Manni Maree Naannoo Tigraay muudama aanga'oota Komishinii filannoo shan raggaasise

Obbo Muluwarqi Kidaana Maariyaam

Madda suuraa, ABEL GUESH

Ibsa waa'ee suuraa, Komishinara tahuun kan filaman Obbo Muluwarqi Kidaana Maariyaam

Manni Maree bakka bu'oota Ummataa Tigraayi walgahiisaa addaa har'a (Kamisa) taa'een filmaata sadarkaa naannootti gaggeessuuf jiruuf muudama hojii raawwachiftoota Komishinii filannoo raggaasise.

Naannichi dhuma baatii Hagayyaatti sadarkaa naannootti filannoon akka gaggeeffamu hojjataa jiraachuu ibsuun isaa ni yaadatama.

Komishinii Filannoo hundeeffameefis miseensota filachuuf guyyoota dabraniif uummatarraa eeruu sassaabbachaa tureera.

Haaluma kanaanis Obbo Muluwarqi Kidaana Maariyaam Komishinara Komishinii Filannoo Naannoo Tigraayii ta'uun kan mudaman yoo ta'u, Aaddee Tsigeradaa Dibakulluu ammoo itti aantuu ta'uun filatamaniiru.

Obbo Marasaa Tsahaaya, Obboo Mahaamad Sa'iidi Hagoosii fi Dr Tsagaa Birhaan hojii raawwachiftoota ta'uun filatamaniiru.

Filannoo sadarkaa naannootti gaggeefamuuf jiru kanarrattis paartii naannicha bulchaa jiru TPLF dabalatee paartiileen mormiituu akka irratti hirmaatan eegama.

Sababa weerara koronaavaayirasiirraa kan ka'een filannoon biyyaalessaa erga yeroo hin beekamnetti dabarfameen booda naannoon Tigiraay filannoo naannoo isaa gaggeessuudhaaf murteeffachuun isaa ni yaadatama.

'Haga haalli mijataa uumamutti bordichi naannoo kamittuu filannoo hin gaggeessu'

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa naannichaarraa gaaffiin dhiyaatuufillee keessummeessuu akka hin dandeenye ibsee ture.

Boordichi gaaffii naannicharraa dhiyaateef wayita deebii kennutti ''Haga haalli weerara Covid-19 irra deebiin ilaalamee, haalli filannoo gaggeessuuf dandeessisu mijataan uumamutti bordichi naannoo kamittuu filannoo hin gaggeessu,'' jedhee deebise.

Bordichi, filannoo sadarkaa federaalaa fi naannootti taasifaman hunda taasisuuf aangoo guutuu kan qabu Boordii Filannoo Biyyaalessaa akka ta'es irra deddeebiin ibsaa ture.

TPLF kanaan dura hooggantoota paartileen siyaasaa kan akka Saalsaay Wayyaanee, Baayitoonaafi Walabummaa Tigiraay waliin seera filannoo irratti mariyatanii turan.

Hanga ammaatti paartileen siyaasaa naannoo Tigiraay keessa socho'an keessaa Arenaa Tigiraayiifi Dhaabbanni Warraaqsa Dimokiraatawaa Tigiraay marii irratti hin hirmaanne.