Siyaasa Itoophiyaa: Tigraay sadarkaa naannootti filannoo gaggeessuuf bu'uura seeraa qabaa?

Haadha filannoo filataa jiran

Madda suuraa, Anadolu Agency

Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa bara kana baatii Hagayyaa keessa adeemsifamuuf ture sababii weerara koronaavaayirasiitiin akka achi siqu taasifame.

Dhaabni naannoo Tigraay bulchu TPLF kana dura irra deddeebiin filannoon biyyaaleessaa yeroo isaa eeggatee akka gagggeeffamu gaafataa ture.

Dhaabichi filannoon biyyaaleessaa Itoophiyaa bara kana gaggeeffamuu yoo baatee nuti sadarkaa naannootti filannoo gaggeessina tibbana fuula feesbuukii isaarratti ibsa baaseera.

Kana hordofuunis naannoon Tigraay filannoo mataa isaa gaggeessuu ni danda'aa? gaaffiin jedhu ka'aa jira.

Miseensa Koree Jidduugaleessaa TPLF kan ta'an Obbo Naggaa Taganyi ejjannoon dhaabichaa kun kan duraan ture ta'u eeranii, murteen haaraan murtaa'ee jiraachu isaa akka hin beekne dubbataniiru.

''Dhiheenyatti dhimma kanarratti hin mari'annee'' kan jedhan Obbo Naggaan, tarii miseensoonni hojii raawwachiiftuu mari'achuun barreeffamichi akka bahu yoo taasifamee ta'e ragaa kan hin qabne ta'u BBC'tti himaniiru.

Kana dura garuu biyyattii keessatti filannoon kan hin gaggeeffamne yoo ta'e, ofiin filannoo gaggeeffachuuf ejjannoo qabachuun, haala itti gaggeessuun danda'amurratti haalaan marii taasisuu isaanii BBC'f mirkanneessaniiru.

''Ammatti garuu dhimma kanarratti sadarkaa koree jiddugaleessaatti hin mari'anne'' kan jedhan Obbo Naggaan, ejjannoon TPLF akka filannoon gaggeeffamu qabu kan baatii saddeetiin duraa ta'u himu.

Haa ta'u malee dhimma kanarratti deebii argachuuf yaalii itti gaafatamaa midiyaafi komunikeeshinii paartiichaa argachuuf taasifne nuuf hin milkoofne.

Ofii eejjannoon TPLF kun bu'uura seeraa qabaa?

Dr Adam Kaase biyya Neezarlaandiitti gorsaa bulchiinsaa fi dimokiraasiiti. Angoon filannoo gaggeessuu, seerawwan filannoo baasuu, isa bahee ammoo hojiirra oolchuu kan mootummaa federaalaatiifi kan boordii filannootti jedhu.

Bu'uura kanaan aanga'oonni TPLF filannoo gaggeessuuf bu'uura seeraa hin qaban jedhu.

''Filannoo ilaalchiseee qabxiiwwan ifa ta'u qabaatan jiru jedheen yaada,'' kan jedhu oggeessi seeraa Obbo Efreem Taammiraat, kaayyoon filannoo inni muummeen lammiileen dhimmoota bu'uura ta'an irratti kallattiin ykn karaa bakka buutoota isaanitiin akka hirmaatan kan jedhu irraa kan maddee ta'u himu.

Kanaan kan ka'e, sirni filannoo diriiruunsaa, lammiilee mirga filachuufi filamu akka qabaatan dandeessisu ibsu.

Haaluma kanaanis boordiin filannoo biyyaaleessaa walaba ta'ee bu'uuruma heera motummaatiin hundaa'uu isaa dubbatu.

''Boordiin Filannoo Fereraalaa kunis dhaabbata dimokiraasiiti. Naannooleetti waajiraalee qaba. Bakka filannoon biyyaaleessaa hin gaggeefamneetti, sadarkaa naannootti filannoo gaggeessina jechuun, bakka dhaabbanni dimokiraasii federaalaa keessatti qooda hin fudhanneetti, ykn bakka hin taajjabneetti filannoon gaggeefamu yoo jiraate seera qabeessuummaa, walabummaafi bilisa ta'usaarratti gaaffii keessa gala,'' jechuun ibsu.

Filannoon akkasumaan guyyaa tokko deemamee kan filatamuu miti kan jedhan Dr Adam gama isaanitiin, ''dursa aanaaleen filannoo murtaa'u qabaatu" jedhu.

"Kan jiranitti fayyadamuu yoo jedhameyyuu isaanumtuu irra deebiin murtaa'u qabaatu. Akkasumas paartiileen siyaasaa galmaa'utuu barbaachisa,'' jechuun adeemsa isaa himu.

Erga paartiilee siyaasaa galmaa'anii boodalleen qophiin taasifamu qabaatan hedduun jiraachusaanii dubbatu.

Oggeessi seeraa Obbo Eefreen gama isaatiin, boordiin filannoo guyyaa filannoon itti gaggeeffamu kan dheereesse waan biyyattiin ittisa koronaavaayirasii keessa jirtuufiidha jedhu.

''Haala amma keessatti argamnuunis mirgootii siviiliifi siyaasaa hedduutuu uggurameera'' jedhu.

Mirgoota kanneen keessaayis tokko mirga filachuufi filatamuuti kan jedhan Obbo Efreem, murteen kunis kan heera mootummaatiin kaa'ameefi boordiin filannoos bu'uuruma heera mootummaa kanaatiin kan dabarse ta'u ibsu.

''Kanaafuu hanga haalli keessatti argamnu fooyya'ee gara jireenya idileetti deebinuutti waa'ee filannoo dubbachuuf buu'uura heera motummaa kan qabnu natti hin fakkaatu'' jedhu.

Dr Adam gama isaanitiin, mootummaan naannoo ykn TPLF filannoon gaggeeffadha osoo jedhee, gaaffiiwwan dhaabbanni sun bilisa ta'uu danda'aa? qaamoolee biraatiin amanamaa? dhaabbata akka boordii filannootti tajaajilu qabaa? jedhanii kaasuu, ''Ani garuu qaba jedhee hin amanu'' jedhaniiru.

Fallisaa maal ta'u qaabaata?

Obbo Eefremis ta'e Dr Adam, filmaanni waldhabdee siyaasaa umamee irratti mari'achuu caalu akka hin jirree dubbatu.

''Maddi rakkoo kanaa waldhabdee paartii haaraa Badhaadhinaafi TPLF ykn paartii duraan ture ADWUI jidduutti umameedha'' kan jedhan Dr Adam, ''tarkaanfiiwwan fudhataman seera kan cabsaniidha" jedhu.

"Yoo ta'e, lakkii ani filannoon gaggeeffadha jechuun osoo hin taane, gama koree qorataa heera mootummaa, achiinis gara mana maree Federeshinii deemuun hiikuuf yaaluu wayyaa,'' jechuun gorsu.

Kanaan alatti isaan seera waan cabsaniif nuti seera cabsiinaa yoo ta'e, kun isa dogongoramee hin sirreessu jedhu. Waldhabdeen siyaasaa seeraan osoo hin taanee murteewwan siyaasaatiin hiikamuu akka qabaatanilleen himaniiru.

Dhimma kanarratti ejjannoo boordiin filannoo qabu maal akka ta'e baruuf walitti qabaa boordii filannoo fi dubbi himtuu boordichaa dubbisuuf yaallulleen nuuf hin milkaayiin hafeera.