Obbo Mikaa'el Booran dabalatee miseensotni Hoggansa ABO hidhaman

Obbo Mikaa'eel Booran

Miseensonni hoggansaa ABO har'a sa'a booda mana jireenyaa isaaniitii qabamanii hidhamuu Hayyuu Dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa BBCtti himan.

Obbo Daawud akka jedhanitti gorsaa olaanaa ABO kan tahaniifi miseensota hojii raawwachiistuu kan tahan keessaa Obbo Mikaa'el Booran, Kennasaa Ayyaanaa fi ammaaf lakkoofsa isaanii kan adda hin baasne miseensotni kaanis hidhamuu himan.

Namootni hidhaman hundinuu mana jireenyaa isaanii keessaa akka tahe kan himan Obbo Daawud humni nageenyaa isaan to'ate uffata poolisii magaalaa Finfinnee kan uffatan tahuu dhageenye jedhan Obbo Daawud.

Namoota har'a hidhaman keessaa hoggansa namoota lamaan dabalatee miseensonni biraas akka isaan bira turan nan beeka kan jedhan Obbo Daawud ''lakkoofsa isaanii sichi adda baasna'' jedhan.

''Namootni kunneen yeroo hidhaman manni isaanii akkam tahe kan jedhu hin barre'' kan jedhan Obboo Daawud ''waajjiraalee ABO bakka garaagaraa jiran irras miidhaan dhaqabuu dhageenya'' jedhan.

Miseensonni isaanii kunneen eessatti akka hidhamanis akka hin beekne himaniiru.

Magaalaa Finfinnee keessas sodaa guddaan waan jiruuf ammaaf baanee barbaaduu hin dandeenye jedhan. Haalli hidhaa hoggansaa fi miseensota isaanii hedduu akka isaan yaddesses himaniiru. Kanaaf ammoo humna nageenyaa mootummaas komatu.

Miseensonni Gumii Shanee ABO kanaan duras mana isaanii keessaa humna nageenyaan qabamanii hidhamuun booda gadhiifaman. Isaan keessaa Obbo Abdii Raggaasaa, miseensi Gumii Shanee ABO ammayyuu mana hidhaa jiru.

Weellisaa Haacaaluu Hundeessaa erga ajjeefameen as Kibxata darbes miseensota KFO Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee namootni 35 hidhamaniiru.

Obbo Baqalaa Garbaa fi Obbo Jawaar Mahaammad kaleessa mana murtiitti dhiyaachuun poolisiin yeroo qorannoof guyyoota dabalataa gaafatee beellamni akka kennames himameera.

Haa tahu malee abukaatoon isaanii akka dhaabatu gaafatamee isaan arguu akka hin dandeenye paartiin isaanii ibseera.

Dabalataan Finfinnee keessatti hookkarri akka ka'u taasisuun kan shakkamee to'annoo jala oole dura taa'aa paartii Baldaras Obbo Iskindir Naggaati

Kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaan booda hookkara ka'een namootni hedduun to'annoo jala oolaa akka jiranis himama. Lubbuun namoota 80 olii darbuun namootni dhibbatti lakkaa'aman akka madaa'aniifi qabeenyi hanga ammaatti tilmaamni isaa hin ibsamne barbadaa'uus mootummaan ibseera.