Siidaan mootii H/Sillaaseefi abbaa isaanii namoota ajjeechaa Hacaaluun dheekkamaniin diigaman

Siidaa abbaa mooii H/Sillaasee,Raas Mokonniin W/Mikaa'el magaalaa Hararitti jige

Madda suuraa, Social Media (L) & Getty Images (R)

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaa abbaa mooii H/Sillaasee,Raas Mokonniin W/Mikaa'el magaalaa Hararitti jige

Namoonni ajjeechaa weellisaa Hacaaluu Hundeessaarratti raawwateen aaruun mormiidhaaf daanditti bahan siidaa mootii Haayilasilaasee Landaniitti kan abbaa isaanii ammoo Magaalaa Harariitti jijjigsaniiru.

Siidaan mootii Haayilasillaasee biyya UK kan magaalaa Landan namoota ajjeechaa wallisaa Haacaluu balaaleefataniin diigame.

Akkasumas siidaan abbaa mootichaa kan ta'an kan Raas Mokonniin W/Mikaa'el Baha Itoophiyaa magaalaa Harar jiru gidduu kan jigfamaneera.

Weellisaa Hacaaluu Hundeessaan jalqaba torban kanaa magaalaa Finfinneetti erga ajjeefamee booda namoonni kana mormuun daanditti bahanii mormii isaanii dhageessisaa jiru.

Mormiin kuni namoota ajjeechicha balaaleeffataniin biyya keessaafi biyya alaa gaggeefameera.

Haaluma walfakkaatuunis siidaan mootii Minilikii kan Magaalaa Finfinnee jirus poolisiin eegamaa akka ture BBC'n mirkanesseera.

Haa ta'u malee, mormiin kuni bakkeewwan gara hookkaratti jijjiirames qaba. Akka poolisiin jedhutti hanga yoonaa namoonni 81 ta'an lubbuu isaanii dhabaniiru.

Waajjiraalee mootummaa gubuu dabalatee gareedhaan walitti bu'uun akka ture poolisiin himeera.

'Siidaan Hacaaluu akka dhaabbatu gaafachaa turan'

Hacaaluun ajjeefamuun isaa erga ibsame booda guyyaa Kibxataa ganama naannoo sa'aatii sadii booda ture dargaggoon magaalaa Hararitti wal arguun siidaa mootii Raas Mokonniin Walda Mikaa'el kan jijjigsan.

Raas Mikaa'el Wolde Mikaa'el (1852-1906 kan jiraatan) abbaa mootiicha H/Sillaasee yoo ta'an, lola Harariin to'achuuf taasifame booda kan Harar bulchaa turanidha.

Fira dhihoo mootii Minilikiisi. Siidaan tibbana jijjige kuni Meetir Artist Afawarq Takileen kanhojjatame yoo ta'u, Raas Mokonniin siidaa jijjige irratti fardarra taa'anii mul'atu.

Wayita siidaan sun jijjigsaneetti achitti argamu kan himu dargaggoon dubbisne ''kan cabee jiru lafatti harkisaa caccabsani,'' jedha.

Siidaa abbaa mooii H/Sillaasee,Raas Mokonniin W/Mikaa'el magaalaa Hararitti jige

Madda suuraa, Social Media (L) & Getty Images (R)

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaa abbaa mooii H/Sillaasee,Raas Mokonniin W/Mikaa'el magaalaa Hararitti jige

Akka dargaggoo kanaatti yeroo kuni raawwatu 'humnoonni nageenyaa dhihoo turan garuu homaa gochuu hin dandeenye.'

''Dhaabbataniiti ilaalan. Wanti godhan waan hin jirreef namuu aaraafi xiiqii keessa waan jiruf cabsine.

''Gumaa obboleessa keenya ni baafanna. Bakka kana siidaan Hacaaluu nuuf haa dhaabbatu'' jechaa turan yeroo jigsan,'' jechuun BBC'tti hime.

Ergasiis dargaggoonni sidaa caccabe hirachuun bakkee garaa garaa magaalota dhihoo magaalaa Harar jiran dabalee, fudhatanii qajeelu hima.

Gaafa kuni raawwate rakkoon nageenyaa magalaa Harar keessa mudachuun hin gabaafamne. Haa ta'u malee, bulee isaa waraanni bakkatti sosso'u jiraattonni himaniiru.

Hacaaluufi siidaa maaltu walitti fide?

Hojiiwwan aartii keessumaa hiika siyaasaa qaban hojjete keessatti Weellisaa Hacaaluu Hundeessaan fiwudaalota Itoophiyaa qeequun beekama.

Torban dura gaaffiifi deebii miidiyaa biyya keessaa OMN waliin taasiseen 'fardi mootichi Miniliik magaalaa Finfinnee keessa irra taa'e mul'atu kan Oromooti' jechuun dubbatee ture.

Dubbiin kuni miidiyaa hawaasummaa gubbaa ijoo dubbii ta'e ture. Kanneen kana mormaniis qeeqa isaanii irratti dhiheessaa turan.

Hanga yoonaa Hacaaluun sababni itti ajjeefame ifa ta'u baatus kanneen mormiif daanditti bahanii siidaa mootota durii jigsan garuu qeeqa dhiheenya kenneen walqabsiisu.

Siidaa Mootii H/Sillaase Landanitti jige

Maqaa mootiin xumuraa Itoophiyaa H/Sillaaseen siidaan bakkeewwan garaa garaatti ijaarameera. Waggaa durallee Gamtaan Afrikaa siidaa isaaniif dhaabee ture.

Haa ta'u malee, siidaan mootii H/Sillaasee biyya UK magaalaa Landanitti argamu namoota ajjeechaa Hacaaluu irratti raawwate mormaniin gaafa Kibxataa Waaree booda jigeera.

Siidaan kuni bara 1936 weerara Xaaliyaanii hordofuun mootichi gara Ingilizii baqachuun bakka yeroo muraasaaf keessa jiraatan yaadachuuf ijaarame.

Siidaa magaalaa Landan bakka Winbildan paarkii Kaanizaaro jedhamutti argamu kuni erga caccabee booda poolisiin bakkicha argamuun qorannoo eegaluu isaa miidiyaaleen biyyatti gabaasaniiru.

'Gama tokkoon seenaa waan ta'ef siidaa jigsuun hiika hin qabu kan jedhun yaada, gama kaaniin jigsuun isaaniif gammachuu fidaafi laata jedheen tilmaama,' jechuun yeroo jigsan namni argeefi Andiriiw Mooris jedhamu miidiyaa Pirees Asoosiyeeshif (PA) himeera.

Erga warri jigsanii deemanii booda gareen biraa siidaan jigu morman bakkicha argamuun mormii isaanii dhageessisaa turan.

Gama kaaniin, Imbaasiin Itoophiyaa magaalaa Landan jiru kanneen mormiif daanditti bahaniin 'miidhamuu' torban kana ibseera.

Ji'a dura lammiin Ameerikaa gurraachi Joorj Filooyid ajjeefamuun isaa erga ibsame booda kanneen gadda ibsachuuf daanditti bahan siidaawwan koloneeffattoota waggoota dheeraaf turan jijjiigsaa turuun isaanii ni yaadatama.