Siyaasa Oromoo: Paartileen sadii 'Gamtaa Federaaliizimii Diimokiraatawaa' hundeessan

Marii paartilee mormituu Oromoo

Madda suuraa, Jawar Mohammed/Facebook

Paartileen Oromoo jajjaboo sadi, Addi Bilisummaa Oromoo, Kongirasiin Federaaliistii Oromoofi Paartiin Biyyaalessaa Oromoo gamtaa uummatan.

Sanada waliigaltee paartileen sadan walii mallatteessan eeruudhaan barruun 'Addis Standard' akka gabaasetti waliigaltee kana hogganoota paartilee sadaniitu Jimaata Amajjii 03 bara 2020 mallatteesse.

Paartileen sadan ifatti bahanii gamtaa uummachuus ta'e, maalirratti akka gamtaa uummatan miidiyaaf ibsa hin kennine.

Haata'u malee, qondaalli olaanaa ABO tokko waliigalteen mallatteeffamuufi Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beekamtii kenneefi akka galmeessu iyyanni galfamuu BBC'f mirkaneessee jira.

Presentational grey line

Dhimma kanarratti odeessaalee biroo:

Presentational grey line

'Addis Standard' sanada paartileen sadan walii mallatteessan argadhee dubbiseera jechuun akka gabaasetti, paartileen sadan sanadni waliigaltichaa wantoota paartileen sadan irratti walii galan boqonnaa sadiitti qoodeera.

Boqonnaan duraa waa'ee moggaasa maqaa gamtichaa wayita ta'u, sanadichi maqaa gamtichaa Afaan Ingiliziin "Coalition for Democratic Federalism", Afaan Oromoon, "Gamtaa Dimokiraatawaa Federaalistii" fi Afaan Amaaraan "ትብብር ለዲሞራክራሲያዊ ፌዴራሊዝም" jedhee kaa'a.

Afaan Oromoon gabaabbatee wayita waamamu 'Gamtaa' akka jedhamus gabaasichi ni eera.

Boqonnaan lammataa galmawwan gamtichaa kan hammate yoo ta'u qabxiilee torba tarreesseera.

  • Bu'aa filannoo bara 2020 paartilee sadanii irratti hundaa'uun, naannoorratti mootummaa waloo ijaaruu.
  • Filannoon bilisaa fi diimokiraatawaa akka ta'u mirkaneessuuf waliin hojjechuu.
  • Duula filannoo irratti leeccaloo maallaqaa fi meeshaa waliin qindeessuu.
  • Sadarkaa naannoo fi biyyaalessaatti paartilee biroo sagantaa siyaasaa wal fakkaataa qaban waliin hojjechuu.
  • Walitti bu'iinsawwan kutaalee biyyattii bakka adda addaatti mudatan furuufi waliigaltee biyyaalessaa uumuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin dalaguufi qooda isaanii bahachuu.
  • Hokkoraa fi wal hubannoo dhabuu filannoo booda uumamu hambisuuf waliin hojjechuu.
  • Sirna federaalizimii sab-daneessaa Itoophiyaa diimokiraatessuuf carraaqqii taasifamu tumsuu.

Boqonnaan sadeessoo sanadichaa seera ittiin bulmaata gamtichaa yoo ta'u qabxiilee jaha tarreessee jira.

  • Gamtichi seera ittiin bulmaataa maqaa seera qabeessa gamticha, Afaan hojii, teessoo waajjira muummeefi caaseffama gamtichaa of keessaa qabu akka qabaatu.
  • Caaseffamni gamtichaa mana maree, Koree hoji raawwachiiftuu, waajjira bulchiinsaa, oodiitii fi komiishinii seeraa akka qabaatu.
  • Sagantaa siyaasaa paartilee sadanii kan hammatu ta'ee paartileen sadan qaama of danda'an akka ta'an.
  • Gamtichi fooyyeffamuuf banaa akka ta'eefi waliigaltee paartilee sadanii irratti hundaa'uun walitti makamuun dhaaba tokko ta'uunis ta'e, adda bahuun akka danda'amu.
  • Paartileen sadanuu waliigalticha mallatteessuu isaanii.
  • Gamtichi labsii 1162/2011 keewwata 94 bu'uura godhachuun guyyaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa waraqaa ragaa beekamtii kenneef irraa eegalee qaama seera qabeessa akka ta'e.

Galmi gamtichaa maali?

Dura Teessuu Itti- aantuun PBO Aadde Seenaa Gonfaa wal ta'iinsi paartilee sadanii ''akkaataa itti sagaleen ummataa osoo hin burjaaja'iin gatiirra oolee mootummaa ummanni ofiisaatiin filatu uumamuudha,'' jedhan.

Sagaleen deeggartootaa akka hin qoqqoodamne akka yaadame kan dubbatan Aadde Seenaan, "sagalee ummataatiif gatii kennuu kan jedhudha wanti guddaan," jedhan.

Kunis, "bakkee paartiin tokko deeggarsa jabaa itti qabu walii dhiisaa dorgommiif dhihaatanii sagalee argatan walitti fidanii fuulduratti itti deemuudha," jechuun himu.

''Fakkeenyaaf, bakkee PBO'n itti dorgomu irratti beekamaadha deeggaraan paartilee sadeenitu jiru. Kanaaf, deeggaraan ABO, kan KFO kan PBO's PBO qofa fila jechuudha.

''Bakkeettii ABO'n deeggarsa guddaa qabuttimmoo deeggaraan paartii sadeeniitu ABO fila. Bakkee KFO'n dorgomu irrattimmoo deeggaraan paartii sadeeniitu KFO fila," jechuun ibsu.

Akkaataa kanaan, dorgommiin 'mootummaafi paartilee saba biraa waliin ta'a malee Oromoofi Oromoon walirratti hin dorgomu jechuudha,' jechuun galma mariirraa eegamu ibsu.