Filannoo Itoophiyaa: TPLF sadarkaa naannootti filannoo gaggeessuuf murteessee

Madda suuraa, Fuula FB TPLF
Koreen hojii-raawwachiiftuu Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay (TPLF) sadarkaa naannootti filannoo gaggeessuuf murteesse.
Koreen hoji-raaawwachiiftuu walgahii guyyoota sadiif ALI Ebla 23-25, 2012 gaggeessaa ture wayita xumureetti ibsa baaseen, TPLF humnootii siyaasaa mirga ofiin of bulchuu ummata Tigraayiif beekamtii kennan waliin ta'uun filannoo naannoosaa gaggeessuuf qophii taasisuuf murteessuu iftoomse.
Kana malees, 'hojiiwwan mirga ummata keenyaa eegsiisuufi okkara ummamuu maluurraa ittisuu dandeessisan sadarkaa naannootti raawwachuuf qophiin akka taasifamuuf murtee dabasuu himeera.
Haaluma kanaan koreen hojii-raawwachiiftuu murteewwan itti aanan dabarseera:
1. Paartiin Badhaadhinaa sababa Heera mootummaa hiikuu jedhuun sochii ifatti jalqabe atattamaan akka dhaabu. Heera mootummaa hiikuun kan danda'amu haaluma bu'uura ulaagaa sirna heera mootummaatiin ifatti ta'een malee, fedhii gareen tokko umurii aangoosaa haala sirna Heera mootummaan ala ta'een dheereffachuu rawwatuun ta'uu hin danda'u jedheera.
Ibsichi dabaluunis 'kanaafu, ariitiin sirna Heera mootummaa guutummaan guutuutti diiguudhaaf taasifamaa jiru dafee dhaabbachuun, kallattii weerara koronaavaayirasii ittisuurratti bifa qindaa'een gaggeessuutti haa deebii'amu jedheera. Akkasumas filannoo biyyaalessaas haaluma Heerri mootummaan kaa'utti karaa ittiin paartileen hundi miira abbummaa guutuutiin irratti hirmaataniin gochuudhaan biyya baddisarraa baraaruun akka danda'amuuf waltajjiin akka qophaa'u gaafata.
2. Barbaachisummaan waltajjiiwwan akkuma jirutti ta'ee, paartiin Badhaadhinaa filannoo bilisaafi ifa ta'e gaggeessuudhaaf gahumsaafi hamilee tokkollee hinqabu kan jedhe ibsichi, barbaachisummaa gurmaa'ina addaa haala kana raawwachiisuu danda'u uumuurratti waliigalteerra gahauun walabummaafi nageenya biyyaa kabachiisuudhaaf xiyyeeffannoo gahaa haalli itti kennamuu danda'uun filannicha gaggeessuuf qophiin taasifamu akka jalqabamu waamicha dhiyeessa.
3. Kun ta'uun hafee kan duraanuu paartii bulchaa jiru seeraan ala diigee ofii isaa akka dhaaltuutti of kaa'e paartiin Badhaadhinaa, Fulbaana 25 booda carraan aangoorra turuu isaa dhiphaa waan ta'eef sadarkaa rakkoo biyyattii furuuf rakkisaa ta'e keessa haalli itti galtu uumamuun isaa kan hin oolle ta'a jechuun akeekkachisa.
TPLF taateewwan akkasii kanarraa kan ka'een rakkoowwan uumamuu malan hambisuudhaaf carraaqqiiwwan biyaalessaa keessatti gahee isaa qajeelumaatiin bahachuudhaaf qophii ta'ullee, ummanni Tigiraay sirna Heera mootummaa haarsaa kaffaleen hundeeffate kan mirga ofiin of-bulchuu isaa mirkaneesseef, akka salphaatti akka jalaa gatamu hin hayyamu jedha.
Kanaaf jecha, ummata Tigiraayiifi humnoota siyaasaa mirga ofiin of bulchuu ummata Tigiraayiif beekamtii kennan waliin ta'uudhaan filannoo naannoo dabalatee, mirga ummata isa rakkoorraa baraaruudhaaf hojiiwwan dandeessisan sadarkaa naannootti qophiin akka taasifamuuf murteesseera jedheera
4. Saba, sab-lammoonniifi ummattoonni Itoophiyaa, akkasumas miseensonni mana maree bakka bu'oota ummataafi mana maree federeeshinii gocha sirna heera mootummaa eenyummaasaanii mirkanneesse ifatti diiguudhaaf taasifamu dhaabsisuudhaaf itti gaafatamummaa seenaa jalaa akka of oolchan waamicha taasiseera.
5. Dhumarrattis, dhaabni TPLF ta'e ummanni Tigraay ummattootaafi humnootii siyaasaa ajandaa walfakkaataa qaban waliin ta'uun sirna federaalaa sab-danansaa heerri mootummaa mirkaneesse baraaruudhaaf qabsaa'uudhaaf qophii ta'uu irra deebiin mirkaneessaa jedheera.
















