Koronaavaayiras: Filannoo achi butuu irratti qabxiiwwan MM Abiy dhiyeessan afran caalaa wanti fala ta'u jiraa?

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, SIMONA GRANATI - CORBIS

Sababa weerara koronaavaayirasiitiin filannoo Itoophiyaa Hagayya dhufutti karoorfamee ture gaggeessuun rakkisaa waan ta'eef yeroo biraatti dabarsuun filannicha gaggeessuun akka danda'amu mootummaan ibseera.

Filannoo biyyaalessaa kana gaggeessuuf haalota na dandeessisu jedhee itti amane afuris tarreesseera mootummaan.

Haalonni kunneen afranis mana maree bakka bu'oota uummataa diiguu, labsii yeroo muddamaa labsuu, heera mootummaa fooyyessuufi heera mootummaa hiikuudha.

Erga kaleessa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad (PhD) filannoowwan kanneen dhiyeessanii as namoonni siyaasaa tokko tokko karaan kun sirrii akka hin taane dubbachaa jiru.

BBC'n wanti badaafi gaariin filannoowwan mootummaan dhiyeesse afran irratti jiran maalfaadha jedhee biyya Nezarlaandis'tti Gorsaa Dimokiraasiifi Bulchiinsaa kan ta'an Dr. Aadam Kaasan Ababaafi Yuniversitii Oof Waashingitanitti barsiisaa seeraa kan ta'an Dr Heenook Gabbisaa dubbiseera.

Filannoo 1ffaan: Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa diiguudha

Akka Dr Aadam jedhanitti mana maree bakka bu'oota uummataa diiguu jechuun yeroon aangoo miseensotaa ni hobba'a jechuudha jedhan. Yeroo kanammoo mootummaan hojii guyyaa guyyaa qofa raawwata jedhu.

''Miseensonni mana marichaa haa bittannaa'aniyyuu malee kaabinoonni mootummaa hojiisaanii itti fufu,'' jedhan.

Heera mootummaa federaalaa keewwata 60 irratti filannoo haaraa gaggeessuuf jecha Ministirri Muummee manni maree bakka bu'oota uummataa osoo yeroonsaa hin goolabamin Hayyama mataasaatiin akka of diigu gochuu danda'u jedha.

Dr Aadam mootummaan filannoo gaggeessuuf haalota na dandeessisu jedhee dhiyeesse keessaa filannoon inni kun kan baasu ta'ee natti hin mul'atu jedhan.

Sababa isaas yeroo kaa'an,''Tokkoffaa, diigamuu mana maree booda mootummaan ni dadhaba, Heera mootummaa keewwata 60/5 jalatti paarlaamaan erga diigamee booda paartiin biyya bulchu hojii guyyaa guyyaa raawwachuufi filannoo gaggeessuu qofa malee seera baasuu ykn fooyyessuuf aangoo hin qabu jedha,'' jedhan.

''Fakkeenyaaf, yeroo ammaa rakkoon biyyattii harkaa qabu weerarri Covid-19 diinagdee hubaa waan deemuuf seerri fooyya'ee ba'u jiraachuu mala.

Gama hariiroo biyyoota alaatiinis fakkeenyaaf, atakaaroon Masirii waliinii hin furamne. Kanaaf, ammoo wiixinee seeraa fooyyessanii itti adeemuu gaafata. Paarlaamaan diigamnaan ammoo mootummaan aangoo sana hin qabaatu,'' jedhan Dr Aadam.

Dr Heenook Gabbisaa gamasaaniitiin paarlaamaan kan diigamuuf osoo yeroonsaa hin hobba'in filannoo haaraa gaggeessuuf malee aangoo mootummaa biyya bulchaa jiruu dheeressuuf miti jedhan.

Paarlaamaa diiguun filannoo gaarii miti kan jedhan Dr Heenook,''Manni maree kun diigame jechuun mootummaan diigameera akka jechuuti. Qaamolee mootummaa sadan keessaa paarlaamaan isa guddicha.

Kun diigamnaan seera baasuun hin danda'amu. Ministirootaafi miseensota kaabinee muuduunis hin danda'amu,'' jedhu.

Filannoo 2ffaan: Labsii yeroo muddamaa labsuudha

Heera mootummaa federaalaa keewwata 93 jalatti manni maree ministeerotaa labsii yeroo muddamaa labsuu akka danda'u kaa'a jedhu Dr Aadam.

"Labsiin yeroo muddamaa yoo labsame mootummaan mirgoota heera mootummaa irra jiran tokko tokko daangessuu danda'a.

Kanneen keessaa bara hojii paarlaamaa daangessuu danda'a, '' jechuun mootummaan akkamiin labsii yeroo muddamaa labsee filannoo achi butuu akka danda'u ibsu.

Mirgi filuufi filatamuu lammiilee daangeffamee bakka jirutti akkamiin filannoo amanamaa ta'e gaggeessuun danda'ama gaaffii jedhuu wayita deebii kennan Dr Aadam, ''Wanti ijoon filannoon taatee guyyaa tokkoo osoo hin taane gocha yeroo dheeraa fudhatu ta'uu beekuu qabna. Labsiin yeroo muddamaa hamma yeroo barbaachiseetti ni tura, isa booda labsiin ka'ee filannoon gaggeeffama.

Labsicha dirqama hanga filannoon gaggeeffamutti turuu hin qabu,'' jedhan.

Labsii yeroo muddamaa jalatti filannoon kan gaggeeffamu yoo ta'e garuu amanamummaafi walabummaan isaa gaaffii keessa gala jedhan.

Filannoo 3ffaan: Heera mootummaa fooyyessuudha

Mootummaan yeroo filannoo achi butuurratti filannoo gaggeessuuf heera mootummaa fooyyessuu qaba yaadi jedhu sirrii miti jedhan Dr Heenook.

''Rakkoon amma jiru mootummaan yeroo turtii isaa waggoota shan dabalataan ni dheereffataa kan jedhuufi filannoon ni gaggeeffamaa kan jedhuudha. Heera mootumaa fooyyessuun kanaaf deebii hin ta'u.

Fakkeenyaaf, mootummaan ji'oota ja'a dabalaan itti yaa fufu jechuudhaan heera mootummaa keessa galchuun hin danda'amu. Heera mootummaarra kan taa'u waan yeroo dheeraaf turuudha.''

Akka Dr Heenook jedhanitti dhimmi heera fooyyessuu dhimma qaama hundaati, fakkeenyaaf keewwati 39 akka haqamu kan fedhu jira, akka turu kan fedhus jira jedhan.

Akka heera mootummaa keewwatoota 104 fi 105'tti yoo qaamni hundinuu irratti hirmaate heerri mootummaa fooyya'uu danda'a.

Dr Aadam gamasaaniitiin heera mootummaa fooyyessuuf uummata dabalatee paartileen siyaasaa martinuuu irratti mari'achuu qabu jedhan. Kun ammoo yeroo fudhata jedhan.

Sodaa weerara covid-19 keessa osoo jirruu hawaasaafi paartii siyaasaa walitti waamanii mariisisuun balaa biraa fida jedhan.

Filannon 4ffaan: Hiikaa heera mootummaa gaafachuudha

Hiikkaa heera mootummaa gaafachuu jechuun maal jechuudha?

Mootummaan hiikkaa heera mootummaa gaafachuun filannoo dheeressuu kan danda'u akkamitti kan jedhuuf Dr Aadam akkas jedhan:

"Hiikkaa heera mootummaa jechuun yeroo gaaffiin heera mootummaa ka'u furmaata kennuu kan danda'u Mana Maree Federeeshiniiti. Mana marichaa kan deeggaru ammoo koreen heera mootumma to'atu jira.

'Lammiileen mirga filachuufi filatamuu qabu; heerri mootummaas barri hojii Mana Maree bakka bu'ootaas waggaa shan jedhee daangessa.

Haata'uu malee, haala ammaa keessa jirruun filannoo geeggessuu hin dandeenye; kanaaf maal gochuu qabna' jedhee Mana Maree Federeeshinii gaafata.

Hiikkaa heera mootummaa gaafachuu jechuun isa kana" jedhan.

Akka Dr Aadam jedhanitti garuu daangeeffamni waggota shanii Mana Maree Federeeshiniirratti hin hojjatu.

Kana jechuunis Manni Maree Federeeshinii gaaffii hiikkaa heera mootummaa kan gaafatu dhimma mataasaarratti.

Dr Aadam filannoo mootummaan dhiheesse keessaa "inni kun fooyyee qaba" jedhanii murteessuun ulfaataa akka ta'e ibsuun "murteen siyaasaa dhimmi fudhatamummaati.

Paartileen siyaasaafi mootummaan walii galu yoo ta'e filannoon kamuu hojiirra oolfamuu danda'a," jechuun goolabu.

Dr Heenook filannoodha jedhanii kan kaa'an mootummaafi paartileen siyaasa walitti fiduun osoo heerri mootummaa hin sarbamini paartileen mootummaan yeroo murtaa'eef bulchuu akka danda'u hayyamuufi murtee dabarsuu qaban kan jedhudha.

Kanaaf, mootummaan yeroo kanatti dirqama heera mootummaarratti kaa'aman bahuu qaba jedhu.