UN Itoophiyaatti hunduu haleellaa sabummaa raawwachuurraa akka of qusatu gaafate

Dhaabbata Mirga Namoomaa Biyyoota Gamtoomanii

Madda suuraa, eurodiaconia

Namni hunduu dargaggoota dabalatee haleellaa sabummaa irratti xiyyeeffatee fi jeequmsa yaaddoo nageenyaa jiru hammeessu danda'u raawwachuurraa akka of qusatan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Komishiniin mirga Namoomaa waamicha taasise.

Ibsa dhaabbatichi baaseen baaseen dhaabbatichi haalli nageenyaa Itoophiyaa keessumaa Oromiyaa keessaa erga Haacaaluu Hundeessaa ajjeefame nu yaddeessera jechuun humnootni nageenyaa tarkaanfii humnaa jabaa fudhachuu irraa akka of qusatan gaafateera.

Ajeechaan weellisaa beekamaa kanaa magaalaa Finfinnee dabalatee naannoo Oromiyaa keessatti mormii guddaa kaaseera. Mormiiwwan gariin karaa nagaa yommuu gaggeeffaman kaan ammo gara jeequmsaatti kan jijjiirame tahuu odeeffannerraa jedheera dhaabbatichi.

Akkaataa odeeffannoo nuuf kennameen naannoo Oromiyaa keessatti daandiin cufameera. Gamoowwan caccabsamuun kaan gubataniiru. Dabalataan magaalaa Finfinnee keessas dhukaasa qawwee dabalatee boombiin dhohuu odeeffanneerra jedha komishinichi.

Mootummaan mormii kana dhaabsisuuf jecha tajaajila interneetii waan addaan kuteef lakkoofsa namoota ajjeefamaniifi miidhamanii qulqulleeffachuun baay’ee ulfaataa itti ta'u ibseera.

Akka mootummaan jedhutti humnoota nageenyaa dabalatee namootni 80 ol ajjeefamaniiru.

Humnootni nageenyaa yeroo hiriiraa fi mormii kana tasgabbeessan tarkaanfii humnaa jabaa fudhachuu irraa of qusachuu akka qaban dhaameera dhaabbatichi.

Tajaajila interneetii addaan kutuun yaaddoo keenya biraadha kan jedhu dhaabbatichi mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu fi mirga odeeffannoo barbaaduu, fudhachuufi dabarsuu kan dhiibe tahuu ibseera.

Kun yaaddoo jiru daran hammeessa jedhe. Mootummaan osoo hin turiin tajaajila interneetii deebisuu qaba jechuunis gaafata.

Maatiin Haacaaluu Hundeessaas murtoo haqaa, fi dhugaa tahe argachuu qabu jedheera dhaabbatni kuni.