hundumaa karaa seera qabeessa taheen raawwanne jedhan.
Wayita mana shakkamtootaa sakattaanes isaanuma waliin deemuufi mana murtii irraas ajaja baafachu himan.
Tarkaanfii fudhachaa jirru kana ilaalchisee uummanni maal jedha kan jedhus ilaalleerra kan jedhan Komishinarichi, inumaa uummanni ''boodatti harkifattan, uffee...'' jechuun yaada nuu kennnaniiru jedhan.
Dabalataan, akka kanaan duraa keessan immoo ''jaarsummaan furra'' jettanii kan yaaddan yoo tahe rakkoo kan qabu mootummaadha. Kanaaf, murtoo seeraa argachuu qabu jedhan jechuun komishinarichi ibsan.
Isaan kana haa jedhan malee hidhamuu namoota siyaasaa kanneeniif biyya keessaa fi biyya alaatti akka gadhiifamaniif mormiin gaggeeffamaa jiraachuu tibbana gaabaafamaa jira.
Hawwaasni Oromoo biyyoota garaagaraa jiraatan gidduu kana ajjeechaa Haacaaluu irratti raawwate balaaleffachuun, Baqqalaa Garbaa fi Jawaar Mahaammad fa'iis atattamaan akka gadhiifaman gaafataa jiru.
'Beellama Fulbaana 30tu ariifate'
Ministirri Muummee Abiy Ahimad qaamoleen yakka kana qindeessan warra humna alaa waliin hojjetaniifi miindaa isaanirraa argatanidha jechuun dubbatan.
Yeroon isaa dhimma Hidha Guddicha Abbayyaa irratti yeroo marii murteessaa irra waan jirruuf qaamni kun jalqaba hookkara kaasuuf kan yaade Fulbaana 30 irratti tahus yeroos nu hin fayyadu amma yoo tahe malee jechuun humni alaa waan ergama isaanii itti kennataniif ariifatanii amma raawwatan jechuun dubbatan.
'Isaan kunneen warra yaadaan falmanii mo'achuu hin dandeenye, warra jaarmiyaa ijaaruu hin dandeenyedha' jedhan.
MM Abiy gareen isaanii taatee Waxabajjii sadan darban irraa waan baay'ee baranneerra jedhanii, ammas of qopheessuu akka qaban himan.
Yeroon hojii paarlaamaa fi mana maree federeeshinii Itoophiyaa akkaataa heera mootummaan Fulbaana 30 kan xumuramu yoo tahu sababa weerara koroonaavaayirasiin filannoon gaggeeffamuu hin dandeenye.
Sababa kanaan heera mootummaa irraa keewwatni akka hiikamu tahee yeroon filannoo dheereffameera.
Xiinxalaan siyaasaa fi miseensi KFO Obbo Jawaar Mahaammadii fi namootni siyaasaa biraa miidiyaa irratti Fulbaana 30 hundi keenya wal qixa mootummaan seera qabeessa tahe yeroo sana xumurama jechuun dubbatanii ture.
MM Abiyyii fi komishinarri poolisii Federaalaas Ibsa isaanii kana irratti Fulbaana 30 irra dedeebiin yeroo hookkaraaf qabame gochuun kaasaniiru.















