Waajjirri OBN Intarnaashinaal namoota ajjeechaa Haacaaluun dheekkamaniin caccabe hojii dhaabuu ibse

Waajjirii OBN Intarnaashinaal kan Ameerkaatti argamu namoota ajjeechaa artist Hacaaluu Hundeessaatiin dheekamaniin caccabe hojii dhaabuu ibse.
Ibsa boordiin dhaabbatichaa baasen yeroo hin beekamneef hojiisaa idilee adda kutuu ibseera.
Waajjirri biyya Ameerikaa bulchiinsa Minesotaa magaalaa Seent Aantonii keessa argamu kunis guyyaa Roobii waaree boodaa ajjeechaa Hacaaluu irratti rawwatame kanneen mormiif bahaniin caccabe.
Waajirrichi OBN Intarnaashinaal Ameerkaa amma cacabee kunis damee OBN biyya keessaa waggaan dura hojii eegale dha.
Hundeessaafi Daarektarri boordii OBN Intarnaashinaal ogeessi fayyaa Lalisaa Hiikaa BBC'tti akka himanitti wanti raawwate ''waan nama aarsudha,'' jechuun himan.
'Qabeenya namaa caccabsuu ta'ee saamuun sirrii miti. Biyyi kuni biyya seera qabudha. Waan goote hundumaan itti gaafatamta,' jechuun ibse.
Maaltu ta'e?
Akka Obbo Lalisaan jedhanitti, kanneen mormiif daanditti bahan fesbuukiidhaan kallattiin of waraabaa waajjira dhaabbatichi kireeffatee hojjetu deemuun caccabsan, akkasumas saaman.
''Wanti hafe hin jiru'' kan jedhan Obbo Lalisaan ''Meeshaa diiganii balleessani, balleessuu duwwaa osoo hin taane fuudhanii deemani. Kana jechuun hanna jechuudha,'' jechuun ibsu.
''Meeshaan gara dolaara kuma 70, ykn kuma 80 tti shallagamudha meeshaan fuudhatame, '' jedhu Obbo Lalisaan.
Erga kuni raawwatee booda qorattoonni bakkasitti argamanii qorannoo eegalaniiru. Ashaaraas fuudhaniiru jedhameera.
''Kan diinaati jedhani diiguuni baay'ee nama gaddisiisa. Miidiyaa kana ijoolle Oromootu keessaa hojjeta,'' jechuun waan raawwatameetti dhaabbatichi gaddu himu.
''Meeshaan haa badus. Garuu ani irra caalaa kanin gadde maali yoo jette biyya kanatti hojjettee jiraachuudhaaf yakkarraa bilisa ta'u qabda.''
Haa ta'u malee, dhimmichi poolisiin osoo hin taane mariidhaan akka furamuuf akka hojjetaa jiran hundeessaan akkasumas daarektarri boordii dhaabbatichaa BBC'tti himaniiru.
''Yoo danda'ame dubbiin kuni akka fagoo hin deemnes hojjechaan jira'' kan jedhan Obbo Lalisaan ''ummannis waan fuudhani akka deebisan'' gaafatu.
OBN fi OBN Intarnaashinaal
Waajjiirri OBN Intarnaashinaal erga miidiyaan OMN kan torban kana qondaaltonni motummaa waajjira isaa cufan, gara Finfinnee erga deeme booda kan banamedha.
Kaayyoon isaas hawaasa Oromoo diyaaspooraa tajaajiluudha. Seera Ameerikaa bu'uura godhachuun 'dhaabbata miti mootummaa' ta'unis kan hundeeffame.

Madda suuraa, OBN International
Walitti qabaan boordii dhaabbatichaa akka jedhanitti ''Itoophiyaarraa hamma tokko deeggarsa haa argatu malee, kan caalaatti isa deeggaran namoota dhuunfaati.''
Kunneenis, jijjiirama biyyattii keessa dhufe deeggaruu kanneen barbaadanidha jedhu.
Gaazexessaan miidiyaa kanaa ALamaayyoo Qannaa mudannoo tibbanaatiin booda hojii gadhiisuu isaa ibseera.
''Ajjeechaa Aartist beekaamaa fi jaalatamaa Oromoo Haacaaluu Hundeessaan wal qabatee hawaasni biyya alaa jiru miidiyaa kana irraa gammaachuu waan hin qabneef, anis fedhii kootiin gad dhiiseera,'' jechuun ibse.
Gaazexessaa Alamaayyoon ''OBN waliin gama editooriyaaliin'' akka waliin hojjetan hima. Ta'us, ''mootummaan kallattiin keessa hin seenu,'' jechuun BBC'tti hime.
Ibsa dhaabbatichi baase keessatti ''fedhii ofiin hawaasa diyaaspooraa tajaajiluuf hojjechuu malee mootummaaf hojjenna miti, mootummaanis nu hin hundeessine'' jedhaniiru miseensonni boordii dhaabbatichaa.
Waajjiricha caccabsuun kun maal akeeka?
Waggoota kurnan hedduuf magaalli yookiin bulchiinsi Minesotaa hawaasa Oromoo mormituu ta'aniif wiirtuu ta'un socho'aa ture.
Erga MM Abiy Ahimad aangootti dhufaniifi tarkaanfiiwwan dirree siyaasaa biyyattii babal'isu erga fudhatanii as ture hoggantoonni siyaasaa Oromoo waggaa dheeraaf ala turan biyyatti kan deebi'an.

Madda suuraa, FBC
Haa ta'u malee, xinxaltoota siyaasaan gaaffiiwwan ummata Oromoo moggaatti dhiiseera jedhamuuniifi dhimmoota birootiin MM Abiy Ahimad qeeqamu.
Ammas namoonni ajjeechaa artisiti Haacaaluun gaddan waajjira miidiyaa mootummaa tokkicha ala jiru kan dhaquun caccabsuun isaanii mormiirraa darbe mootummaaf ergaa dabarsullee qabaa laata?
''Miidiyaa Mootummaati jedhanii waan yaadaniif'' caccabsani jedha gaazexessaa Alamaayyoo kana dura OMN'f hojjetaa ture.
Ibsa boordiin dhaabbatichaa baasen garuu 'mootummaa waliin walitti hidhiinsa hin qabnu' jedheera.
Dhalattoonni Oromoo ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa morman guyyoota imuraasa darbaniif magaalota Awurooppaafi Ameerikaa garaa garaa keessatti mormii isaanii dhageessisaa jiru.
Bakkeen itti imbaasiin Itoophiyaa irratti 'miidhaa' qaqabsiisuuf kaka'anis akka ture gabaafameera,
Fakkeenyaaf Imbaasiin Itoophiyaa kan Landan jiru 'miidhamuu' ibsamee ture. Kan Faransaay jirus alaabaan Itoophiyaa buusuuf yaaliin taasifamutu himame.
Akkasumas siidaan mootii H/Sillaasee magaalaa Landan jirus kanneen gadda ajjeechaa Hacaaluun hiriira bahaniin diigamuun isaa ni yaadatama.















