"Hegeree 'TPLF' kan murteessu kora seena qabeessa" - Dabratsiyoon Gabramikaa'el

የህወሃት መለያ አርማ

Madda suuraa, TPLF FB

TPLF seenaa isaa keessatti walgahii yaa'ii waliigalaa ariifachiisaa isa jalqaba guyyaa lamaaf turu Sambata Maqaleetti eegale.

Amma dura yaa'ii waliigalaa 13 kan taasise TPLF yaa'ii waliigalaa ariifachiisaa yoo waamu kun isa jalqabaati.

Sirna baniinsa kora kanaa irratti haasaa baniinsa kan taasisan, dura taa'aan 'TPLF' fi pireezidantii itti aanaan naannoo Tigraay Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el "kora seena qabeessa hegeree 'TPLF' murteessudha" jedhan.

Itti dabaluunis korri kun fedhii TPLF'n osoo hin taane haalli siyaasaa biyya Itoophiyaa dirqisiise kan waamame ta'uu dubbatan.

Hogganaan waajjira 'TPLF' fi miseensa koree qindeesituu korichaa kan ta'an Obbo Alam Gabrawaahid ajandaalee kora sanaa sadi ibsaniiru.

ADWUI'n diigamuu fi paartiin Badhaadhinaa hundaa'uun walqabatee koree jiddugaleessaa isaa sakatta'uu, Labsii filannoo haaromfameefi hariiroo ADWUI waliin qaban ilaalchisee bu'uura godhachuun dambii ittiin bulmaata paartichaa fooyyessuu fi haala yeroo irratti hundaa'uun jijjiirama barbaachisu taasisuudha jedhan..

Miseensota paartichaan alatti beektonni, jaarsoliin biyyaa, bakka buutonni sabaa fi sab-lammoota adda addaa 150 sirna baniinsaa fi cufiinsa yaa'ii kanaarratti ni hirmaatu.

Yaa'iin har'a eegale murteewwan dabarsuun boru xumurama jedhamee eegama.

Presentational grey line

Haaluma wal fakkaatuun koreen hoji raawwachiiftuu paartii Badhaadhinaa walgahii isaa jalqaba kaleessa taa'eera.

Dhimma koreen kun irratti mari'ate keessaa filannoon bara 2020 dhimma tokko akka ta'e miidiyaaleen biya keessaa gabaasaniiru.