Boordii Filannoo Itoophiyaa: 'Riifarandamii Sidaamaaf bajata ramadee hojii eegaleera'

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhimma Riifarandamii Sidaamaafi caasaa boordichaa sadarkaa naannootti haaromsanii ijaaruu irratti miidiyaaleef ibsa kenneera.
Ibsicha kan kennan dura teessuun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Aadde Birtukaan Miidhaksaa filannoo riifarandamii uummata Sidaamaaf bordichi karooraa fi baajata qopheesse hojii eegaluufi jedhan.
Boru (Hagayya 30, 2011) irraa eegalee akkaataa filannoon ittiin geggeeffamurratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ni mari'atama jedhan.
Marii walitti fufiinsaan mari'atamuuf dhimmoonni ijoon raawwachiistota filannoo filachuu, qajeeltoowwan filannoo riifarandamii, yeroo filannoon itti geggeeffamu, mallattoolee filannoo fi maal ykn eenyuun akka bakka bu'anfaa ta'uu himaniiru.
Iddoo raawwachiistonni filannoo 8600 ol ta'an itti tursiifaman qopheessuu fi nageenyi isaanii akkamiin eegamuu akka danda'us ni mari'atama jedhan.
Boordiin filannoo kun Fulbaana 7, 2012 qaamolee nageenyaa naannoo fi federaalaa waliin akkaataa filannoo kana nagaadhaan xumuruun danda'amurrattis ni mari'ata.
Boordichi haaromsa waajjira muummeetti eegalee waajjiraalee sadarkaa naannoorra jiran 9'tti gadi buusuun waajjiraalee kanneen akka haaraatti gurmeessaa jira jedhan Aadde Birtukaan.
Hoggantonni waajjira damee naannoorra jiranii akkuma miseensonni boordii hoji-raawwachiistuu filatamanitti bifa qaamolee dhimmichi ilaallatu hunda hirmaachiseen akka ta'u hojjechaa jira jedhan.
Ulaagaa hoggantoonni waajjiraalee Naannoo ittiin filamanis boordichi ifa godheera.
Afaan hojii federaalaa fi kan naannoo keessatti filatamu sanaa dubbachuu kan danda'u, lammummaa Itoophiyaa kan qabuu fi miseensa paartii kamiiyyuu kan hin taane ulaagaa tarreeffaman keessa jira.
Namni ulaagaa boordichi kaa'e nan guuta jedhu dorgommiif galmaa'uu akka danda'us boordichi beeksiseera.













